Israa’el Hamaasiin dhabamsiisuu yoo dandeessseef Gaazaatti karoora akkamii qabatte?

Madda suuraa, Reuters
Warra Filisxeem Hamaas booda maaltu isaan eeggataa?
Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netamyaahuu “Baha Giddu-galeessaa ni jijjiirra” jechuun dhaadataniiru.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ammoo “kanaan booda duubatti deebiyuun hin jiru” jedhaniiru.
Warri Filisxeem ammoo bakka dhaqan dhabanis Gaazaa kaabaa keessaa bahaa, haleellaa cimaa gaggeessuuf jedhamuun sodaachifamu, xiichamu ykn itti himama.
Dhumni waraana kanaa maal ta’a?
Erga Hamas haleellaa tasaafi sukkaneessaa raawwatee as aanga’oonni Israa’el Hamaasiin hundeerraa buqqifnee dhabamsiisan jedhaniiru. Kana taanaan gareen kun humna waraanaa isaatiinis ta’e siyaasaan ni dhumataaf jechuudha.
Hawwiin Israa’el kun garuu akkamiin milkaa’aa? Erga Hamaas bade booda hoo Gaazaan akkamiin itti fufti?
“Galma akkasii qabattee kaatee galmichi yeroo milkaa’u maaltu dhalata jettee osoo hin karoorsiin duula hin jalqabdu,” jedhu Dr. Maaykil Miilshiteen.
Dr. Maayikil achuma Israa’el keessa kann jiru Yunivarsiitii Tel Aviiv Wiirtuu Mooshee Daayaan keessatti qarataadha.
Dr. Maayikel Tika Loltuu Israa’el keessatti dursaa dhimmoota Filisxeem turan. Hamaas booda waa’ee Gaazaa karoorro qabatamaan ba’uu isa ani shakku.
“Amma jalqabamuu qaba,” jedhu.
Dippilomaatonni warra Lixaa dhimma kanarratti Israa’el waliin gadi fageenyaan mariyataa jirra jedhu. HGanga ammaatti garuu wanta qabatamaa ta’e arguu isaaniirratti wanti jedhame hin jiru.
Dippilomaatiin tokko BBCtti yeroo dubbatan, “hanga kana karoora qabatamaa qabaachuu hin dandeessu, hanga murtaa’e yaadonni kaa’aman jiraachuu danda’u. Yaadota kanneen bifa akka qabaatu gochuun hojiirra oolchuun garuu carraaqqii dippilomaasiifi yeroo dheeraa gaafata.
Sadarkaa amma jiruun karoorri jiru humna waraanaa Hamaas burkuteessuudha. Isatti aanee ammoo Gaazaa gara caalu harka Hamaas keessaa micciiranii baasuudha.
Hamaasiin Gaazaa keessaa baasuun gahaadha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimma akanarratti ogessonni muuxannoo qaban konkumaa kun gahaa miti jedhu.
Beektota kan jedhan keessaa tokko Hayim Toomaridha. Kanaan dura dhaabbata Tikaafi nageenya biiyyota alaa Israa’el (MOSAD) keessa tajajaileera. “Hojiin loltummaa xumuramee Gaazaa akkuma gadhiisnee baaneen furmaata gaazaaf hojjetu waa nqabnu natti hin fakkaatu,” jedhu.
Israa'eloonni Hamaasiin mo'achuurratti ejjennoo tokko qabu. Haleellaan sukkanneessaa torban sadii dura raawwatame tokko isaan taasiseera.
Kanaan booda Hamaas Gaazaa Istiriip akka bulchuuf tasuma kan hayyamamuuf hin fakkaatu.
Haata'u malee, Dr Maayikil Miilshiteen Hamaas injifachu yoo danda'elleen, qalbii ummataa keessaa baasuun garuu rakkiisaa akka ta'u kaasaa.
''Hamaas yaadadha. Malee kan Israa'el dhuftee yeroo tokkoon haqxee balleessitu miti.
Fakkeenya gaarii kan ta'u jedha Dr Maayikil, waraanaa Iraaq Ameerikaan durfamu kan bara 2003 gaggeeffame turedha. Kaayyoonsaa Saadaam aangoorraa buusuu ture. Itti aansee ammoo paartii biyya bulchaa ture Baaziiniin balleessuudha. Garuu sun dogongora cimaa ture.
Murteen sun hojjettoota mootummaa kumaatamaan lakka'aman hojiin ala taasieera. Loltoota hojii dhabsiiseera. Kan kana uumee ammoo haleellaa shororkeessaa olaanaadha.
Qormaanni Ameerikaa Israa'el mudataa?
Ameerikaanooti duula waraana Iraaq sana dursaa turan amma Israa'el jiru. Muxannoosaanii aanga'oota waranaa Israa'eliif qoodaa jiru. Keessattuu waan Iraaq Fulujaa fi Moosuul keessatti isaan mudate itti himaa jiru.
''Ameerikaanonni dogongora cimaa Iraaq keessatti raawwatan Israa'elootatti bal'inaan himu jedheen abdadha,'' jedhu Dr Maayiikil Miliishiteen. “Fakkeenyaaf, ilaalcha namootaa geeddaruun akka hin danda'amne.'' Filisxeemonni yaada kanaan waliigalu.
''Hamaas dhaabbata deeggarsaafi bu'uura ummataa qabuudha'' jedhu Musxaffaa Baargootii.
Baargootiin itti-gaafatamaa kaka'umsa biyyaaleessa Filisxeemootaati.
''Israa'el Hamaas hundeerraa buqqisuu yoo barbaadde, ummata Gaazaa hunda balleessuu qabdi'' jedhu haalichi attamiin cimaa akka ta'e yoo ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Filisxeemonni buqqaafamuu
Yaadni Israa'eloonni warri Filisxeem gara Masirii, gammoojjii Siinaatti baqachuu qabu jedhu Filisxeemotaaf du'a, dhukkuba, madaadha.
Filisxeemonni jireenyasaanii kan dabarsan godaansaan. Israa'el yoo biyya taatu, kan qabeenyaasaanii irraa buqqaafaman ammalleen abbaa lafaa ta'uu hin dandeenye.
Marsaa gara biraa buqqa'uun hin yaalamu. Madaan bara 1948 isaanitti yaadatama.
''Filisxeemotaan Gaazaa keessaa bahaa jechuun tikkeetii dhaqa malee deebii hin qabne jechuudha,'' jedhu Daayaanaa Buttuu. Buttuun dubbi-himaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) durii turan.
Aanga'oonni Israa'el ammas irra deddebiin kan jedhan waan tokkicha. Jiraattonni Gaazaa Gaazaa keessa haa bahanii yeroodhaaf naannawa daangaa Sinaa haa turan kan jedhudha.
Giiyooraa Eyilaand dursaa Mana-maree Nageenyaa Israa'el durii kan turanidha.
''Daandiin tokkichi Israa'el Hamaas balleessuuf qabdu Filisxeemota Gaazaa keessaa baasuudhaan,'' jedhu.
Garam haa deeman yoo jedhamu, ''gara daangaa Masrii'' jedhanii deebiisu. ''Dhaabbataan ykn yeroodhaaf gara sana geeffamuu qabaatu.''
Joo Baayidan torbanin dura Israa'eliif dolaara biiliyoona 14 deeggarsa kennuuf raggaasiseera. Kun ammoo Filisxeemotaaf naasuu itti uumeera.
Dhimmi kun rakkoo namoomaa olaanaa akka umuu eegama. Israa'el hanga ammaatti ifatti Filisxeemotaan daangaa Masrii qaxxaamuraa deemaa hin jenne.
Haata'u malee, Waraanni Israa'el irra deddebiin ibsa yeroo kennanitti waan kana ni akeeku. "Gara bakka nageenyi keessan itti eegamuu deemaa,'' jedha. Bakki sun garuu eessa akka ta'e hin ibsan.
Pirezidantiin Masrii Abdall Fattaah Al-Sisii, Israa'el waraanaan Filisxeemonni akka gara Masriitti baqatan dhiibbaa goochuuf yaalaa jiraachuu kaasuun qeeqan.
Gaazaan Hamaasiin booda eenyu jala taati?
Wanti fedhes ta'u Filisxeemonni Gaazaa jiraatan waraanni kun dhumee Gaazaa keessa jiraachuun isaanii hin hafu. Yeroo sana maaltu ta'a? Eenyutis isaan bulcha?
“Kun gaaffii dolaara miliyoonaati," jedhu Dr. Maayikil Maaliishitee.
Akka ilaalchasaaniitti, Israa'el bulchiisni haaraan Gaazaatti akka hundaa'uuf gargaaruu qabdi. Bulchiinsa warruma Gaazaatiin durfamu jechuudha. Tarii bulchiinsa namoota Ameerikaa, Masiriifi Sa'ud Arabiyaarraa babba'aniin kan hundeeffame.
Tarii ammoo gaggeessitoonni Faataah Gaazaa akka bulchaniif kennuunis filannoo biraadha. Faataah fi Gaazaan ammoo masaanotadha malee.
Faataah'n aanga'oota Filisxeem gaggeessa. Teessoon isaa kutaa Filisxeem biraa humnaan Israa'eliin jalaa fudhatame West Baank keessa kan jrtu Ramaalaah keessadha.
Bulchiisni Filisxeemotaafi Faataah Mohaammad Abbaasiin gaggeeffamu. Pirezidant Mohaammad Abbaas ammoo umuriin isaanii deemeera. Uummata birattis jaallatamaa nama jedhaman miti.
Dayaanaa Buttuu bulchiisni Filisxeem gara Gaazaatti deebiyuu isaa keessa keessaan ni fedha, haata'u malee taankiiwwan Israa'el duubaan ta'ee miti deebiyuu isaa kanan fedhu jedhu.
Itti-gaafatamaan duraanii MOSAD Hayim Toomar, "Osoo ana ta'ee yeroo ji'a tokko ta'uuf haleellaa waraanaa kamiyyu nan dhaaba ture. Jalqaba warra butamen gadhiisisa," jedhu.
Karaa Masiriitiin mariin taasifamee wanti kaffalamuu qabu kaffalamee warri butame gadhiifamuu akka qaban hubachiisu.
"Warri butaman nuuf gadhiifamnaan hidhamtoota Hamaas kumaan lakkaa'aman gadhiisuun waayyu jechuu miti."
"Isaan booda" jedhu itti-gaafatamaan duraanii MOSAD kun, "isaan booda Israa'el duula waraanaashee cimsitee itti fufuu dandeessi."
Haata'u malee, jedhu Hayiim Toomar, dhimma Gaazaa waggootaaf kan itti fufu ta'a.
"Gaazaa jechuun lafee qoonqoo ykn kokkee Israa'el irratti rakkatedha."












