Raashiyaatti dhukaasa mana barumsaatti banameen daa'imman dabalatee namootni 13 ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Mana barnoota giddu galeessa Raashiyaa jirutti namichi meesha waraana hidhatee ture dhukaasa banuun, yoo xiqqaate namoota 13 ajjeesee, namoota 21 madeessuu isaa anga’ootni Raashiiyaa ibsaniiru.
Mana barnootaa magaalaa Izeveeskii jiru kana keessa barattoonni gara 1,000 ta’an kan jiran yoo ta’an, kanneen ajjeefaman keessaa torba ijoolleedha.
Namichi kun bakkuma sanatti kan of ajjeese yoo ta’u, kana dura barataa mana barumsichaa ture.
Miidiyaalee biyyattii viidiyoo naasuu fi baqa mana barumsichaa keessa ture maxxansaniiru.
Viidiyooleen tokko tokko dhiigaa lafa kutaalee barnoota irra jiruu fi uraa foddaa irratti rasaasaan uumamee akkasumas ijoollee minjaala jala dhokatanii turan mul’isu.
Akka aanga’ooti Raashiyaa jedhanitti, hojjettootaa eegumsaa lamaa fi barsiisota lama dabalatee, ga’eessota ja’aa fi ijoollee torbatu ajjeefame.
Amma barattoonnii fi hojjettonni mana barumsichaa gamoo sana keessaa baafamaniiru.
Miseensi paarlaamaa naannichaa akka jedhitti, namichi haleellaa kana bane maqaan isaa Artem Kazanteseev yoo ta’u, shugguxii lama hidhatee ture.
Viidiyoon koree qorannoon intarneeta irratti maxxanfame reeffa namicha haleellaa kana banee, uffata mallattoo Naazii qabu uffatee lafarra jiruu ni mul’isa. Qorattoonni mana jireenyaa namicha kanaa barbaadaa jiru.
Hoogganaa naannichaan hanga Fulbaana 29’tti yeroo gaddaa akka ta’u labsameera. Dubbii Himaan Pirezdaant Vilaadmiir Puutin, haleellaa kanaan pireezdaantichi “ guddaa gaddeera” jechuun himeera.
Manni baruumsaa kun wiirtuu magaalaa Izeveeskii’tti bakka gamoowwan mootummaa hedduu jiranitti kan argamudha.












