Farra sanyi warra Seem jechuun maali? Farri sochii Tsiyonootaa hoo?

Namoota alaabaa Israa'el uffatanii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Walitti bu'insa Israa'el-Gaazaa keessatti torban lamaan darban itti fufeen walqabatee yaadonni farra sanyii warra Seemiifi farra sochii Tsiyoonotaa ijoo dubbii ta'aniiru.

Keessumaa gargaarsi idil-addunyaa Filisxeemiif taasifamu dabalaa, sagaleen mootummaa Israa'el morman ammoo dhaga'amuu hordofee yaadonni kunneen dhaga'amaa jiru.

Yaadonni kunneen maal jechuudha?

Farra sanyii warra Seem jechuun Yihudootarratti jibbiinsa sababii malee ykn ilaalcha dogoggoraa qabaachuu jechuu yoo ta'u, dhimma baroota lakkoofsiseedha.

Farri Tsiyoonotaa ammoo jiraachuu mootummaa Israa'el mormuu jedhamee ibsamuu danda'a.

Daa'imman Yihudoo dhumaatii Naaziin irraa gahu jalaa oolan

Madda suuraa, Getty Images

Farra sanyii warra Seem maalidha?

Warri Yihudootaa waggoota dheeraaf jibbinsi, ariisaafi hacuuccaan irratti gaggeeffameera.

Yeroo Waraana Addunyaa II Yihudooti miliyoona ja'a ta'an Naaziidhaan jumlaadhaan ajjeefamaniiru.

Farri sanyii warra Seem labata keenyaa akkamiin ibsama? Bifa baayyee qabaachuu danda'a.

Yaad-rimeewwan shiraa Yihudoonni sirna faayinaansii idil-addunyaafi sabaa-himaalee to'ataniiru jedhu, ykn haleellaawwan mana qulqullummaarratti dhiyaatan, himamaafi haasawwan jibbinsaa miidiyaa hawaasaarra jiran, akkasumas kanneen biroos ni hammata.

Ta'us yaadni farra sanyii warra Seem jedhu qaamolee hunda kan waliif galchu miti. Tokko tokko mootummaa Israa'el mormuun akka farra sanyii warra Seemitti ilaaluu isaaniin walqabatee yaadichi falmisiisaa ta'ee itti fufeera.

Tsiyonoonnummaan maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tsiyononnummaan sochii siyaasaa jaarraa 19ffaa keessa jalqabameedha.

Lafa Filisxeem jedhamu keessattis biyya Yihudootaa hundeessaan kaayyoo sochii kanaati.

Sochiin kun lafa dhaalmaa durii kan jedhan biyya Yihudootaa kan taate lafa Israa'el-Filisxeem jedhamuun beekamurratti hundeessuuf fedhii kan qabu ture.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniis Filisxeem lamatti qoodamtee biyyoonni Yihudootaafi Arabootaa akka hundeeffamuuf yaada dhiyeesse.

Bara 1948 keessa Israa'el Baha Giddu-galeessaa keessatti akka biyyaatti hundeeffamuun ishee labsame.

Filisxeemonni qe'eefi mana isaaniirraa buqqa'an. Isaan booda waraana guyyaa ja'aa bara 1967 gaggeeffamuu hordofee lafa Filisxeem kan jedhaman akka West Baank fi Yerusaalem Bahaa Israa'el to'annoo jala oolfatte.

Jaarraa walakkaa darbe bakkeewwan kanneenitti gandoota qubsuma Yihudootaa hundeessiteetti. Bakkawwan kanneenitti Yihudoota kuma 700 ta'an qubsiifteetti.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) dabalatee jaarmiyaaleen gara garaa Israa'el kutaawwan bulchiinsaa ishee jala jiru keessatti madara qubsumaa hundeessuushee seera idil-addunyaa kan faalleessuufi seeraan ala jechuun waamu.

Hundeeffamni mootummaa Israa'el mirga Araboota Filisxeem keessa jiranii kan dhorku ta'uu isaa eeruun Filisxeemonni, akkasumas Araboonni biroon ni mormu.

Qaamileen sochii Tsiyonoonummaa leellisan Israa'el akka lafa Yihudoo taatetti eegumsi taasifamuufi baballifamuu qaba jedhanii amanu.

Tsiyonoonni tokko tokko kutaawwan bulchiinsaa Israa'el amma qabdutti dabaluun mirga kutaawwan biroo to'achuu qabdi jedhanii kan falman yoo ta'u, warri kaan garuu kana waliin walii hin galan.

Yihudoon garri caalan Tsiyonoota ta'anis, muraasni sababa siyaasaafi amantaatiin yaad-rimee kana ni mormu. Namoonni Yihudoota hin taane Tsiyonoonummaa leellisuu ni danda'a.

Masqiida Yerusaalem, Aq-saa keessatti yeroo walitti bu'insi poolisoota Israa'eliifi Filisxeemota gidduutti yeroo dhalatetti

Madda suuraa, Getty Images

Farri-Tsiyonoonummaa akkamiin ibsama?

Waa'ee sochii Tsiyonoonummaa erga ibsinee booda yaada Tsiyonoonummaa mormuunmaal akka ta'e haa ilaallu.

Farra-Tsiyonoonummaa walitti qabnee yeroo ilaallu, mootummaa Israa'el mormuu jedhamee ibsamuu danda'a.

Qeeqxonni Tsiyonoonotaa mootummaan Israa'el West Baank humnaan to'achuu ykn weerara inni gaggeesse mormaniiru.

Qeeqxonni kunneen imaammatawwan mootummaa Israa'el kan morman yoo ta'u, isaan keessaa ammoo goommoon/dallaan adda baasu Israa'el West Baankiifi naannawaa sanatti ijaarte kan eeramudha.

Israa'el gimbii kana kan ijaarteef Filisxeemarraa warra ishee haleelanirraa of ittisuuf jecha nageenyaaf jechus, imaammatashee kan mormaniifi deeggartoonni Filisxeem lafa dabalataa weeraruufi Yihudootaaf mandara qubsumaa ijaaruuf jedhu.

Haalota tokko tokkoof qaamolee Israa'eliin abaaran, qeeqni isaanii farra sanyii Seem waliin kan walqabatu ykn imaammata isaanii ta'uu beekuudhaaf rakkisaadha.

Farri Tsiyonoonotaa ykn mootummaa Yihudii fudhachuu dhiisuun, ibsituu farra sanyii warra Seem kan jedhanis hin dhiban.

Yaadannoon idil-addunyaa Holookost, komiiwwaniifi himannaawwan Israa'el waliin walqabatan tokko tokko farra sanyii warra Seemiidha jechuun farraju.

Farrajuu kana namoonni hin fudhanne, deeggartoonni Israa'el qeequmsa sababiirratti hundaa'uudhaan Israa'el irratti dhiyaatu callisiisuuf akka meeshaatti itti gargaaramu jedhu.

Mormiin Israa'el taasiftu "sanymmaa" miti jedhu.

Namoonni tokko tokko"Tsiyonoonummaa" saba Yihundoo mormuudhaaf ittiin qabanaadha yoo jedhan, kanneen biroo ammoo mootummaan Israa'eliifi deeggartiinni isaa ta'e jedhanii Farra sochii Tsiyonoonummaafi farra sanyii warra Seem waliin dha'uudhaan qeequmsi akka isaanirratti hin dhiyaanne yaalaa jiru jechuun qeequ.