Barsiisaan karaa ‘Online’ tolaan Afaan Oromoo qubeessuu barsiisaa jiran maal himu?

Madda suuraa, Getty Images
Qubeessa jechoota Afaan Oromoo irratti dogoggora namoonni uuman ijoo dubbii tahuun waan haaraa miti.
Xalayaawwan waajjiraalee addaa addaa, barjaaleen, maxxansaaleen miidiyaa hawaasummaa irratti barreeffamaniifi beeksisootni adda addaa dogoggora qubee uumanii yeroo qeeqaman arguun baratamaadha.
Duulli sirna qubeessuu sirreessuu, duraa duuba barreeffamootaa eeguufi magaalotatti barjaalee dogoggora qaban sirreessuuf yaaluus waan tibba tokko ho’ee qabbanaa’u malee fulla’ee rakkoon hin furamne.
Magaala Adaamaa dabalatee magaalota Oromiyaa hedduu keessatti barjaaleefi beeksisoota dogoggora qaban jedhaman qalama Diimaa dibuun sirreessuuf jalqabbiin mul’ate fiixa hin baane.
Hojiin bifa duulaatiin bakka hedduutti jalqabame ajandaa yeroofi tibba tokkoo ta’ee achumaan hafa.
Tibba kanas karaa miidiyaa hawaasummaatiin barreeffamoota namoota dhuunfaa dogoggora qaban halluu diimaa jala muruun namootni sirnaan akka qubbeessaniif dhiibbaa gochuun mul’achaa jira.
Yunvarsiitii Finfinneetti Afaan Oromootiin barnoota PHD hordofaa kan jiran Gargaaraa Piroofeesaraa Fedhasaa Taaddasaa, dhimmi qubeessuu Afaan Oromoo rakkoo hammaataa garuu xiyyeeffannaa hin arganneedha jedhu.
“Qubeessa Afaan Oromoo irratti rakkooleen amma mul’achaa jiran waan nama rifaasisudha. Sababa dogoggora qubeetiin waajjira beekamaadhaa jechi arrabsoo barreefamee baha. Kun namoota baratan birattis waan baay’inaan mul’achaa jiru,” jedhan.
Afaan Oromoo keessatti qubeen tokko karaa sirrii hin taaneen yoo dabalame yookan hir’ifame ergaa yaadamerraa kan biraa dabarsuu waan danda’uuf ofeeggannoo barbaadas jedhan.
“Dogoggorri kun seerota shanan qubeessuun ofjalaa qabu wallaaluurraa madda. Sagalee dheeraafi gabaabaa, sagalee jabaafi laafaa, seera sagalee irra butaafi hudhaa, seera qubee gurguddeessaafi sirna tuqaaleeti. Ulaagaa kana yoo guute dogoggorarraa walaba taha,” jedhan.
Kanaan alaattis namoonni Afaan Oromootiin yeroo barreessan dogoggorri karaa lamaan akka uumamaa jiru akeeku.
“Namni gara caalu seerota kana wallaaluun dogoggora barreessa. Warra kana leenjisanii barsiisanii fooyyessuun ni danda’ama. Inni lammataa xiyyeeffannaa kennuu dhabuurraa dogoggoru,” jedhan.
Leenjii tolaa karaa Online…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barsiisaa Fedhasaan dhimma dogoggora qubeessuu Afaan Oromoo irratti mul’atu kana miidiyaalee hawaasummaa irratti yeroo hedduu barreessuudhaan hubannoo uumuuf yoo yaalan mul’atu.
Rakkoon kun hammaataa jiraachuu qofa himuufi dogoggora namootaa jala sararuun miidiyaalee hawaasummaa irratti qooduu qofaan rakkoon waan hin furamneef amma gara furmaataa deemuu barbaachisa jedhan.
Kanaaf jechas, yeroo ammaa kaka’umsa isaaniitiin namoota hanqina qubeessuu qabaniifi leenjiidhaan of fooyyessuu barbaadan karaa Online leenjiii tolaa kennuu jalqabaniiru.
“Dogoggora nama uume jala muranii agarsiisuun nama dogoggore sana lama miidha. Tokko yaada isaanii sirnaan ibsachuu hin dandeenye. Lammata barreeffamni isaanii jala muramee miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamuun xiinsamuu isaanii miidha”
“Rakkoo odeessuu qofti qaama rakkoo ta’uudha jedheen yaade. Kanaaf, qaama furmaataa ta’uun qaba jedheen yaada karaa online kana leenjisuu jalqabe. Namni leenjii barbaaddan jedhee jennaan guyyaa tokkotti namoota 250tu galmaa’e” jedhan.
Guyyaa muraasa keessatti namni leenji'uuf fedhii qabu hedduu ta’uu erga mirkaneeffatanii haala itti leenjisuu danda’an mijeessuun karaa online leenjii jalqaban.
Leenjii kana tolaanin kenna kan jedhan Barsiisaa Fedhasaan, namootni biyyoota alaa jiraniifi halkan leenjii kana fudhatan garuu fedhii isaaniitiin kaffaltii muraasa kaffaluufii jalqabuu eeran.
“Jalqaba namoota hanga shanii ta’aniin leenjii online kana jalqabe. Ijoollee sanarratti fooyya’iinsaafi jijjiirama argee jennaan nama hedduu hirmaachisuuf kanin yaade. Amma sanbata xiqqaa ganama yeroo hunda namootni karaa online seenanii leenjii kana fudhachaa jiru,” jedhan.
Leenjii sa’aatii tokkoof turu kanarrtti leenjitoonni intarneetii qabaachuu qofa akka barbaachisuufi akkuma nama daree keessatti baratuutti leenjii kana hordofu jedhan.
Sirna qubeessuutiin alattis namoota Afaan Oromoo dubbachuu hin dandeenyeefi baruuf fedhii qabaniifis leenjii ‘waliin dubbii Afaan Oromoo’ kennaa jiraachuu eeran.
Tajaajila gorsa Afaan Oromoofi mul’ata fuulduraa
Barsiisaa Fedhasaan rakkoo sirna qubeessuu Afaan Oromoo irratti mul’atu kanaaf furmaata ni ta’a kan jedhan leenjii online kennuun alattis dhaabbata dhuunfaa ''Tajaajila Gorsa Afaan Oromoo'' jedhu hundeessuuf yaalanis itti hin milkoofne.
“Heeyyama kana baasuuf Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa deemee jennaan tajaajila akkanaatiif heyyama kennuuf seerri nu deeggaru hin jiru naan jedhan. Sababa kanaan hin milkoofne. Seerri kana ilaalu bahu barbaachisa,” jedhan.
Tajaajilli gorsaa kun osoo jalqabee dhaabbilee mootummaafi biroo sirna barreeffamaa, qubeessaafi kaan irratti gorsa kennuun rakkoo amma jiru kanaaf furmaata tokko waan ta’u hojjechuu ni danda’ama jedhaniis amanu.
“Mootummaan rakkoo amma Afaan Oromoo mudate kana xiyyeeffannaa kennuufii qaba. Guddina afaanichaatiif waan murteessaa waan ta’eef,“ jedhan.
Barsiisaa Fedhasaan rakkoon qubeessuu amma hammaachaa dhufe kun dadhabbina sirna barnootaa keessatti mul’ataa dhufeen walqabata yaada jedhu qabu.
“Barataan kutaa 4 ta’ee hima ijaaruu hin dandeenyetu jira. kun qulqullina barnootaatiin waan walqabatu. Barsiisaan Afaan Oromoo barsiisu nama Afaan Oromootiin leenji’e ta’uu qaba. Amma bakka hedduutti nama ogummaa biraa baratetu yoo barsiisu mul’ata,” jedhan.
Gara fuula duraatti leenjii qubeessuu karaa online kana bal’isuun namoota baayyeef leenjii kennuu, akkasumas tajaajila Gorsa Afaan Oromoo kanaan kutaalee Oromiyaa hedduutti leenjiwwaniifi tajaajila gorsaa kennuuf mul’ata qabataniiru.












