US, UK fi Awustiraaliyaan doonii nuukileera bishaan jalaa ijaaruuf wal ta'an

Madda suuraa, Getty Images
Hoggantoonni US, UK fi Awusiraaliyaa, tuuta doonii bishaan jalaa (submarine) nuukileera ijaaruuf walii galtee taasisaniin, karoora irratti wal ta'an ifa godhaniiru.
Akka walii galtee Aukus jedhamutti, Awustiraaliyaan jalqabarratti doonii nuukileeera bishaan jalaa yoo xiqqaate sadii US irraa ni argatti.
Dabalataanis biyyootiin sadan kun, tuuta doonii kunneenii teeknolojii haaraa fayyadamuun ijaaruuf walii galaniiru.
Chaayinaan, walii galteen humna waraanaa galaanaa guddaa kun “nagaa fi tasgabbii ni miidha” jetti.
UN'tti ergamaan Chaayinaa dabaluunis, biyyootiin Lixaa yaalii to’annoo nuukileera irratti gaggeeffamu duubatti deebisaa jiru jechuun himateera.
Pirezidantiin US, Joo Baayidan garuu, waliigalteen kun naannichatti nageenya cimsuuf kan qophaa’edha jedhan.
Baayidan dooniiwwan bishaan jalaa kun “humna nukileeraan kan hojjetan malee, meeshaa waraanaa nukileeraa kan fe’an miti,” jedhaniiru.
Pirezidant Baayidan, Ministeera muummee UK Rishi Sunaak fi MM Awustiraaliyaa Antonii Albaniis waliin ta’uun Kaaliforniyaa, San Diyeegootti ibsa kennaniin walii galteen kun kakuu Awustiraaliyaan biyya meeshaa nukileeraa irraa bilisa ta’uuf galteettu kan gufachiisu miti jedhaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen kun, Awustiraaliyaan dandeettii humna waraanaa ishee akka guddistuuf guddaa ni gargaara.
UK’tti aansitee, Ameerikaa irraa teeknolojii annisaa nukileeraa adda ta’e argachuun Awustiraaliyaan biyya ishee lammataadha.
Dooniin galaana jalaa haaraa kun, doonii kan kanaan dura boba’aa fayyadaman caalaa saffisaan imaluu fi hojjechuu danda’a.
Dabalataaniis Awustiraaliyaan yeroo jalqabaaf, haleellaa fageenya fagoo diinota ishee irratti gaggeessuu dandeessi.
Akka walii galtee kanaatti, loltoonni humna waraanaa galaanaa Awustiraaliyaa doonii galanaa jalaa annisaa nukileeraan socho’uu akkamiin akka fayyadaman barachuuf bara kana gara US fi UK’tti ni ergamu.
Bara 2027 irraa eegalee US fi UK’n doonii nukileeraa kunneen muraasa buufata Lixa Awustiraaliyaa, Peerz keessa ni kaawwatu.
Jalqaba bara 2030’n keessa ammoo Awustiraaliyaan doonii galaana jalaa US sadii ykn shan ni bittatti jedhama.
Sana booda akka waliigaltee kanaatti karoorri jiru humna waraanaa galaanaa UK fi Awustiraaliyaaf doonii bishaan jalaa annisaa nukileeraa fayyadaman haaraa ijaaruu ta’a.
Dooniin kunneen SSN-AUKUS jedhamee waraama.
Dooniin waraanaa kun Biriteenii fi Awustiraaliyaa keessatti diizayiinii Biriteeniin kan ijaaramu yoo ta’u, teeknolojiin hojiirra oolu garuu kan biyyootii sadan irraa dhufu ta’a.
Pirezidant Baayideen akka jedhanitti, biyyootiin sadan nannoon garba Indiyaa fi garba Paasifikii (Indo-Pasifik) – kan biyyotii 40 of keessatti qabatu- walabaa fi banaa akka ta’u mirkaneessuuf kutataniiru.












