MM Abiy Ahmad waa'ee Irreechaa maal jedhan?

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Irreecha Malkaa kan bara 2025 ilaalchisuun uummata biyyattiin baga geessan jedhan.
Ergaa kana miidiyaa hawaasummaasaaniirratti Jimaata (Hagayya 3, 2025) kan dabarsan Ministirri Muummee Abiy, ''Sirna galateeffannaa Oromoo'' kan ta'e Irreechi maaliif akka kabajamus ibsaniiru.
''Oromoon sanyiin namaa horee kan baay'atu, kan faca'e ija kan godhatu atoomsaafi gargaarsa humna Waaqaatiin jedhee dhugeeffata.''
Irreechi gurguddaan Oromoon waggaa eegee kabaju gosa lamatu jira. Kan Waqtii roobi fuula as deebifatu tulluutti ba'uun Waaqa uumaa rooba kadhatan Irreecha Tulluu jedhama.
Roobni roobee, lolaan lola'ee, kan facaasan misee, dukkanni gannaa ba'uun birraan yoo bari'u kan irreeffatamu ammoo Irreecha Malkaa jedhama. Irreechi Malkaa sirna galateeffannaati.
Ministirri Muummee Abiy ergaa Facebook isaanirratti maxxansan keessatti ''Irreechi yoo gahu Oromoon Waaqa leemmoo garaa taliilaa waan isaa godheef galateeffatee; kan dhufuuf araaraafi wagii gaafachuuf 'hoo quba' kan jedhuuf kanaafi,'' jedhan.
Dureen Itoophiyaa kun sirna irreeffannaa, keessattuu kan Irreecha Malkaa, keessatti falaasama uummanni Oromoo ittiin taliigamus eeraniiru.
Akka falaasama Oromduriitti bishaan bakka guddaa akka qabu akkanaan ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Oromoon bishaaniif iddoo guddaa qaba. Bishaan madda qulqullinaa, bu'uura uumamaafi jireenyaa godhee dhugeeffata. Yoo kadhatus 'Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa, Waaqa Burqaa Walaabuu' jedha.''
Ministirri Muummee Abiy Irreechaa Malkaa kan baranaa waan adda taasisu wayita ibsan eebbifamuu pirojektii humna ibsaa guddicha booda sirna guddaa gaggeeffamu ta'uusaati jedhan.
''Irreechi bara kanaa wayita Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa fedhii Anniisaa lammiilee ishee guutuuf ,Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa eebbifattetti kabajamuun isaa gammachuu keenya dachaa taasisa.''
Hidhata Oromoo fi malkaa irraa ka'uun uummanni isaan dursan kun ulaa galaanaa ittiin ba'ee galu akka argatuuf tattaaffiin taasisan fudhama argachaa jiraachuu ergaa Irreechaan walqabsiisanii dabarsan keessatti eeraniiru.
''Oromoo 'Sabni malkaa hin qabne, Saba mataa hin qabne' akkuma jedhu, biyyi ulaa galaanaa hin qabne, biyya jiruu hin qabne jennee uummata keenyaaf badhaadhina fiduuf; Uulaa Galaanaa karaa seeraafi nagaa bu'uureffateen qabaachuuf hojjachaa jirra,'' jedhan.
''Tattaaffiin roga kanaan gochaa jirrus addunyaa biratti fudhatama argachaa jira.''
Sirni kabaja ayyaana Irreechaa waggoota dura biyyattii keessatti sodaa fi rifannaadhaan gaggeeffamaa ture dhiheenya kana jijjirameera.
Inumaa erga Irreechi Malkaa Finfinnee deebi'ee as ayyaanni kun akka biyyaatti bakka guddaa argateera.
Ministirri Muummee Abiy duudhaa jaalalaa fi nagaa kana guddina biyyaaf galtee godhachuun akka irraa fayyadaman ibsaniiru.
''Bara 2018 duudhaalee Irreechaa- nagaa, araaraafi tokkummaa kudhaammannee, olka'iinsa biyya keenyaa mirkaneessuuf, qormaataaf osoo hin jilbeenfatin cichinee akka hojjannu dhaamuun barbaada.''
''Irra deebiin Irreechi kan milkii nuuf yaa ta'u! Qarruu Malkaa oofkalaa ! Gadaan Quufaaf Gabbina. Itiyoophiyaan tattaaffii ijoollee ishiitin sodaatamtee, kabajamteefi badhaatee bara baraan haa jiraattu!'' jechuun ergaa isaanii goolaban.
Irreechi Hora Finfinnee Sambata (Onkoloolessa 4, 2025) erga kabajamee booda kan Hora Harsadii ammoo Onkoloolessa 5, 2025 guyyaa Dilbataa Bishooftuutti kabajama.
Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 erga addaan citee booda bara 2019 eegalame. Ergasii waggaa waggaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman Malkaa Finfineetti walga'uun irreeffataa jiru.
Borumtaa isaa ammoo bakka yeroo dheeraaf handhuura irreeffannaa ta'e Hora Harsadiitti irreeffatu.
Misooma Koriidariin miidhagina magaalaa Finfinnee mirkaneessaa kan jiru mootummaan Itoophiyaa, sagantaa misoomaa kanaan iddoo Hora Finfinneefis xiyyeeffannaa kennuu ibseera.












