Misaayilli saffisaa Raashiyaan tolfatte kan akkamiiti?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Raashiyaa fi Yukireen giddutti deemaa jiru waraana biyyoota lama giddutti gaggeeeffamurra tareera.
Raashiyaa fi biyyoonni miseensota NATO waraana Yukreeniin kanarrratti humna waraanaa qaban dirree itti agarsiisaan ta'eera.
Raashiyaan misaayila haayiparsoonik saffisaa fi ammayyaa'aa jedhame yeroo weerara Yukireen keessatti eegalte itti gargaaramte.
Dhiyeenya baatii Bitootessa keessas misaayila haalaan saffisaa ta'e kana haleellaaf itti gargaaramte jirti.
Haleellaa sanaan lubbuu namoota sagaliitu darbe, bu’uuraalee misoomaa Yukireen miite.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin durumaan misaayila saffisaafi iddoo itti akeekameerra hin gorre Raashiyaan akka qabaattuuf hojjadha jedhanii himanii turan.
Misaayila saffisaa kana biyyoonni akka Ameerikaa, Iraan fi Chaayinaa fa’aa hidhachuuf yaalaa turan.
Misaayilli haayiparsoonik Raashiyaa kan akkamiiti?
Raashiyaan misaayilii saffisaa kanaan Kinizaal (Kinzhal) jetti, hiikni isaa afaan Ispaanishiin cuubee jechuudha.
Mootummaan Raashiyaa akka jedhutti, misaayilii kun sa’aatiitti kiloomeetira 6,000 furguggifama.
Misaayilli kuni wanta kiloomeetira 2,000 irratti irratti qiyyaafatame mancaasuu danda’a.
Misaayilii kun kallattii itti furguggifamu jijjirrachuu kan danda’u yoo ta’u, otoo balali’aa jiruu kallattiisaa sirreeessuun ni danda’ama.
Misaayila kana wanti ijoon adda taasisu saffisa isaati.
Akka Raashiyaan jettutti, misaayilli kun sekondii tokkotti 1.6 km furgugaachuu danda’a.
Misaayiliin kun boombiiwwan niwukilaraa ittiin furguggisuuf oolu danda’a.
Misaa'ila kana xiyyaaraan, lafarraa, galaana keessallee dhukaasutu danda’ama jedha.
Gabaasaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar akkas jedha:’’misaayilli haayippersoonik gosa lama yoo ta’an, tokko kan furguggifamu, tokkoommoo kan balali’uu,’’ jedha.
''Raashiyaan gosa misaayilaa furguggifamanii heddu kan qabdu yoo ta’u, xiyyaara irraa darbatamuun 1,900km olirratti waanta itti aggaamame ykn akeekame haleeluu danda'u.
''Gostii misaayiliin oliif gadi marsuun balali'u ammoo gara lafaatti gadii dhiyaatee ol deebi'ee furguggufamuun iddoo itti akeekame rukuta'' jedha Gaardiner.

Madda suuraa, Getty Images
Misaayila kanatti Raashiyaan gargaaaramuun ogeeyyii dhimma meeshaalee waraanaa xinxalaan akka waa'ee isaa dubbatan taasise.
Raashiyaan yeroo jalqabaatiif misaayilii kana yeroo gargaaramtu dhaabbata Dhimma Nageenyaa Addunyaatti ogeessa imaammata niwukilaraa kan ta'an Jeemsi Akshinitti dhiibbaa guddaa akka uumu hin fakkaanne ture.
Siwizerlaand Zuurikitti ogeessa qorannoo dhimma nageenyaa kan ta'an Dominik Kurtoovaa, misaayilii kun hojiirra ooluun ''biyyoota Lixaaf mallattoo akeeku qaba,'' jedhan.
Haa ta'u malee, Raashiyaan misaayiloota saffisoo akkasii baayyee waan hin qabneef yaaddoo baayyee hin uumu jechuun dubbatu.
Haayippersoonik fi Supparsoonik
Teeknoloojiin misaayilii haayippersoonik ijaarsa meeshaalee waraanaa keessatti yaada haaraa miti.
Misaayiloonni ardii tokkoorra kaanitti furguggifaman (ICM) saffisaan tarree misaayiloota supparsoonik jedhaman cinaa hiriiru danda'u.
Misaayiloonni ardii tokkoorra kaanitti furguggifaman yeroo dhukaafaman kallattii itti furguggifaman tilmaamun ni danda'ama.
Misaayiloonni supparsoonik garuu erga dhukaafamanii kallattii itti furguggifamaniifi ol fageenyaa irra furguggatan geggeeddarachuu danda'u.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, akkuma Chaayinaa fi Ameerikaa biyyi Raashiyaa misaayillii suppaarsoonik bifa ammayyaa'een qopheessaa jirtu nageenyaaf tasgabbii addunyaatiif yaaddoo guddaa uuma.
Raashiyaan misaayiloonni kun niwukilarallee furguggisuu ni danda'u jetti.
Yunvarsiiitii Koloraadootti injinarrii balaliii xiyyaaraa Iyaan Boyid, ''dubbiin kun dhugaas yoo ta'ee dhara muddama biyyoota gidduutti uuma'' jedhan.
Misaayiloota biyyooti biroo yaalaa jiran
Biyyoota misaayila supparsoonik ijaaraa jiraachuu himan keessaa tokko Kooriyaa Kaabaati.
Raashiyaan misaayila kana erga gargaaramtee booda Ameerikaa, UK fi Awuustiraaliyaan waa'ee misaayilichaa sirnaan hubachuu fi ofirraa qolachuuf waltumsuu eegalaniiru.
Sagantaan kun tibbana biyyoonni sadan tumsa gama nageenyaan mallatteessaan keessatti hammatameera.
Biyyoota Lixaa waliin morkii jabduu keessa kan jirtu Iraan sadaasa darbe misaayila haayippersoonik qaba jettee turte.
Kooriyaan Kaabaa akkasuma ''yaalii milkaa'aa taasise'' jettee beeksiste.












