Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti aannan maaliif lagatti dhangalaasan?

Erga suuraan namoota Barmeelii aannaniitin aannan konkolaaataa irraa buusuun Riqicharraan lagatti gadi dhangalaasan mul’isu bahee ta’in kun naamoota kan raaje ture.

Suuraan kun akka mul’isutti, ta’iin kun kan raawwatame Godina Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuu riqicha laga Dayyii jedhamurratti.

Dhimma kanarratti kan gaafanne Bulchaa Itti aanaa aanaa Kuyyuu fi qindeessaa garee qulqullina Aannanii too’achuuf hundaa'ee kan tahan Obbo Girmaa Yilmaa gochi kun tarkaanfii daldaltoota aannanii seeran alaa irratti fudhatamedha jedhan.

“Dhaabbilee aannan qonnaan bulaa irraa bitan kana irra deddeebiidhaan mariisisinee rakkoo isaan qaban akka sirreeffatan mariisisaa turre. Garuu kan sirreesse hin jiru. Tokkoffaa aannanitti bishaan hanga harka 29 ta’u itti naqu, bakka bu’aa bakka aannan bitan sanaa hin qaban, waliigaltee seera qabeessa qonnaan bulaa biraa hin qaban,” jedhan.

Dhaabbileen daldala aannanii irratti bobba’an kunneen erga aannaan qonnaan bulaa irraa bitaniin booda aannan sanatti bishaan dabaluudhaan gabaaf kan dhiheessan akka ta’es himan.

Akeekkachiisa kenname kanneen hojiitti hin hiikne gara dhaabbilee afurii kan ta'an irratti tarkaanfiin marsaa duraa fudhatamuus himan.

Kanaanis aannan dhaabbileen kunneen bitan dhangalaasuun akka dhabamsiifamu akka ta’es dubbatan.

Aannan kana lafatti dhangalaasuu caalaatti tajaajila biraatiif akka oolu maalif hin taasifamne? gaaffii jedhu kan gaafanne Obbo Girmaan akkas jechuun deebisan.

“Tarkaanfiin kun kan fudhatame akkaataa seerrii fi qajeelfamni nuuf heeyyamuun. Qaajeelfamni aannan qulqulina hin qabne irratti tarkaanfiin dhabamsiisuu akka fudhatamu nuuf heeyyama. Aannan qulqulinasaa hin eegne kana qaamaa biraatiif dabarsinee kennuu hin dandeenyu,” jedhan.

Tarkaanfiin seeraa kabachiisuu daldala aannanii irratti fudhatame kun marsaa duraa akka ta’eefi fuuladuraafis cimee itti fufa jedhan Obbo Girmaan.

Dhaabbilee daldala aannanii irratti bobba’anii fi kanneen tarkaanfii kanaan aannan jalaa dhabamsiifame sababa too’annoo seeraa jala oolan jedhameef argannee dubbisuu hin dandeenye.

Dhimma too’atamuu daldaltoota kanaarratti odeeffannoo gaafachuuf qajeelcha poolisii magaalaa Garba Gurraachaa gaafannus odeeffannoo kennuuf heyyamamoo hin taane.

Qoonnaan bulaan Aanaa Kuyyuu irraa dubbisne akka jedhanitti, aannan liitira tokko birrii 33’n daldaltoota kanatti gurguru. Magaalota gurguddoo akka Finfinnee fi Adaamaatti ammoo aannan liitira tokko qarshii 60 hanga 80’tti Gurgurama.

Godinni Shawaa Kaabaa oomisha aannaniitiin kan beekamu ta’ulleen qonnaan bultootni gatii madaalawaa hin taaneen aannan waan gurguraniif fayyadamoo akka hin taane himatu.

Aannan godinichatti omishamu kun gara magaala Finfinnee fi naannawasheetti kan geeffamu malee godinichatti warshaan oomisha aannanii qindeessuu fi qonnaan bultoota fayyadamoo taasisu hanga ammaatti hin jiru.