Shaampuun rifeensa fooyyessuu danda'aa? Waa'ee kunuunsa rifeensaa qabxiilee afur beekuu qabdan

Namni kamuu rifeensaa dheeraa, cululuqaa, lallaafaafi nama hawwatu ni barbaada.
Namoonni, keessumaa dubartoonni rifeensa isaanii akka dheeratu, akka hin caccabne ykn hin buqqaane gochuuf baasii itti baasanii omishaalee shaampuufi dibata garaa garaatiin kunuunsu.
Industiriiwwan dibata rifeensaa omishan gosoota dibataa garaa garaa maallaqa guddaan beeksisa itti hojjatanii gabaaf dhiyeessu.
TikTok fi miidiyaa hawaasaa kaan irratti shaampoo akkasii ykn dibata akkasiifi akkanaa yoo fayyadamtan rifeensi keessan hin caccabu, hin buqqa'u, yeroo gabaabaatti isiniif dheerata kan jedhu arguufi dhagahuun baramaadha.
Dhugaan jiru garuu rifeensa fayyaalessa ta'e qabaachuun maallaqa qaban itti dhangalaasuuu ykn adeemsa wal-xaxaa hordofuu osoo hin taane, waanuma salphaa sirrii ta'e argachuudha
Ivaa Piroodmaanfi Tireesii Wookar UK keessatti ogeeyyii rifeensaafi buqqee mataa yoo ta'an namoonni akkamitti rifeensa isaanii akka kunuunsan irratti burjaajii ykn jette jettee jiru afur lafa kaa'un ibsu.
1. Bishaan qorraan rifeensi keessan akka cululuqu hin godhu

Madda suuraa, Getty Images
Bishaan hoo'an osoo hin taane qorraan dhiqachuun rifeensi akka cululuqu godha oduu jedhu dhageessanii beektuu?
Garuu bishaan qorraan rifeensa dhiqachuun rifeensi akka cululuqu homaa waan dabalu hin qabu waan ta'eef bishaan hoo'adhaan dhiqachuun rakkoo homaa akka hin qabne himti Ivaa Piroodmaan.
"Homaa bu'aa addaa [rifeensaaf] fidu waan hin jirreef bishaan diilallaa'aan dhiqachuun hin barbaachisu. Waanti baay'ee murteessan akkaataa itti rifeensa keemikaala, hoo'afi naannoo keessa jiraattan irraa eegdan baruudha,"jetti.
Gama biraan ammoo rifeensa bishaan garmalee hoodhanis dhiqachuun gaarii akka hin taane himti ogeettiin fayyummaa rifeensaa kun. Sababni ammoo bishaan garmalee hoo'an jiidhinsa rifeensaa keessaa akka dhumu gochuu danda'a.
2. Dibati kamiyyuu rifeensa miidhame suphuu hin danda'u

Madda suuraa, Getty Images
Rifeensi mataa fiixerratti damee yoo baase "hin guddatu waan ta'eef rifeensa fiixeesaa muruun akka guddatu godha" kan jedhamu baramaadha.
Ogeettiin fayyummaa rifeensaa Ivaa Piroodmaan akka jettutti, rifeensa fiixensaa damee baase muruudhanis ta'ee omisha dibataa gabaarra jiruun suphuun hin danda'amu.
Tireesii Wookar ammoo omishaalee dibataa gabaarraa bitaman yeroof rifeensa fiixensaa gargar bahe walitti akka qabatu godha malee furmaata waaraa homaa akka hin kennine himti.
"Omishaaleen dibataa gabaarra jiran akka hapheetti gargaaru. Rifeensi akka walitti qabatu godhu," jechuun furmaata yeroo gabaabaa qofa akka ta'an ibsiti.
Kanaaf namoonni fayyummaa rifeensa isaaniif jecha omishaalee dibataarratti maallaqa guddaa baasuu akka hin qabne gorsiti.
Rifeemsa murachuun akka dafee guddatuufi dheeratu oduun jedhu jette jettee dhugaarraa fagaate akka ta'e himti Ivaa Piroodmaan.
3. Rifeensi ofiin of qulleessa oduun jedhus soba

Madda suuraa, Getty Images
Rifeensa yeroo heddu dhiqachuu dhiisudhaan ykn tasumaa dhiqachuu dhiisudhaan akka inni ofiisaatiin of qulqulleessu gochuu danda'a yeroo jedhamu dhageessanii beektu ta'a.
Haa ta'u garuu rifeensa osoo hin dhiqatin yeroo dheeraa turuun ykn dhiqachuu dhiisuun fayyaa rifeensaaf sirrii akka hin taane ibsiti Ivaan.
"Buqqeen kee xannachoota zayitaa 180,000 qaba. Yeroo yeroon hin dhiqamu taanan xuriin garaa garaa itti qabata."
Gama biraan rifeensa yeroo mara dhiqachuu dhiisuun foolii badaa akka godhatu taasisuun alatti, buqqeen mataa "forforii" akka godhatu taasisa.
Rifeensi keessan dibata baay'ee kan qabu yoo ta'e guyyaa lama lamaan dhiqachuu akka qabdan gorsiti Ivaan Piroodmaan.
4. Shaampuu gogaa fayyadamuun rifeensa dhiqachuu bakka hin bu'u

Madda suuraa, Getty Images
Rifeensa dhiqachuuf, dhiqatanii gogsuuf yeroo dhabuu dandeenya. Namoonni sababa garaa garaan rifeensaanii miiccatanii gosguuf yeroo hin qabu jechuun shaampuu gogaa rifeensatti godhatan danuunn.
Shaampuu gogaa fayyadamuun "gaaridha" kan jettu Ivaan, garuu akkasumatti osoo rifeensa hin dhiqatin osoo hin taane al-tokko qofa yeroo rifeensa miiccatan ta'uu akka qabu himti.
Shaampuu gogaa fayyadamuun rakkoo kan fidu osoo rifeensa hin miiccatin walitti aansuun guyyoota hedduuf yoo fayyadamaniidha.
Shaampuu gogaa fayyadamuurratti of-eegganoo hin goone taanan, buqqeen mataa akka hooqsisuu danda'a.
Ogeeyyiin fayyummaa rifeensaafi buqqee mataa kunneen akka jedhanitti, namni tokko akkuma fuulasaa kunuunsa buqqee mataa yeroo yeroon miiccuun kunuunsuu qaba.












