Amerikaan Israa’el ittisuuf fageenya hangam deemuu dandeessi?

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan deeggarsa cimaa Israa’eliif gochuuf waadaa kan galte yoo ta’u, kanaanis deeggarsa waraanaa taasiftee jirti.
Haata’u malee, godaannisni naannichaa wal xaxaan darban ammalleen dhagahamaa jiru. Ofii Ameerikaan hangam deemtee gargaaruu dandeeessi?
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan deebii jalqabaa haleellaa Hamaas Israa’el irratti raawwateef kennaniin, ‘‘Ameerikaan Israa’el duuba jirti’’ jedhanii ture.
‘‘Qaama haala kanatti fayyadamuuf yaadu kamiifuu, ergaa tokkichan qaba: ‘hin raawwatiin kan jedhu’’ jedhan itti dabaluun.
Akeekkachiifni kunis ifatti kan qiyyeeffate Iraaniifi waahillansheerratti ture.
Guyyoota dhihoon asi loltoonni Ameerikaa Iraaqiifi Sooriyaa keessaa yeroo hedduu haleellaan irratti raawwatamu Pentaagan hime. Akkasumas Sirni ittisaa Ameerikaa Galaana Diimaa irratti argamu misaa’eloota Yemen irraa gara Israa’elitti kan ‘‘kiyyeeffatan ta’u malan’’ fashaleesseera jedhe.
Ameerikaan doonii baattuu xayyaara waraanaa Galaana Meeditiriyaanii irraa kan qabdu yoo ta’u, kan biraas dhiheenyatti naannichatti makamu.
Tokkoon tokkoo doonii baattuu xiyyaara waraanaa xiyyaaroota 70 ol, humna waraanaa olaanaa kan ta’e ofiirraa qabu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas Baayidan yoo barbaachisaa ta’e gara naannichaatti bobbaasuuf loltoota kumaatama of eeggannoon akka turan godheera.
Ameerikaan deeggartuu waraana Israa’el guddoo yoo taatuu, waggaatti deeggarsa ittiisaa doolaara biiliyoona 3.8 baasu dhiyeessitiif.
Jeettiiwwan Israa’el Gaazaa haleelaa jiran kan Ameerikaan hojjatteedha. Akkasumas sirni ittisa haleellaa qilleensaa Israa’el ‘Iron Dome’ muraasnis kan Ameerikaan tolfamaniidha.
Israa’el meeshaalee waranaa kanneen faayyadamuu isheetiin dura Ameerikaan deebiifte ergaaf jirti.
Kanaanis Baayidan haaluma qaama paakeejii deeggarsa waraanaa doolaara biiliyoona 105tti, gaafa Jimaataa kongrasiin waraana michuusaa kan Jidduugala Bahaatiif doolaara biiliyoona 14 akka raggaasisuuf gaafate.
Guyyaa itti aanu ammo, sirnoota ittisa misaa’eelii ciccimoo lama, kan Terminal High Altitude Area Defense (THAAD) battery fi Patriot batteries jedhaman akka gara Jidduugala Bahaatti ergu beeksiise.
Garuu, pirezidantiin Ameerikaa keessattuu bara filannoo keessa, waraana gara biraa keessa galuuf hayyamamaadhaa? Hirmaannaan waraana US dhiheenya kana naannichaa, gama siyaasa, diinagdee fi lubbuutiin, Ameerikaa gatii hedduu baasisuu malu.
Ameerikaatti Ambaasaaarri Israa’el duraanii, Mikaa’el Oren, Baayidan doonii baattuu xiyyaaroota waraanaa gara naannichaatti sochoosuun tarkaanfii jalaqaa fudhachuu amanu.
Haata’u malee, Wiirtuu qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa Waashingitaniitti Daarektara Nageenya Addunyaa kan ta’an, Seet Joonsi ammoo, Ameerikaan waraanaa Gaazaa keessatti kallattiidhaan hirmaachuuf baayyee of qabdi jedhan.
Jiraachun gareewwan ittiisaa ‘‘osoo hin dhukaasiin’’ barbaachisaa ta’u kan danda’u, sababii yoo xinnaate odeeffannoo tikaa walitti qabuu fi ittisa qilleensaa dhiyeessuu danda’aniifidha. Hirmaannaan kamiiyyuu ‘‘filannoo dhumaa’’ ta’as jedhan.
Innis adda durummaan kutaa Kaaba Israa’eli keessattuu garee hidhattoota Hizbollaa, kan amma Israa’eliifi US lamaanuu yaaddeessuf, yaaddoodha.
Gareen Iraaniin deeggaramu kunis Hamaas Gaazaa keessaa caalaa cimaadha. Rookkeettiiwwan kuma 150 ta’aniifi kan Hamaas fayyadamu caalaa cimaafi sirrii ta’an qaba. Innis Israa’el waliin kan walitti dhukaasee yoo ta’u, diinasaatti kakateera.
Obbo Oran Israa’el erga ‘‘Gaazaa keessa seenuun lola eegalte dadhabdeen booda’’ Hizbollaan jidduu seenuu dandaa’a jedhanii sodaatu.
Haallii akkasii yoo mudate, Ameerikaan lafarratti haalli itti hirmaattuu jiraachu baatulleen, garuu Leebaanoon keessatti qiyyeeffannaawwan haleeluudhaaf humna qilleensaa cimaa ishee akka kennitu amanu.

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan fi Ministirri Raayyaa Ittiisaa biyyattii Looyiid Ostiin, haallii cimee dhufuun lammiin ykn waraannii Ameerikaa kamuu yoo irratti qiyyeeffatame, Ameerikaan deebii akka kennitu mirkanneessaniiru.
Guyyaa Dilbataa Ameerikaan ofiishee ittiisuuf mirga qabdi kan jedhan Obbo Ostiin, ‘‘tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf booddeetti hin deebiitu’’ jedhaniiru.
Obbo Joonsi balaa babal’achuu walitti bu’insichaa amanuun, garuu ammoo ittisuun Ameerikaa ‘‘Iraaniifi michoota isheetiif baasii balaa dabala’’ jedhanii amanu.
Leebaananiitti kan argamu Hizbollaan Kaaba israa’eliitti duula haleellaa yoo fudhate ‘‘deebii cimaa ta’e isa mudachuu danda’a’’ jedhu. Humnoonni Ameerikaa naannichatti argaman gareewwan Iraan waliin hidhata qaban irraa haleellaa muraasni isaan mudatee akka ture kaasan.
Israa’el mataanshee waraanaa Hamaas waliin gaggeessituuf kallattiin deeggarsa waraanaa hin gaafattu.
Yunivarsitii Ibraayiisxii Yerusaalemitti Pirofeessarri Seenaa waraanaa, Daanii Orbaach, barsiifni loltummaa Israa’el ofiin of ittiisuu danda’u qabdi jedha jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Dawwannaan Baayidan torban kana Israa’eliitti taasisan deeggarsi Ameerikaa haal-dureen ta’u mul’ise. Israa’el deeggarsi namoommaa gara Gaazaa akka seenuuf akka hayyamtu barbaadu.
Akkasumas Israa’el Sulula Gaazaa yeroo hin murtoofneef akka qabattu hin barbaadu. Baayidan CBS’tti akka himaniitti, kana gochuunis ‘‘dogongora cimaadha’’ jedhan.
Akkasumas deeggarsi Ameerikaa kan yeroon daanga’e ta’uu danda’a. Xinxalaan loltummaafi barreessaan Yerusalam Poost, Yaakoov Kaatsi, deeggarsi Ameerikaan Israa’eliif taasiftu battala lollii Gaazaa keessatti eegalee lakkoosfi namoota nagaa du’an dabaluutiin dhiibbaa jala akka galu amana.
Deeggarsichis yeroo torbanii keessatti laafuu akka malu amana.
‘‘Israa’el lola lafoo yeroo dheeraa turuuf gaggeessuuf Ameerikaarraas ykn addunyaa irraa hayyama ni argatti jedhee hin yaadu,’’ jedhe.
Ameerikaan deeggarsi waraanaa Israa’eliif taasiftu fi argamni waraana ishee cimaa naannichatti jiraachuun, walitti bu’iinsiichi akka hin babal’anneef gahaa akka ta’e ifatti abdatti.
Fakkeenyiwwan Ameerikaan Israa’el bakka bu’un kallattii jidduu galuushe mul’isan muraasni jiru. Bara 1991tti weerara Waraana Galoo Galaanaa ofiisheetiin dura, Israa’el haleellaa miisaa’eloota Iskuud Iraaqi irraa ittisuuf US baatiriiwwan gootummaa (Patriot batteries) ergtee jirti.












