Sudaanitti lola aangoo qabachuuf gaggeeffamaa jiruun namooni 56 ajjeefaman, 600 ol madaa'an

Madda suuraa, Getty Images
Sudaanitti dhibdee humna waraanaa biyyattii fi garee hidhatee ittiin morkatu- Humna Dafee Qaqqabaa (RSF) gidduutti walitti bu'iinsa dhalateen hanga ammaatti namoonni 56 ajjeefamuu fi 600 kan caalan madaa'uu maddeen hospitaalaa eeran.
Wayita humnoonni lameen magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuum keessatti masaraa mootummaa, buufata TV biyyaalessaa fi buufata waraanaa guddicha qabachuuf wal-waraanan, jiraattonni magaalattii dhukaasa dheessuuf baqataa turan.
Namoonni 25, kan 17 namoota nagaa ta'an, magaalaa Kaartuum keessatti ajjeefamuu gurmuun doktaroota biyyattii ibse.
Walitti bu'iinsi kun waa'ee bulchiinsa siivilii irratti wiixinee dhihaate irratti muddama dhalate hordofee mudate.
Waraanni mootummaa fi gareen morkattootaa-Humna Dafee Qaqqabaa biyyattii (Rapid Support Forces (RSF) lameenuu buufata xiyyaaraa fi iddoowwan ijoo ta'an magaalaa Kaartuum keessaa qabachuu himaa turan.
Iddoowwan ijoo ta'an kunneenitti halkan guutuu lolli gaggeeffamaa ture.
Sambata kaleessaa (Ebla 15, 2023) ganama irraa eegalee dhukaasi gurguddaan magaalaa Ombdurman, kan magaalaa Kaartuum fi magaalaa ollaa Bahri walquunnamsiisu keessatti gaggeeffamaa ture.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti Galaana Diimaa iddoo buufata Sudaanittillee waraanni cimaan gaggeeffameera.
Loltoonni mootummaa fi hidhattoonni RSF buufata waraanaa Kabkabiyaa jedhamutti wayita walitti dhukaasan, hojjettoonni Dhaabbata Nyaataa Addunyaa sadi, kanneen namoota miidhamaniif nyaata dhiheessan turan keessaa ajjeefamaniiru.
Fonqolcha mootummaa bara 2021 Onkoloolessa keessa gaggeeffame booda Sudaan jenaraalotaan bulaa jirti.
Amma waraanni kan gageeffamaa jiru garee bulchaa biyyattii Jenaraal Abdel Fattah al-Burhaaniif amanamoo ta'anii fi garee mormitoota bulchiinsa jenaraalichaa RSF jedhamu kan bulchaa itti aanaa Mohammad Hamdan Dagalo (Hemedti)'n durfamu gidduutti.
Mohammad Hamdan Dagalo hanga buufata waraanaa biyyattii hunda to'atanitti akka lolan ibse.
Humni waraanaa Sudaan ammoo hanga gareen hidhataa RSF jedhamu kun diigamutti marii gosa kamuu akka hin gaggeessine ibseera.
Sudaanitti kan wal-waraanaa jiran eenyufaadha?

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga bulchiinsi Siivilii Abdallaa Hamdook aangoorraa folchamee biyyattiin bara 2021 irraa eegaltee Mana Maree birmadummaa jedhamuun kan hundaa’e jalatti jenaraalota waraanaan hoogganamaa jirti.
Ajajaan humna waraanaa biyyattii Jenaraal Abdel Fattah al-Burhan dursaa mana maree kanaa yoo ta’an, ajajaan damee humna dafee qaqqabaa Jenaraal Mohammad Hamdan Dagalo ammoo itti aanaadha.
Aangoo bulchiinsa siiviliitti dabarsuuf wiixinee dhihaaterratti jenaraalota waraanaa gidduutti waldiddaan dhalatee tureera.
Aangoon bulchiinsa siiviliif yoo darbe miseensonni humna addaa raayyaa ittisaatti makamu kan jedhurratti waliigalameera, jenaraalonni kunneen garuu waliigalteen kun yoomirraa akka hojiirra oolu irratti walii hin galle.
Jenaraal al-Burhan miseensonni milishaa kunneen wagga lama keessatti raayyaa ittisaatti makamuu qabu yoo jedhan, maqaa masoo Hamedti jedhuun kan beekaman jenaraal Mohammad Hamdan Dagalo ammoo humni dursan kun waraana biyyattii kan makamu waggoota kurnan dhufan booda jechuun mormu.
Muddamni jenaraalota waraanaa lameen gidduutti akkaan hammaate kun Sambata kaleessaa (Ebla 15, 2023) dhohe.
Jenaraal al-Burhaan waraanni biyyattii ganameera jedhu, Hamedti ammoo seera kabachiisaa jirra jedhan.
Humna miseensota kuma 100 qabu kan hoogganan Hamedti, Sudaan keessatti nama dhiibbaa guddaa uumaniidha.
Gareen milishaa Hamedti’n hoogganan dhiittaa mirga namoomaan kan himatamu yoo ta’u, waraana Daarfuur bara 2003 eegale keessatti hirmaachuun loleera.
Dabalataan humni Hamedti kun Liibiyaa keessatti, akkasumas Yaman keessatti humna qindaa’aa Sa’uudiin durfamu deeggaruun loleera.
Miseensonni milishaa humna dafee qaqqabaa kun bakka Merowee jedhamuun wamamutti loltoonni Masirii harka kennachuu ragaa viidiyoon deeggaruun agarsiisaa turan.
Humni waraanaa Masirii garuu loltoonni jedhaman kunneen Sudaanitti kan argamaniif loltoota Sudaan waliin shaakallii waraanaa taasisuuf ta’uu eeruun, nageeya loltoota kunneenii mirkaneessuuf aanga’oota mootummaa Sudaan dubbataa jiraachuu hime.












