Irreecha Bir-Qabaan: Irreechi aadaadhas, amantiidhas

Madda suuraa, Barsiisaa Haayilemikaa'el Taaddasaa
Birraan Bar'ee waqtiin irreechaa yeroo dhihaatu ajandaa ijoon barayyuu ka'u gaaffii "Irreechi aadaa moo amantiidha' jedhu. Falmiin gama lamaanii miidiyaa Hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'uun waan baratamaa dhufe.
Gaaffii kana kanneen dhimma cimaatti fudhatanii barsiifata amantaa keenya waliin hin deemu ilaalcha jedhu qaban akkuma jiran gama kaaniin ammoo Irreechi aadaa abboota keenyaati kanaaf irreecha deemuun amantaa keenya waliin walitti hin bu'u jedhanii kanneen amananis hedduudha.
Kanas ta'e sana garuu lakkoofsi namoota Irreecha irratti hirmaatanii baraa baratti miliyoonaan dabalaa deemuun itti fufeera.
Obbo Hayilemikaa'el Taaddasaa Barsiisaa amantaa fi Ogeessa seeraati. Isaan Tibbana Kitaaba 'Irreecha Bir-Qabaan' jedhu barreessanniiru.
Kitaabni isaanii kuni Irreecha Oromoo duudhaalee amantaa gara garaa, duudhaa Kitaaba Qululluu fi falaasama Xobbee Afrikaa waliin walbira qabee kan dhiheesse.
Akka barsiisaan kun jedhanitti, Kitaaba kana barreessuuf ka'umsa kan ta'eef ilaalcha dogogoraa Irreecha irratti namootni qabani.
"Gama tokkoon warri irreecha jaalatanii fi leellisan hubannoo dogoggorraa irraa kan ka'e akka waan irreechi duudhaa Kiristaanaa waliin walitti bu'uutti warri hubatan nijiru. Waloomsanii hubachuurra dhimma dhaabbilee amantii biroo waliin walitti bu'a jedhanii hubatani"
"Akkaataa Kanaan hubachuun ammoo tokkummaa saba keenyaatiif, tokkummaa biyya keenyaatiif nifayada jedhee hin yaadu. Kanaaf akkuma namootni jedhan kana Irreechi Tiyoolojii Kiristaanaa fi Macaafa qulqulluu waliin waladhaba moo wal hin dhabu kan jedhu gaafachuuttan ka'e" jedhan.
Gama kaaniin ammoo dhaabbileen amantii garagaraa Irreecha irratti hirmaachuun akka waan amantaa biraa keessa dhaabbachuutti warrii hiikanis waan jiraniif kana qoratanii ragaa qabatamaan dhiheessuuf akka ka'an himu.
"Ani hordofaa Amantaa kiristaanaati, ammoo Oromoodha. Kanaaf falmii kana osoo hin hiikin dhalootaaf ta'uu hin danda'u yaada jedhuun dhaloonni hubannoo sirrii ta'e qabaatee ayyaana kanarratti akka argamu hubannoo laachuuf kana barreesse" jedhan.
Irreechi aadaadhas, amantiidhas
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Barsiisaa HayileMikaa'el jedhanitti, Irreechii aadaadhas amantiidhas. Aadaa keessa amanitin jira, amantii keessammoo aadaan jira jedhu.
"Amantiin yoo aadaadhaan hin ibsamne waanuma sammuu keessa jiru. Amantiin afaaniin, sirnaan, uffannaan, galataan ibsama. Kunimmoo aadaa ta'a. kanaaf amantiinuu kan ibsamuu danda'u aadaadhaani jechuudha" .
Irreechi aadaadhas, amantiidhas erga ta'ee namni amantii biraa hordofu tokko irrecharratti argamuun sirriidhamoo miti? Kan jedhu gaaffii ijoodha jedhu Barsiisaan kun.
"Namni Kitaaba qulqulluutti nan bula jedhu Irreecha irratti argamuun sirriidhamoo miti kan jedhu gaafa ilaallu kanaaf fakkeenya kan nuuf ta'u Gooftaa Iyyessuus Kiristoosi. Gooftaa yesuus gara dachii kanaa kan dhufe kakuu haaraa hundeessudhaafi"
"Hundeessaa kakuu haaraa Ta'e osoo jiruu garuu aadaa, seera fi duudhaa Oriitii hundayyuu kabajee jira. Kiristaana nama ofiin jedhuuf kan hordofnu Gooftaa yesuus Kiristoosi. Inni ammoo ayyaanota seera Oriitii hunda kabajaatii dachii kanarra deddeebi'aa ture" jedhan.
Kiristaanummaan Aadaa Oromoo balaaleffachuuf hin dhufne
Akka Barsiisaa Hayilee mikaa'el jedhanitti, Kiristaanummaan aadaa ofii akka gataniif, balaalefachuuf hin dhufne.
"Gooftaa Yesuus Kiristoos 'Oritii fi Raajota diiguuf hin dhufne' jedhe. Kanaaf kiristaanummaan aadaa oromoo balaaleffachuuf hin dhufne. Yookan abaaruuf hin dhufne. Diiguufis hin dhufne. Kanaaf Aadaa Oromoo Kabajnee irratti argamuu ni dandeenya" jedhan.
Amantiin ilaalcha sammuu keessatti qabaannuudha kan jedhan Barsiisaan kun, ilaalchi ittiin namni amantii Waaqeffataa hordofu Irreecha irratti ittiin argamuu fi namni amantii Kiristaanaa Hordofu irratti argamuun garaagara ta'uu mala jedhu.
"Nuti warri amantii Kiristaanaa Hordofnu Irreecha irratti kan argamnu aadaa fi duudhaa abboota keenyaati jenneeti. Iyyesuus yeroo aadaa Warra Oriitii kabaju amantii warra Oriitiin kabaja jedhee miti. Warri yihuudaa garuu amantii keenya jedhanii argamu"
"Irreecha irrattis Warri Waaqeffataa amantii kiyya jedhee irratti argamuun mirgasaati. Nutimmoo akkuma Iyyesuus Kiristoos aadaa kiyya jedhee ayyaanota Yihuudii Irratti argamaa ture, nutimmoo aadaa keenya, duudhaa keenya jennee Irreecharratti argamuu ni dandeenya" jedhan.
Kitaabni isaan Barreessan kuni Ayyaanota Waggaa Oromoon kabajuu fi Birqabaan ayyaanota seera Oriitii irratti kabajaman, Akkaataa hawaasni Afrikaa ayyaanota waggaa ittiin kabaju, aarsaa dhiheessuun hawaasa Oromoo fi kitaaba qulqulluu irratti akkamiin akka ibsamus dabalataan kan hamate.
Kana malees maalummaa fi dhuftee Irreechaa, duudhaawwan Irreechaa, Kitaabni qulqulluun waa'ee margaa, waa'ee Abaaboo, waa'ee tokkummaa maal jedha kan jedhu qaba.
Kitaaba Qulqulluu irraa seenaa Abrahaam ittiin waaqa argate ibsuun Irreecha duudhaa amantaa Kiristaanaa waliin akka walitti hin buune ibsu Barsiisaa HayileMikaa'el.
"Abarahaam Uumama adda addaa ilaalee kuni waaqa ta'uu hin oolu suni waaqa ta'uu hin oolu jedheeti booda gara Biiftuutti dhufe. Biiftuunis waaqa ta'uu hin ooltu jedhe. boodammoo biiftuun erga baatee lixxee akkamitti waaqa taati, kan ishee baasee galchutu jira jedhe"
"Booda 'Yaa Waaqa Biiftuu kan uumte naaf mul'adhu' jedhe. Oromoonis gaafa malkaatti Irreeffatu 'Yaa Waaqa Malkaa kana uumte naa mul'adhudha' kan jechaa jiru. Yaa waaqa Tulluu kana uumte, Yaa waaqa abaaboo kana uumte jedheeti kadhatas galateeffatas" jedhan.
Bishaanii Fi Oromoo
Dhimmi Ijoon Barsiisaa Hayile Mikaa'el Kitaaba isaanii kana keessatti birqabaan kaasan dhimma hariiroo Bishaanii fi sabni Oromoo qabu.
"Akkuma namootni jedhan bishaan keessa seexaatu jiraa?, Kitaaba Qulqulluu keessatti bishaan akkamitti ilaalama? Kitaba Qulqulluu keessatti 'Hafuurri Bishaanira golboobe' jedha. Oromoonimmoo 'uumeen Walaaburraa baati' jedha" jedhan.
Malkaa fi Rooba Oromoon akkamitti akka ibsuu fi Kitaaba Qululluu keessatti dhimmootni kuni akkamitti akka ibsamanis kitaaba isaanii kana keessatti gadi fageenyan xiinxaluu himu barsiisaan kun.
Dhumarrattis Kitaaba isaanii kana keessatti Amantii biraa Hordofuun Irreecha hirmaachuu irraa nama daangessuu hin danda'u guduunfaa jedhu kaa'an.
"Namni tokko amantii biraa waan qabuuf Irreecha irratti hin argamu jechuun dogogora. Keessattuu ani Kiristaana namni jedhu wanni isa dhorku gonkuma hin jiru. Ofta'anii, aadaa, eenyummaa ofii jaalatanii Kiristaanomuun akka danda'amu hubachuun barbaachisaadha" jedhan.
Nuti warra Malkaa, duudhaa qabu, warra uumamaan Uumaa raajeffachaa turre kan jedhan Barsiisaa Hayile Mikaa'el, seenaa qabnu kana dhiisnee miti kan kiristaana taanu jedhu.
"Hubannoo dogogoraatiin namni amantii Kiristaanaa hordofu Irreecha irratti argamuu hin qabu jechuun dogogora. Hordofaa amantii Waaqeffataas yoo taane, 'Lakkii namni amantaa biraa hordofu Irreecha hirmaachuu hin qabu' jechuun dogogora" jedhan.
Garuu aadaa ganamaa, Duudhaa Ganamaa fi safuu Ganamaa eegnee argamuu qabna kan jedhu yaada sirrii ta'uu himu.








