'Nu butuuf sirriitti waan qophaa'an fakkaatu' - Maanguddoo Hamaas gadhiise
'Nu butuuf sirriitti waan qophaa'an fakkaatu' - Maanguddoo Hamaas gadhiise
Maanguddoon Hamaas Onkololeessa 07 eegalee butee of bira turse yeroo Wiixata gadhiise hidhattootatti garagaluun Shaloom jedhan.
Shaalom Afaan Ibraayisxiin nagaa jechuudha. Maanguddoon ganna 90 kuni Yocheved Lifschitz jedhamu. Rogeettii mirga namaaf falmuun beekamanidha.
Abbaan warraa isaani ganna 80, Odeed jedhaman, ammallee Hamaasiin butamanii harka hidhattootaa jiru.
Abbaafi haati warraa kuni lammiilee Filisxeem dhukkubsatan hospitaala Gaazaa keessa waggootaaf namoota gargaaraa turanidha.
Turtii isaaniin jalqaba reebichi irratti raawwatuu himaniis, haala gaariin akka tursiifaman himan. Yeroo kaan 'Si'ool waan jiru natti fakkaate' jedhaniis ibsaniiru.






