Humni galaanaa Afrikaa Kibbaa maaliif Raashiyaa waliin shaakalu?

Dooniiwwan waraanaa Raashiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Afriikaan Kibbaa Raashiyaafi Chaayinaa waliin shaakala waraanaa waloo eegaluuf jirti.

Shakkallii humna galaanaa kunis waggaa tokkooffaa Raashiyaan itti Yukireen weerarteen wal irra ooluutti Ameerikaan qeeqaa jirti.

Afriikaan Kibbaa, Raashiyaafi Chaayinaan maal gochaa jiru?

Shakkallii humna galaanaa guyyoota 10 Guraandhala 17 irraa kaasee Galaana Indiyaa kan qarqara Afriikaa Kibbaa irratti eegaluuf jira.

Humni Raayyaa Ittisa Biyyaaleessaa Afriikaa Kibbaa (SANDF) miseensoonni isaa 350 ta'a akka keessatti qooda fudhatan hime.

Raashiyaanis doonii waraanaa Admiraal Gorshkoy kan misaa'eelawwan Zircon hyersonic baatu akka ergitu beeksiifte. Isaanis saffiisa sagalee caalaa dachaa sagaliin kan balalii'u yoo ta'an fageenya km 1,000 qaqabuuf dandeettii qabu.

Mooskoonis ''waraana Yukireeniitti gaggeessaa jirtuun danqamaa jirtulleen, ammalleen humni waraanaa ishee cimaa ta'u agarsiisuu barbaadi'' jedhan Deeniis Revaa Insititiyutii Qorannoo nageenyaa Afriikaa Kibbaa irraa.

Humni Raayyaa Ittisa Afriikaa Kibbaa waa'ee shaakkalliicha waanuma muraasa qofaa kan dubbate yoo ta'u, garuu shaakkallii bara 2019tti biyyoota sadeeniin gaggeeffamee ture irratti dooniiwwan waraanaa hedduun hirmaatanii ture. Biyyoota sadan irraa dooniin waraanaa tokkoo tokkoofi dooniiwwan meeshaa dhiyeessaniifi kanneen to'atan hirmaatanii ture.

Isaanis qarqara galaanaa fi loolaa keessatti waraana gaggeessuu fi dooniiwwan saamtootaa to'achuu fa'i shaakalanii ture.

Shaakalichi maaliif falmsiisaa ta'e?

Dubbii himaan Waayiti Hawuusi Amajjii keessa, ''Ameerikaan osoo Raashiyaan waraana sukkanneessaa Yukireen irratti gaggeessaa jirtuu ishee waliin shaakaluu ...waa'ee biyya kamituu ni yaaddoofti,'' jedhan.

Afrikaan Kibbaa duraan waa'ee weeraraa irratti walgahii UN irratti Raashiyaa balaaleeffachu irraa of qusattee turte. Akkasumas Raashiyaarra qoqophaa kaa'uudhaaf Ameerikaafi Awurooppaa waliin hiriiruu didee turte.

Doonii bashannannaa abbaa qabeenyaa Raashiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Dooniin bashannannaa (Nord superyacht) abbaa qabeenyaa Raashiiyaa Aleeksii Mordaashov kan qoqophaan irra kaa'amee turte akka qarqara Keep Taawoon dhaabbatuuf hayyamteef.

Akkasumas dooniin fe'umsaa raashiyaa dhorkaan irra kaa'amte Lady R akka buufata humnda galaanaa Afriikaa Kibbaa irratti fe'umsa buuftuuf hayyamteef. Mootummaanis ajaja meeshaalee waraanaa ture baattee turte jedhe.

Afriikaan Kibbaa erga 2011 as Ameerikaa, Faransaayi fi Jarmanii waliin shaakkala waloo afur gaggeessuu hime.

''Biyyoon hunduu hiriyaasaanii addunyaa waliin shaakala waraanaa ni gaggeessu'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Naaledi Paandor tibba gitini isaanii Raashiyaa Sargee Laavroov Amajjii keessa Afriikaa Kibbaa doowwataniitti.

Afrikaan Kibbaa maaliif keessatti hirmaatti?

Akka hogganaan Insititiyuutii Dhimmoota Idil-addunyaa Afriikaa Kibbaa Elzaabeeti Sidiropoulos jedhaniitti, sababii waraanni Afriikaa Kibbaa maalaqa gahaa hin qabneefi amma shaakallii kana keessatti hirmaataa jira.

Kaayyoon dursaa humna galaanaas kiyyeesitoota qurxummii bishaan biyyattii irra hojjatan eeguu fi saamtoota Galaanaa Indiyaa irraa ittisuudha.

''Dhimmoota akka saamtoota galaanaarra ittisuuf dendeettii ummachuuf ammoo biyyoota gara biraa waliin hojjachuu barbaachisa'' jedhan.

Ministiroota Dhimma Alaa Raashiyaafi Afriikaa Kibbaa

Madda suuraa, Reuters

Kongrasiin Biyyaaleessaa Mootummaa Afriikaa (ANC)n Raashiyaa waliin waliitti dhufeenya baroota dheeraa qaba.

Raashiyaa fi Chaayinaan maal barbaadu?

Aadee Sidiropoulos akka jedhaniitti,shaakallii bara kanaatiin biyya kamuu caalaa Raashiyaatuu irraa fayyadama. ‘‘Raashiyaan ammalleen humnashee fageessitee akka yaadduu agarsiisa. Akkasumas addunyaa mara irraa ammalleen michoota akka qabduus ni agarsiisa.

‘‘Kunis addunyaa guutuun akka Raashiyaa irratti hin kaanee itti agarsiisa. Biyyoota Lixaa qofaatu Raashiyaa morma.’’

Chaayinaanis sararriiwwan doonii meeshaalee daldalaa fe’anii buufataalee ishee irraa gara biyyoota Afrriikaa dhaqan akka saaqaman barbaaddi jedhan De Vines.

Akkasumas humna galaan ishee qarqara biyyoota Afriikaatti, Galaana Indiyaa keessaatti hundeesuus ni barbaadi.

‘‘Kunis humna galaanaa ishee gara bishaan idil-addunyaatti baasuudha.

‘‘Chaayinaan saamtoota galaanaarraa ittisuuf Baha Afriikaatti Jabuutiitti fayyadamaa kan jirtu yoo ta’u, tarii buufataalee dabalataa barbaachaa jirtis ta’a.’’