Israa'el sararri akka hin qaxxaamurreef itti himame jiraa?

Loltuu Israa'el meeshaalee waraana Hamaasi fi hidhattoonni Filisxeem biroo Israa'el ittin haleelan agarsiisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Hamaas haleellaa tasaa Israa'elirratti banuun namoota 1,400 erga ajjeesee torban sadiif deema.

Israa’el ammoo haleellaa qilleensaa Gaazaa irratti raawwachuun haaloo bahaa jirti.

Ministeerri Fayyaa Gaaazaa Hamaasiin geggeeffamu haleellaa kanaan namoonni 5,000 ol ajjeefamuu ibse.

Hoggantoonni biyyoota Lixaa Israa’el daawwachuun, deeggarsa biyyattiif qaban agarsiisaa jiru.

Akkasumas, hooggantoonni Israa’el seera idil-addunyaa akka kabajaniifi lammiilee nagaa Gaazaa keessa jiran akka eegan gaafataniiru.

Israa’el Gaazaa humna lafoon weerarti jedhamee eegama, yoom akka humna lafoon weerartu garuu ifatti hin beekamu.

Haalli qabatamaa lafarra jiru saffisaan kan geeddaramuufi walxaxaa ta’eera.

Gabaastonni keenya, hedduun amma naannicha keessa jiran, gaaffii hordoftoonni BBC dhiyeessan deebisuun hubannoo uumuuf yaalaniiru - deebii isaanii asii argattu.

Waraanichi hangam guddaadha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Richard Joonis akkas jedhee gaafate: Waraanni guddaan Baha Giddu-galeessaa ta’uu malu kun Israa’eloota guddoo yaaddeessaa?

Pool Adams, gabaasa dhimma dippilomaasii keenya, Yerusaalemirraa gabaasu. Pool akkas jedha:Maaliif torban lamaan darban keessa hooggantoonniifi dippilomaatonni biyyoota biroo hedduun gara Israa'el akka deeman ifaadha.

Yaaddoo guddaan daangaa kaaba Israa’elirratti xiyyeefata.

Kaaba Israa’elitti humnoonni Israa’eliifi hidhattoonni Shi’aa Libaanos keessa maadheffatan -Hezbollaan- walitti dhukaasuun guyyaa gara guyyaatti hammaataa dhufeera.

Israa’el loltootaa fi meeshaa waraanaa gara daangaatti bobbaasuudhaan of eeggannoo gochuun madditti, namoota nagaa kuma kudhaniin lakkaa’aman hawaasa haleellaaf saaxilamoo ta’an naannichaa baaste.

Hidhattoonni Iraan deeggartu Hezbollaan, haalli Gaazaa hammaataa yoo deeme waraanatti seenuun dirqama ta’uu mala jechuun akeekkachise.

Hezbollaan misaa’ela ammayyaa kuufate qabaachuun, Hamaas caalaa Israa’eliif balaa guddaa ta’uu danda’a.

US meeshaalee waraanaa dabalataa gara Israa’elitti erguun garee doonii waaraana xiyyaarota baatuu gara baha Meditiraaniyaaniitti bobbaasuun Hezbollaan fi Iraaniif mallattoo cimaa akeeka.

Garuu muddamni guyyoota darban mudate yaaddessaa ta'us, ammallee Hezbollaan lola kana keessatti hirmaachuuf waan murteesse hin fakkaatu.

Suuraa namoota haleellaa dhiyeenya Hamaas butee fudhate muraasaa

Madda suuraa, Getty Images

Israa’el lammileeshee butaman baraaruu dandeessi?

Nammi maqaan isaa hin ibsamne tokko karaa imeelii akka jedhee gaafate: Israa’el namoota Hamaas butee fudhate baraaruu dandeessi?

Gabaasaan dhimma nageenyaa Firaank Gaardner akkas jedha: Sababa lakkoofsi namoota butamanii Gaazaatti baayyachuun- 200 ol ta'uun - Israa'el hunda isaanii humnaan baraaruuf yaaluun gaarii miti.

Jaarsummaa Qaxaariin namoonni butaman lama Jimaata darbe gadhiifaman boodarra namoonni lama biroos gadhiifamaniiru.

Qaxaar namoota butaman dabalataan ni gadhifamu jettee amanti, namoonni kaan garuu tooftaa Hamaas Israa’el Gaazaa akka hin weerarre duubatti harkisuuf fudhatu ta’uu mala jedhan jiru.

Israa’eloonni namoota butama baraaruuf ogummaa guddaa qaban danuu qabdi, Humni Addaa Israa’el, Sayaret Matkal hojii kanarratti leenjii cimaa qaba.

Garuu qormaata cimaatu isaan mudate. Namoonni butaman muraasni isaanii ykn hundisaanii da’annoo fi karaa boollaa lafa jala (tunnels) keessa tursiifamu. Namoonni butaman kaan isaanii bakka dhoksaa tokkorraa gara bakka biraatti geeffamu.

Namoonni isaan butan baraaramuuf jedhanii yoo yaadan dursanii ajjeesuuf yaaluu malu.

Kanaafuu, hojiin namoota butaman baraaruu yaalu kamiyyuu balaa guddaa qabaata.

Hamaas eenyutu maallaqaan deeggara?

Rosemerii Maltus-Isimiiz akkas jettee gaafatti: Seenaa keessatti eenyutu Hamaas maallaqan gargaaru jalqabe? Ammahoo eenyuutu maallaqaan gargaara?

Akkamitti Hamaas maallaqaan gargaaru?

Gabaasaan Baha Giddugaleessaa Yerusaalem jiru Yolandi Nel akkas jedha: Jalqabaa Hamaas maallaqaan kan deeggaran lammiilee Filisxeem biyya alaa jiraatanii fi namoota dhuunfaan maallaqa arjoomaniif turan, keessumaa biyyoota Arabaa naannoo Galoo Galaana Galf jiraatan irra deeggarsa argatu. Dhaabbileen gargaarsaa Islaamaa muraasni maallaqa erguuf.

US, Gamtaan Awurooppaa fi kanneen biroo Hamaas shorkorkeessaatti erga ramadanii booda maddii maallaqaa rakkoo ta’e.

Wanti guddaan, Hamaas amma deeggarsa meeshaa waraanaa fi maallaqaa Iraanirraa argachaa jira.

Waggoota dhiyoo asitti, rakkoo dinagdee hamaa Gaazaatti mul'ate hordofee, Qaxaar Filisxeemiif deeggarsa kennuun,–mindaa hojjettoota mootummaa kumaatamaan lakkaa’amanii akka kaffaltu eeyyamame.

Biroon dhimma maallaqaa Ameerikaa akka jedhutti garuu Hamaas inveestimentii dhoksaa qaba.

Dhaabbileen Sudaan, Aljeeriyaa, Turkii, Yunaayitid Arab Emireet fi biyyoota biroo keessa maadheffatan waliin daldala dhoksaa gaggeessuun doolara miliyoona dhibbaan lakkaa’amu kuufateera jedhe.

Biyyoonni Lixaa dhukaasni akka dhaabatuuf waamicha dhiyeessuu?

Meerii Firimaan akkas jettee gaafatti: Biyyoonni Lixaa dhukaasni akka dhaabatu hin gaafatiin dura lubbuun namoota nagaa meeqatu darbuu qaba?

Pool Adams akkas jedha:

Hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii rifaasisadha. Lammiileen Israa’el 1,400 ol ajjeefamaniiru, lammiileen Filisxeem 5,000 ol ta’an ajjeefamu Ministeerri Fayyaa Gaazaa, kan Hamaas hoogganu ibseera.

Sun badii lubbuu hamaadha.

Muuxannoo ani lola marsaa duraanirraa argadhe akka agarsiisutti, Biyyoonni Lixaa Israa’el dhukaasa akka dhaabdu waamicha dhiyeessuu otoo hin jalqabiin dura Hamaas akka adabdu yeroo kennuuf.

Mootummoonni biyyoota Lixaa akka waliigalaatti fedhii Israa’el Hamaas adabuuf qabdu qabu.

Garuu waraanni yeroo dhiyoo kun adda. Israa'el Hamaas adabuuf qofa miti , Israa'el yeroo xumuraaf -siyaasaa fi waraanaa Hamaas bu’uurarraa balleessuuf kutannoo qabdi jedhe.

Faatah deebi'ee Gaazaa bulchaa?

Aleeksiin Qophirosirraa yoo ta'u, Fataa deeebi’ee Gaazaa bulchuuf fedha qabaachuu fi dhiisuu isaa beekuu barbaada.

Yolande Nel akkas jechuun deebii kenna: Fataan garee siyaasaa Hamaas morkatu.

Hoogganaan Faatah Pirezedantii Mahamuud Abbaas yoo ta’u, Abbaa Taayitaa Filisxeem Weest Baankii bulchu hooggana.

Akkasumas dura taa'aa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) jedhamuti.

Garee kanatu uummata FiIilisxeem gaaddisa tokko jalatti bakka bu'uun sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaba.

Hamaas fi Islaamik Jihaadiin qaama PLO miti, PLO'n marii nagaa kallattii Israa’el waliin duraan gaggeffamerratti qooda qaba .

Abbaan Taayitaa Filisxeem Gaazaa bulchaa ture garuu Hamaas bara 2007tti Gaazaa guutummaatti dhuunfate.

Hamaas humnoota nageenyaa Abbaa Taayitaa Filisxeem lola daandiirratti dhiigaa namootaa dhangalaaseen aangoorraa ari'e.

Kunis erga Hamaas filannoo paarlaamaa injifate waggaa tokko booda ture.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken erga waraanni Gaazaatti eegalamee booda gara naannichaatti yeroo marmaaran Pirezedant Abbaas waliin wal arganii mariyatan.

Torban darbe Sabri Sayidam, Ministirri duraanii Abbaa Taayitaa Filisxeem (PA), akkasuma qondaala Fataa gameessi fi Muhaammuud Abbaasitti dhiheenya qaban taate waliin haasofne.

Waraana kana booda Abbaa Taayitaa Filisxeem gara Gaazaatti akka deebi'u gaafatameera? jedheen gaafadhe.

Innis akkas naan jedhe: "Israa'el waa'ee egereerratti mari'achuu barbaaddi, Ameerikaanis waa'ee egeree irratti mari'achuu barbaaddi. Hoggansi Filismeen Gaazaa fi ummata Gaazaa dugda taankii Israa'elirra taa‘e to'achuuf hin dhufu." Jedhan.

Pirezedantin Ameerikaa Joo Baayideen MM Israa'el Beenjamiin Netanyahuu waliin Telviivitti yeroo wal argan

Madda suuraa, Getty Images

Daangaan Israa’el qaxxaamuruu hin qabni jiraa?

Mootummoonni warra Lixaa lola kana keessatti Israa'el daangaan qaxxaamuru hin qabdu(red line) jedhaniin jiraa? jedhee gaafata Saam.

Firaank Gardiner akkas jedhee deebisa:

Yeroo akkas godhaniiru ta’eyyuu waa'ee isaa baay'ee xiqqoo dhageenye.

Lola kanarratti "ejjennoo warra Lixaa tokkichi" qindoomina qabu hin jiru, akka yeroo Raashiyaan bara darbe Yukireen weerarte NATO keessa turetti.

Gara jabummaa Hamaas Onkoloolessa 7 kibba Israa’elitti namoota nagaarratti raawwate ilaalchisuun hoggantoonni biyyoota Lixaa hedduun Israa’eliif deeggarsa guutuu kennuuf muddaman.

Haata’u malee, haleellaan xiyyaara Israa’el Gaazaarratti raawwatte, lubbuu namoota nagaa baay’ee miidhuu hordofee, mootummaan Netaaniyahuu daangaa darbaa jira jechuun michoota Israa’el biratti shakkii uume.

"Akkaataa nuti haleellaa 9/11 booda UStti taanetti aariin keessaan to’annoon ala hin ta’iin’’ jechuun Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden torban darbe daawwannaa yeroo gabaabaaf Israa'el wayita dhaqan dhaamaniiru.

Hoggantoonni biyyoota Lixaa hundi Israa’el seera namoomaa idil-addunyaa akka hin cabsine gaafataniiru, ta’us amma dhaabbileen UN Israa’el naannoo qubsumni hawaasaa rukkatutti boombii darbachuu fi namoota miliyoona tokkoo ol qe’eesaaniirra dirqiin godaansisuun himachaa jiru.