US meeshaa ammayyaa haleellaa qilleensarraa ittisu Yukireeniif erguuf

US misaa'ela ammayyaa haleellaa qilleensarraa ittisuufi 'Paatroot' jedhamu Yukireenif erguuf akka jirtu miidiyaaleen US gabaasan.

Pirezidaantin US Joo Baayidan torbee kana deeggarsa misaa'eloota farra haleellaa qilleensarraa ammayyaa Yukireenif kennuu akka beeksisanitu eegama jedhame.

Haleellaa qilleensarraa Raashiyaan gaggeessaa jirtu qolachuuf Yukireen deeggarsa farra haleellaa qilleensarraa gaafachaa turteetti.

Haleellaa misaa'elaa Raashiyaan bu'uuralee anniisaa irratti qiyyeeffachuun gaggeessituun Yukireen yeroo ammaa dukkana keessa jirti.

Misaa'elli ittisa haleellaa qilleensarraa Paatroot jedhamu kun farra misaa'elaa baay'ee ammayyaa yoo ta'u, hangi US Yukireenif dhiyeessu muraasa ta'uu mala jedhame.

US misaa'eloota meeqa Yukireenif akka ergitu hin beekamne.

Misaa'elli ittisa haleellaa qilleensarraa kun akka ergamuuf mirkanaa'e taanan guyyoota dhufan muraasa keessatti ergama jedhe aangawaan US tokko.

Raashiyaan gama isheen US misaa'ela Paatiroot Yukireenif laatti taanan bakka misaa'elichi jiru akka haleeltu beeksifte.

Oduun US misaa'ela ammayyaa Yukireenif erguufi jedhu kan dhagahame Raashiyaan magaala guddoo Yukireen Kiiv qilleensarraan misaa'elaan haleelaa jirtuttiidha.

Ji'a Onkoloolessaa irraa kaastee Raashiyaan buufataalee madda anniisaa Yukireen irratti xiyyeeffachuun haleellaa hamaa gaggeessaa jirti. 

Kanarraa kan ka'e misaa'ela misaa'ela farra ykn ittisa haleellaa qilleensarraa akka kennituuf US gaafataa turte.

Dubbii himaa nageenya biyyoolessaa US kan ta'an Joon Kirbii torbee darbe akka jedhanitti walitti dhufeenyi Raashiyaa fi Iraan walitti dhufeenya waraanaa [US fi Yukireen] akka daran cimu taasise.

Misaa'elli Paatiroot mala ittisaa baay'ee ammayyaa US qabdu akka ta'etu himama.

Gatiin misaa'el Paatiroot tokkoo dolaara miliyeena 3 akka ta'e Washington Post bara 2017 gabaasee ture.

US misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa kana bara 1980'oota keessa omishte.

Ergasii as ammoo biyyoota michuu ishee ta'an, kanneen akka biyyoota Awurooppaa, Paasifikii fi Sa'udii Arabiyaatti gurgurtee hojiirra oolaa jira.

Malli ittisaa Paatiroot jedhamu kun dhukaastuu misaa'elaa, raadarii, bakka ajajaa, fi konkolaataa deeggarsa kennu kan biraa hammata.