Waraana Israa’el-Gaazaan yakki waraanaa raawwatamaa jiraa? Seerri hoo maal jedha?

Gaazaa harki caalaan haleellaa xiyyaaraan miidhameera

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Israa'el jiraattoota Gaazaa "jumlaan adabuun" yakka waraanaa raawwachaa jirti jedha.

Gaazaa muddama keessa jirtuuf gargaarsa namoomaa xiqqaatu seenaa jira.

Israa'el mirga balaa ofirraa qolachuun qaba jechuun, garee Islaamistoota Hamaas balleessuu barbaaddi.

Erga Onkoloolessa 7, 2023 hidhattoonni Hamaas namoota 1,400 ajjeesanii, namoota 200 ol butanii Gaazaa geessani as Israa’el Gaazaa xiyyaaraan haleeluu itti fufteetti.

Sadaasa 8, 2023 Komishinarri Olaanaan Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Volker Türk, “Adabbiin waloo Israa’el namoota nagaa Filisxeemirratti dabarsite yakka waraanaati, akkusuma seeraan-ala humnaan lammiilee nagaa buqqiste,” jedhan.

Volker Türk Hamaasillee yakka waraanaa raawwate jedhan.

Gaazaatti namoonni 10,000 ol ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hogganamu ibseera.

Lakkoofsi namoota ajjeefamanii guyyumaan dabalaa jira.

Seerri namoomaa idil-addunyaa maali?

Seerri waraanaa biyyas ta'ee qaamolee waraana keessatti qooda qaban biroo ni ilaallata

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniii waraana kamiyyuu keessatti eegumsi lammilee nagaaf dursi kennamuu qaba jedha.

Waraana keessattillee qaamni kamiyyuu seeraa ol akka hin taane dubbata. Kanatu seera namoomaa idil-addunyaa (IHL) jedhamee beekama.

"Seera kana qaamni tokkoon cabsuun, qamni biraas cabsuudhaaf akka sababaa dhiyeessuun hindanda'amu," jetti UK Mana Barumsaa Seeraa fi Giddugala Mirga Namoomaa Essex keessatti Tumsitu piroofeesara kan taate Taraa Vaan Ho.

"Haaluma walfakkaatuun, garaagarummaan aangoo Israa'elii fi mootummaa Filisxeemii fi Hamaas gidduu jiru dirqama qaamolee kamiyyuu hin jijjiiru," jedhan.

Waliigalteen Jeeneevaa maali?

Bara 1939-1945tti yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Awurooppaatti Naaziin Jiwishoota miliyoona jaha fixuu hordofee seerotni kun babal’atan.

Kana qofayyuu miti, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka hundeeffamufillee sababa ta’e.

Bara 1949 waliigalteen Jeeneevaa bahe qajeelfamoota buʼuuraa ijoo afur irratti xiyyeeffata:

  • Ogeeyyiin fayyaa fi hospitaalonni naannoo waraanaatti ni eegamu, akkasuma bilisaan akka hojjetan eeyyamamaaf.
  • Namoonni lolarratti madaa’anii fi lolarratti deebi’anii hirmaachuu hin dandeenye yaala fayyaa argachuuf mirga qabu.
  • Namoonni waraanarratti to’ataman namummaan isaanii ni kabajamaaf.
  • Qaamoleen waraana keessatti qooda qaban namoota nagaa eeguuf dirqama qabu (kun bu’uuraalee misoomaa siiviilii kanneen akka dhiyeessii humnaa fi bishaanii irratti xiyyeeffachuu dhorkuu dabalata).

Duguuggaan sanyii maali?

Lammii Ruwaandaa Jiin-Paawol Akayesu poolisoota wajjin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namni jalqabaa duguuggaa sanyiin yakkamaa ta’e lammii Ruwaandaa Jiin-Paawol Akayesu jedhamu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jecha kana jalqaba kan itti gargaarame ogeessa seeraa Jiwish Poolaandi Raafaa'el Leemkin yoo ta'u, maatii isaa harka caalu duguuggaa sanyii Holokoostiin dhabe.

Bara 1948tti, Waliigalteen Duguuggaa Sanyii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin ragga’e.

"Waanti ijoon duguuggaa sanyii keessatti yakkamtoonni nama dhuunfaa ykn miseensota garee waraanaa ykn hidhattoota ajjeesuu osoo hin taane, qabatamaan garee tokko guutummaatti ykn gartokkoon sababa eenyummaa isaatiin balleessuuf yaaduudha," jedha Dr Vaan Ho.

"Yaada akkasii qabaachuun balleessuun yaaduun duguuggaa sanyii yakka idil-addunyaa mirkaneessuuf rakkisaa ta'e taasisa" jedha.

Duguuggaan sanyii ajjeechaa, dhala dhorkuu fi daa’imman humnaan daddabarsuu dabalata.

Namni jalqabaa duguuggaa sanyiin yakkamaa ta’e lammii Ruwaandaa, Hutuu Jiin-Paawol Akayesu yoo ta’u, bara 1998 Mana Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa Dhimma Ruwaandaa qoratu (ICTR) bara 1994 ajjeechaa jumlaa Tutisii namoonni 800,000 dhuman keessatti qooda qabuuf yakkamaa ta’e.

Dhimmoonni biroo lama manneen murtii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramanitti dhiyaataniiru.

Bara 197O Namtichi lammii Kaamboodiyaa Kamer Ruush hawaasa lakkoofsaan xiqqaa Chaam jedhaman ajjeesuu fi bara 1995tti duguuggaa sanyii Serebrenikaan dhiirotaa fi ijoollee dhiiraa Musliimaa 8,000 Bosniyaatti dhumani eeramu.

Yakkoonni farra dhala namaa maali?

Kun duguuggaa sanyiirraa adda yoo ta’u, saba ykn qomoo murtaa’e tokko adda hin baafamne namoota nagaarratti xiyyeeffachuudha.

Yakkoonni farra dhala namaa ajjeechaa, biyyaa ari’uu, garboomsuu, miidhaa saalaa irraan gahu, sirna Appaartaayidii ykn cunqursaa, dararaa fi dirqiin namoota dhabamsiisuu of keessaa qaba.

"Jalqaba, haleellaa dhuguma ummata nagaarratti xiyyeeffachuu adda baafachuu barbaachisa.

Akkasuma haleellaa namoota nagaa miidhu garuu qabatamaan nama waldhabdee keessatti hirmaatan ykn meeshaa kaayyoo waraanaaf oluurratti xiyyeeffatamuu adda baasu barbaachisa,’’ jedhu Dr Vaan Ho.

"Lammaffaa, dhaabbata haleeltu qabaattee, haleellaan sun bal’aa ykn sirnawaa ta'uu fi namoonni dhaabbata sanatti hirmaatan qaama haleellaa kanaa ta'uu isaanii yoo beekan," jedha.

Yakki waraanaa maali?

Yakki waraanaa akka raawwatamuuf lola hidhannoo idil-addunyaa ykn biyya keessaa gaggeeffame ta’uu danda’a.

"Tarreen yakkoota waraanaa waliigalteewwan adda addaa keessatti tumaman dheeraa ta'us, yakkoonni waraanaa namoota eegumsi barbaachisurraan miidhaa hin barbaachifne qaqqabsiisuu ykn dhaabbileen gargaarsa namoomaa hojii isaanii akka gaariitti raawwachuu akka hin dandeenye balaadhaaf saaxilan ta'uu danda’a," jedha Dr Vaan Ho.

Yakkoonni kun akkamitti seeratti dhiyaatu?

Abbaan alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa( ICC) Karim Kaan

Madda suuraa, ICC

Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) qaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniti.

Biyyi tokko mana murtii addunyaa kanatti biyya biraatti himannaa yakka waraanaa dhiyeessuu dandeessi.

Yeroo ammaa kana Miyanmaar hawaasa Rohingaarratti duguuggaa sanyii raawwachuu fi dhiisuun qoratamaa jira.

Bara 2017 tarkaanfii waraanni biyyattii fudhateen namoonni miliyoona tokkootti dhiyaatan qe’eerraa buqqa’an.

Gaambiyaan himannaa bante.

Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) bara 2002tti namoota dhuunfaa yakkoota kanaa raawwachuun himatamaniif murtii kennuuf hundeeffame.

Mana murtii kun murtoo dhumaa kan kennu yoo ta’u, yeroo qondaaltonni biyya bulchan gahee isaaniirraa eegamu bahuu dhiisan ykn dadhaban qofa gidduu seena.

Abbaan Taayitaa Filisxeem bara 2015 miseensa Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaatti dabalamus, Ameerikaa, Chaayinaa, Raashiyaa, Hindii fi Israa’el miseensa ta’anii itti hin dabalamne.

Abbaan alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa( ICC) Karim Kaan dhiheenya kana Masrii daawwatanis, Gaazaa seenuu hin dandeenye. Ibsa gaazexeessitootaaf kenne irratti akeekkachiisa kana Israa’eliif kennan.

"Haleellaan namoota nagaarratti dhiibbaa uumu ykn waantota seeraan eegamanirratti raawwatamu kamiyyuu akkaataa seeraa fi waliigaltee waraanaatiin akka ilaalaman ibsuun barbaada," jedhan.

"Mana jireenyaa, manneen barumsaa, hospitaalonni, waldaaleen Kirstaanaa, masjiidonni eegumsi taasifamuufi qaba - yoo eegumsi taasifamuuf seeraan irraa mulqame malee."

"Itti gaafatamni eegumsa gochuu warra qawwee, misaa'ela ykn rookkeettii dhukaasanirra jira," jedhu.

Dr Vaan Hoo ittigaafatamummaa mirkaneessuun gonkumaa ''abdii kan nama kutachiisu miti,'' jedhan.

"ICC'f gufuun guddaan odeeffannoon barbaachisu mootummaa ykn garee hidhate qofaa harka jiraachuu isaati, odeeffannoo sana fedhii isaaniitiin isaan waan kennan hin fakkaatan," jedhan.