Ollaa Gaazaa gamoowwaniin guutame, amma garuu lafatti makame

Madda suuraa, Reuters
Haleellaa qilleensaa Israa’el Gaazaa irratti raawwataa jirtuun mandarri (ollaan) barbadaa’uufi namoonni ajjeefaman 4,300 gahuu aanga'oonni Ministeera Fayyaa Filisxeem himan.
Namoota ajjeefaman kanneen keessaayis walakkaan ol daa’immaniifi dubartoota ta’u ibse ministeerichi.
Akkasumas jiraattonni Gaazaa miiliyoona 1.4 ta’an bakka jireenyaasaanii buqqaafamuu, kanneen walakkaa miliyoonaa ol ta’an ammoo dahannoo UN keessa jiraachuu dhaabbatichi himeera.
Sambata kaleessaas konkolaataan deeggarsa namoomaa fe’e kan jalqabaa Gaazaa seeneera. Waraanni Israa’elis deeggarsi kan gahu ummata kibba Gaazaa qofaadhaaf jedhe.
Jiraattonni kaaba Gaazaa keessaa gara kibbaatti baqachuun, walakkeessa daangaa, Waaddii Gaazaa akka darbaniif itti himameera.
Haata’u malee, haleellaan qilleensaa Israa’el kibba Gaazaa keessatti waan itti fufeef, jiraattonni muraasni bakki nagaa qabuu waan hin jirreef jecha manasaanii gadhiisanii bahuuf didaa jiru.
Israa’el ammoo erga gareen loltoota Hamaas daangaa cabsee seenuun namoota 1,400 ajjeesuun, kanneen 200 ol ta’an butee Gaazaatti deebi’een booda, dhiyeessiiwwan kan akka boba’aa, ibsaa fi bishaan irraa dhaabdee jirti.
Dhaabbata UN'tti Qindeessaa Biiroo Dhimmoota Namoomaa (OCHA), Gaazaatti ‘‘haleellaan cimaan’’ raawwatamuu kan itti fufe yoo ta’u, gareewwan hidhattoota Filisxeemis ‘‘garaagarummaa tokko malee jidduugalawwan ummata Israa’el irratti rookkeettii dhukaasaa jiru’’ jedhe.
Qondaaltonni UN haala Gaazaa keessaa balaa hamaa jechuun ibsan. Dubbii Himaan waraana Israa’el Daani’el Haagaarii garuu haalli namoomaa Gaazaa keessaa ‘‘to’annoo jala jira’’ jedhan.
Irra caalaan ollaa Al-Zaahiraa barbadaa'eera
Israa’el haleellaa qilleensaa tibbanaatiin ollaa al-Zaahiraa kan jiddugala Gaazaatti argamu barbadeessiteetti.
Bakka kanattis gamoowwan samii tuqan hedduu kan keessa ture yoo ta’u, haleellaa Jimaata galgalaatiin garuu lafatti makamaniiru.
Waraabbiin viidiyoofi suuraaleen miidiyaalee hawaasummaa gubbaatti qoodaman aarrii naannichaa samiitti ol ka’uun gamoowwan ammoo jijjiganiiti mul'isu.
Jiraattonni BBC'tti akka himanitti, naannichi hanga tokko tasgabbaa’aa waan tureef haleellaan ni raawwatama jedhanii hin eegne ture.
Kamiisa halkan naannoo akka sa’aatii naannichaatti galgala 2:30 - 3:00 akka naannicha gadi dhiisanii akka bahaniif itti himame.
‘‘Daandiiwwan hordofnee fiigne. Achiinis Israa’el sa’aatii 3:00 kaaftee hanga ganama 1:00tti walirraa osoo hin kunne naannicha haleeluu eegalte,’’ jechuun ture haati tokko guyyaa Jimaataa BBC'tti kan himte.

Haleellaan kunis namoota kuma hedduu bakka jireenyaa malee hambise.
Jiraataan gara biraa tokko ammoo, namoonni jijjigaa manasaanii jalatti danqamanii jiraachuu BBC'tti himan.
‘‘Ambulaansiin as dhufuu hin danda’u. Namoonni iyyaa jiru garuu nu isaan baasuu hin dandeenyu,’’ jedhan.
Hospitaalli gadi dhiisee akka bahuuf itti himame
Kaaba Gaazaatti, humnootiin Israa’el hospitaalli Al-Quds akka naannicha gadi dhiisee bahu itti himamu Addeechi Diimaan Filisxeem himeera.
Ammaan tanatti hospitaalichi dhukkubsattoota 400 fi namoota nagaa bakka jireenyaa sanarraa buqqa’an 12,000'f bakka itti argaman ta'u hima Addeechi Diimaan.
Dhaabbanni namoomaa kunis, ‘‘hawaasni addunyaa atattamaan’’ tarkaanfii akka fudhatuuf waamicha taasise.
Gareen doktarootaa, Hakiimoota Mirga Namoomaa Israa’el gamasaatiin, hospitaalli Al-Quds bahu akka hin dandeenyee akeekkachiisuun Mana Murtii Olaanaa Israa’elitti iyyachuu himan.
‘‘Mootummaa yeroodhaaf hospitaalicha akka hin haleellee deebise’’ jedhe garichi.
Haaluma walfakkaatun, dhaabbanni miti mootummaa Save the Children, Gaazaa keessatti lubbuun daa’imman miliyoona tokkoo balaarra jiraachuu akeekkachiise.

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbanni kunis daa’imman daangaa Gaazaa keessatti miidhamaniifi dhukkubsatan wal'aansa atattamaan akka baafamaniif waamicha taasise.
Akkasumas sababii hir’ina dhiyeessii qorichaafi ibsaan hin jirreef duuni dabaluu akka danda’u akeekkachise.
Haleellaa qilleensaa dhiheenya Bataskaana Gaazaan mudate
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa’el haleellaa qilleensaa Hamaas irratti Kamisa dhukaafameen booda, miidhaan dallaa Bataskaana Ortodoksii Giriikii, kan Gaazaa keessatti mudate qoratamaa jiraachuu himte.
Haleellaa raawwatameenis gamoon magaala Gaazaa, dhiheenya Bataskaana Qulqulluu Poorfiiyasitti argamu walakkaan barbadaa’eera.
Hamaas namoonni 16 ajjeefamuu yoo himu, Israa’el ammo waa’ee taatee jedhame akka beektu himte.
Sirni awwaalcha namoota haleellaa kanaatiin du’aniis raawwatameera.
Humnootiin Raayyaa Ittisa Israa’el ammoo jeettiiwwan waraanaa biyyattii dhiheenya bakka ajaja Hamaas fi wiirtuu to’annoo bakka irraa rookeettiin dhukaafamu haleeluu hime.
‘‘Haleellaa Raayyaa Ittisaa Israa’el kanaanis keenyaan bataskaana naannichaa miidhameera. Gabaasaalee namoonni du’uus beekna. Taateen kunis qoratamaa jira,’’ jedhe.
"Raayyaan Ittisa Biyyaa qiyyeeffannaan isaa Bataskaana akka hin taane ifatti ibsuu barbaadna,’’
Suuraalee Jimaata gadi dhiifaman irratti hundaa’un, gamoon bataskaanichaa guddichi haleellichaan xiqqoo kan miidhame yoo ta’u, gamoon dallaa bataskaanaa keessa itti aanee jiru garuu baay'ee miidhame.
Paatiriyaarkiin Ortodoksii Yerusaalamitti argaman, ‘‘haleellaa qilleensaa dallaa bataskaanicha keessatti bu’ee’’ cimsanii balaaleeffataniiru.
Bataskaanni kunis bataskaana umurii dheeraa Gaazaa keessatti argamu yoo ta’u, jaarraa 12ffaa keessa akka ijaarame amanama.
Gaazaa keessa hordoftoonni Ortodoksii Giriik gara 1,000 ta’aniitu argama.
Hamaas namoonni gara 500 ta’an eddoo sanatti dahatanii jiraachuu kan dubbatu yoo ta’u, baay'inni kunis madda walabaatiin hin mirkanoofne.












