Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidant Isaayaasiifi Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Laavroov maal mari’atan?
Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii fi Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov dhimmota walitti dhufaanya biyyota lamaaniifi waraana Yukireen irratti waliin mari’atan.
Aanga’onni kunneen marii kana Amajjii 26, 2023 kan taasisan dowwannaa Ministirri Dhamma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Asmaraatti taasisan hordofeeti.
Waraana Raahiyaafi Yukireen gaggeessaa jiran ilaalchisuunis, Pirezidanti Isaayaas, ‘‘Hawwiin sirna walfakkaataa addunyaa umuuf ture gutummaatti kufeera’’ jedhan.
Itti dabalunis, ‘‘Seenaa olaantummaa siyaasaa fi koloneeffatummaa kan addunyaa balaarratti kuffise dandamachuufi dura dhaabbachuuf yaalii qindaa’aatu barbaachisa’’ jedhan Pirezidanti Isaayaas.
Minitirri Odeeffammoo Ertiraa, Yemaana Gabramasqal gama isaanitiin, mariin aanga’oota lamaanii kan ‘‘haala waraana Yukireen ammaa’’ fi haala walitti dhufeenyi Ertiraafi Raashiyaa itti cimu irratti xiyyeefachuu himana.
‘‘Mariiwwanis haala amma waraanni Yukireen keessaa irratti argamuu fi haala walitti dhufeenyi biyyota lamaanii dameewwan akka anniisaa, albuuda, teknolojii odeeffannoo, barnootaa fi fayyaa jiddugala kan taasifateedha,’’ jechuun karaa toora tiwitara isaanitiin barreessan.
Weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte balaaleeffachuuf murtee UN Bitooteessa 2022tti dhiyeessee ture irratti Afrikaadhaa Ertiraa qofatu murticha morme.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Eritraa kan daawwatan erga biyyoota Afriikaa kanneen akka Angoolaa, Afriikaa Kibbaa fi Eswaatiin fa’i doowwataniin booda ture.