Irreecha kaleessaa fi har'a: Namni Irreecha dhufu akka baay'atuuf wareega galchaa turre

Irreechi duudhaa sabni Oromoo akkaakilee fi abaabileen walirraa dhaalee har'aan baase ta'ulleen karaan irra dhufee sadarkaa ammaa kana gahe bu'aa bahii hedduu keessa lufeeti.
Irreeffannaan kuni akka dhalootatti darbuuf, bal'achaa fi guddachaa akka deemuuf ammoo kanneen gatii baasan laayyoo miti.
Obbo Dirribii Damusee maanguddoo Irreecha waliin hariiroo dheeraa qabani. Isaan yeroo waa'een Irreechaa haalan hin hubatamnee fi namni dhokatee irreefatu, bara dargaggummaa isaanirraa kaasanii Irreecha faana hariiroo cimaa akka qaban himu.
A.L.I bara 1983 bara isaan yeroo jalqabaatiif Irreeffannaaf Harsadii bu'ani.
Waan yeroo san turee fi haalota eegasii keessa dhufame irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
"Ani Irreecha Bara 1983 kabajame irrattin qooda fudhadhe. Yeroo sana Addi Bilisummaa Oromoo Gullallee ture. Irreecha Bishooftuu kana yeroo sanan jalqabaf arge. Yeroon sana Birbirsa Kookaa bakka jedhamutu ture"
"Bakka sanatti Laggasaa Nagawoo kuni oggas dargaggeessa, abbaa Gadaati. Isaan Biiftutti galagalanii waaqa kadhatanii lagatti gadi buune. Malkaa sana dhaqnee irrreeffanne"jedhan.
Yeroon sana ABO FI DHDUO'n dorgommii siyaasaa keessa waan turaniif gareen ABO gama tokkoon yoo irreeffatu warri kaan ammoo gama biraatin turani jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara isaan jalqabaaf Hora Harsadiitti Irreeffannaaf deeman kana Finfinnee irraa Irreeffannaaf kan dhufee malkaa bu'e namoota 14 qofa.
Bara isa duraa ammoo namni Irreecha sanarratti hirmaateyyuu nama torba qofa akka ture quba qabu Obbo Dirribiin.
Irreecha malkaa Harsadii kanaaf aarsaa guddaa kan kaffalan maanguddoota Bishooftuuti kan jedhan Obbo Dirribiin, dhoksaadhaan akkaataa isaan itti irreeffachaa turanis amma niyaadatu.
"Jaarsoliin Bishooftuutiif galata guddaatu malaaf. Jaarsoliin isaaniii osuma arrabsamanii, osuma tuffatamanii, osuma reebamanii dhokatanii halkan dukkana irreeffatanii galu. Ijoollee isaanituu nidhoksu ture"
"Ijoolleen isaanii akka bara kanaa taateetti homaa gochuu hin dandeenye. Ofii isaaniitii garuu aadaa abboota keenyaa hin gannu jedhanii itti cichani" jedhu.
Waldaan Maccaa fi Tuulamaa Koree aadaa fi seenaa durumarraa kan qabu ture. Miseensonni waldichaa Koreen aadaa fi seenaa erga Irreecha hin kabajnee mala hojjeta? Gaaffiin jedhu heddummaannan irreeffannaa deemamuu jalqabame jechuun qabsoo waldicha keessa ture kaasu.
"Nuti warri waldaa maccaa fi Tuulamaa irraa namni barate, namni hojii adda addaa hojjetu kuni Irreeffannaaf Bishooftuu yeroo dhufnu dargaggeessi Bishooftuu nu argaa dhufe. Eegasii galagalee nufaana irreeffachuu jalqabe" jedhan.
''Wareega Wareegne''
Irreecha Harsadii kanarratti namni hirmaatu baayyee xiqqoo ta'uurraa kan ka'e bara itti aanu namni yoo dabalamee dhufe 'kanan godha' jechuun wareega wareegne jedhu Obbo Dirribiin.
"Malkaa sanarra dhaabbannee wareega wareegne. Fayisaa Dirribsaa fi Laggasaa Deettii 'Yaa waaqayyo uummatni kuni yoo baay'atee nuu dhufe eger Daabboo tokko tokko finna' jedhanii wareegan. Kuni bara 1982."
"Bara isaan wareega galchan sana nama torba irraa 14 taanee dhaqne. Isaan daabboo lamaan sana fidanii dhufan. Daabboo sana murree fixuu dadhabneet namoota karaarra turanii kenninee dabarre" jedhan.
Bara sana Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessa hojjechaa akka turan kan Himan Obbo Dirribii Damusee, isaanis dabaree isaanii bara itti aanu 'Oromoon baay'atee yoo irreecha dhufe' boombee irraa waanan argadhe kanaafan oolcha jedhanii wareeguu himu.
Imala Hojii keessatti bu'aa marsaa lama irraa argatan Birrii kuma ja'a akkuma wareega jedhanitti Irreechaf oolchuu himu.
"Birrii Kuma ja'a Kanaan wayyaa kuula adii, diimaa fi Gurraachaa, Callee dubartootaa gara maqii kana Dubartii Ayinaalem Fiqramaariyaam jedhamturraa akka bitamu goone.isheen ijoollee durbaa callee mormatti naqxee fidde.kanuma arguunuu nuuf ajaa'iba ture" jedhan.
Borumtaa Irreecha Kabajuuf jennu Hidhaatti nugalchan
Akka Obbo Dirribiin jedhanitti bara 1984 yeroo isaan wareega qopheessan fidatanii dhaadannoowwan naannoo harootti fannisuu fi irreecha ganama kabajaniif haala mijeessaa osoo jiran poolisiin hunda isaanii hidhaatti naqe.
"Jawwee Booraa fi Gammachuu Fayyeeraa poolisii nuqabuu dhufan sanatti afaan daddarbanii hidhaatti naqaman. Nu waajjiruma poolisii mooraa keessa nutursiisan." Jedhan.
Hidhaa Irreecha Boru kabajamurraa isaan hambisuuf deemu kana Harka Poolisiitii keessaa kan isaan baasise amma Hayyuu Gadaa Tuulamaa kan ta'an Laggasaa Nagawoo ta'uu yaadatu Obbo Dirribiin.
"Laggasaan maalif hiitan jedhee gaafannaan 'Seera malee socho'u, magaala keenya dhufanii dhaadannoo Fannisanii malkaarratti muka yaabbatanii itti hidhanii kanaaf haa hidhamani' jedhaniin.
Kitaabni Asmaroom Laggasaa waa'ee saba Oromoo irratti barreessan bara 1967 bitatanii erga dubbisanii wa'ee duudhaa, eenyummaa oromoo irratti hubannoo gaarii akka qaban kan himan Obbo Dirribiin gaafas warri Poolisii anarratti xiyyeefatani jechuun yaadatu.
"Kitaaba sana dargiin yeroo nahidhe narraa fudhate. Animmoo kanan isarraa kooppii godhadhee qaburraan waa'ee aadaa Oromoo kana nan barsiisan ture. Edaa kana yoon godhu iji warra Tikaa nahordofaa ture"
"Laggasaan Erga nuu kadhatee jarri kaan haa deemanii inni hin deemu jedhanii nahambisan. Maalif jedhanii gaafannaan 'Namicha kana nibeekna daandii qilleensaa Hojjeta doolaara Ameerikaadhaa fidee bishaan kanatti naqa' jedhan" jechuun waan gaafasii himu.
Gaafa akkas jedhee isaan himatu 'Doolaara fiduun cubbuu miti. Yoon fidee haroo kanatti naqemmoo galateeffamuun qaba malee yakka maalin hojjedhe' jechuun deebisaniif.
"Yeroo kana deebiin poolisichaa gabaabaa ture. "Bakka ati fiddu nibeekna" naan jedhe. ABO jechuu isaati. Yeroo kana Laggasaa Nagawoo 'ammas Dirribii ati ABO dha jettee doorsisuu barbaaddaayii" jedheen. Eeyyee akkasuma jechuukooti jedheen" jedhu.
Sababa Laggasaa Nagawootiin namootni Irreechaf dhufan kunneen, Obbo Dirribii dabalatee erga gadhiifamaniin booda borumtaasaa hara bu'anii Irreeffatan.
"Birri Wareegaa saniin sagalee Guddistuu laman bite. Iddoo waan akka waltajjii wayii xiqqoon hojjachiise. Ijoolleedhaafis kuula gurraacha diimaa adii goonee uwwisne" jedhan.
Shiboo Korreentiin Callee hojjenne
Seenaa Irreechaa keessatti wanti ajaa'ibsiisaan Obbo Dirribiin akka taatee kaleessa ta'eetti ammayyuu akka gaariitti yaadatanii himan waa'ee callee shiboo Korreentii irraa hojjetameeti.
"Namni Dachaasaa Jiruu jedhamu calleen bita birrii kuma tokko natti kennaa jedhe. Callee kana ijoollee dubaraa shaniif hojjachiisuu barbaanne ture. Yeroo inni birrii sanaan hojjachiisuu dhaqu birriin suni callee dubartii tokkoof gahuyyuu hin bitu"
"Dachaasaan kuni nama garraamii wayiiti. Birriin hin geenye hin jedhu jedheet shiboo Korreentii kan aadii diimaa fi gurraacha bitee xixiqqeessee maree, ribuu kana bitee diree hunda godhee kan durba shaniif ta'u fidee dhufe" jedhan.
Dubartoonni callee Dachaasaan shiboo Korreentii irraa hojjete kana hodhatanii isaan waliin Irreechaaf Hora yoo bu'an bara san arguun gammachuu addaa kan qabu ture jedhan.
Isumaanuu dubartoota haala sanaan deeman callee kana mormarraa ciruun, adda bittinsuun waan tureef wal'eeganii Laggasaa Nagawoo waliin deemuun ari'atama ture akka hir'iseef yaadatu.
Waggaa sadiif haala akkasiitiin nama muraasaan Irreeffachuun erga itti fufeen booda lakkoofsi namoota Irreecha harsadii kana dhufanii baraa baratti dabaluun nama kumaan lakkaa'murra gahe.
Waggoota afuriif sababa hidhaa bu'aniif Irreecha irraa adda cituu kan Himan Obbo Dirribiin, eegasii garuu baraa baratti hafanii akka hin beeknee fi bara dhumaatii Irreecha Harsadii sanas isaanii fi maatiin isaanii akkuma carraatti du'arraa ooluu dubbatu.
Jiraadhee Oromoo miliyoonaan Irreeffatu arguun ayyaantuun ta'e
Imalli seenaa dhalootaa dabarsuu Irreeffannaa irratti abbootiin dabarsan kuni amma firii buuseera. Oromoon malkaawwan lamaan irratti miliyoonaan Irreeffachaa jira.
Biyya keessa qofa Osoo hin taane addunyaa bakka hedduutti Oromoonni Irreeffannaa kana aadaa ittiin boonan ta'uu qabatamaan mul'isaa jiru.
Nama 14 ta'uun irreecha jalqabaa isaanii kan hirmaatan Obbo Dirribiinis amma Oromoota miliyoona waliin malkaa bu'anii erga irreefachuu eegalanii waggootni lakkaa'amaniiru.
Oromoon yeroo gabaabaa kana keessatti dammaqee aadaasaa akkasitti miliyoonaan bahee kabajata kan jedhu hin yaannen ture. Wanti ta'e garuu waan ajaa'ibsiisadha jedhu.
"Oromoon akkanaan kan dammaqe dandeettii nuti qabnuun osoo hin taane durumaa laphee isaa keessa jira. Oromoon itti darbee kuni kan kooti akkasan godha jechuu hin beeku.Itti seennee hojjennee jennaan Oromoon cinaa dhaabbate hunduu tokkoomee itti seenee kuni ta'e"
"waan hunda caalaa Kan Nagammachiisu bara kana keessa Irreechi Eenyummaa Oromoo kan ittiin agarsiisan ta'eera. Baayyee baayyeen gammada. Jechaan ittiin ibsu hin qabu. Jiraadhee kana arguu kootti ayyaantuun ta'e" jechuun miirasaanii ibsan.












