Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mnisteera Petiroliyeemiifi Boba'aa Umamaa: "Boba'aan adda ta'e jiraachuu bira hingeenye"
Pirezidaantii Ittaanaa naannoo Tigraay Dr. Dabra Tsiyoon Gabramikaa'el ibsa kaleessa kennaniin, boba'aan adda ta'e naannichatti qo'annoon mirkanneefamuusaa himanii turan.
Ministira albuuda, petiroliyeemiifi boba'aa umamaa adda ta'e jiraachusaa bira hingeenye jedheera.
Pirezidaantichis kana kan himan, sirna heebbaa kubaaniyaa Hindii KIR jedhamuufi paarkii industirii Maqaleetti argamuurratti yoo ta'u, naannoowwan gaarreen Imba Alaaj, Nabaltiifi Adiigiraat jedhamaniitti kuusaan boba'aa gosti isaa adda ta'ee argamuu himuu midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Bara 2018'tti gareen qorattoota yunivarsitootaafi dhaabbilee adda addaa irraa bahan barreeffama mata duree 'Economic geology value of oil shale deposits: Ethiopia Tigray and Jordan' maxxansiiseen Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaatti kuusaan boba'aa Shell jiraachusaa caqaseera.
Bakkeewwan kanneen keessaayis naannoon Tigraayiitti kuusaan boba'aa sheel baayyinaan jiraachu barreefama kanaan caqafameera.
Haaluma qorannoo kanaan ibsameettis, boba'aan kunis dhagaa cirachaa Adigiraat bakkeewwan naannichaa haguugan jalatti baliinaan kan tamsa'ee argamuudha. Haaluma bakkeewwan Bizat, Idaagaa Arbii, Nabalti fi Atsibii jedhamaniitti argamu qo'annichi ibseeera.
Kuusaan boba'aa naannoo Tigraayiitti argama jedhme kunis toonii biiliyoona 3.89tti kan siqu ta'u qorannoon eerameera.
Kuusaan boba'aa sheelii Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaatti argamu keessaa parsantaan 55-60 qabiiyyee kaarboonii akka qabu qo'annichi ni eera.
Dhimmicha ilaalchisee Ministera Albuuda, Peetiroliyeem fi Boba'aa Umamaa Itoophiyaatti oggeessii olaanoo kan ta'an Dr QatselaaTaadasaa, kana durayyuu naannoollee biyyattii adda addaati kuusaan boba'aa jiraachuusaa qo'annooleen mul'isuusaanii ni yaadatu.
Haa ta'u malee, boba'aan sheelii amma naannoo Tigraayiitti argameera jedhamu kunargameera jedhamusaatiif ''ibsi kun qabatamaa kan ta'u yoo hojii qotiinsaa fi bu'aa yaaliitiin yoo deegaramee qofaadha,'' jedhaniiru.
Isaan akka jedhaniitti, gostiiwwn boba'aa baayyeen kan jiran yoo ta'uu, boba'aan Sheel kunis gosa boba'aa umamaa dhagaan haala adda addaatii erga baqaqifameen booda boba'aa akka keennu taasifameen kan omishamuudha jedhu.
Boba'aan uumamaa gosa akkasii kun Ameerikaa Kaabaatti ballinaan kan itti fayyadaman ta'uu ni heeru.
Haata'u malee, naanichatti baramaa kan ta'e kattaan 'Shell Rock' jedhamu akka jiru kan himan ogeessi kun, amma naannoo Tigiraayitti argameera kan jedhame kun 'Shell Oyil' ta'uu isaa qorannoodhaan bira akka hin ga'amne BBC'tti himaniiru. Kaampaaniin 'Shell Oyil' kana qorachuudhaaf dhufes akka hin jirre dabalanii ibsaniiru.
Gareen qoratan boba'aan jedhame Tigiraay keessa jiraachuu qofa osoo hin taane akka Toonii biliyoona 4 ta'uulle kaasuu isaanii Dr. Qatsalaa gafannee turre. Ogeessi kun garuu gareen qoratan kun jiraachuu akka hin beekne ibsanii: "Tokkoffaa laboraatooriidhaan deggeramuu qaba, hojiiwwan gaggeeffamanis hin jiran waan ta'eef tilmaamaan akkasidha jechuun hin danda'amu. Kana waan ta'eefis amanamaa akka ta'uuf tilmaamamufi ragaadhaan deggeramuu qaba," jechuun deebii kennaniiru.
"Osoo akka malee ol hin kaasan ta'ee gaariidha. Wanti qabatamaa yeroo jiraatu ministeerichi ibsa ifa ta'e ni kenna; osoo miira namaa tuqanii qalbii hawwachuudhaaf yaaluu dhiisanii wayya," jechuun gorsan.
Kanaan dura sululawwan Maqalee bakka jedhamu keessa kuusaan boba'aa akka jiru kan beekan ta'uu ibsanii ministeerichi abbootii qabeenyaa gara garaa akka beekan gochuudhaan qorannoon adda addaa taasifamaa turuu isanii nutti himaniiru.
Kuusaan boba'aa akka jiru kan beekames waggoota digdama ykn sodomaan dura ni ta'a jedhan. Wagoota kana keessas ministeerichi abbootii qabeenyaa qabeenya isaanii baasanii qoratan barbaachaa akka ture ibsan.
Qorannoo sanaanis akka biyyattiitti sululawwan ja'a boba'aan akka keessa barbaadaman feesisan keessaa tokko Sulula Maqalee akka ta'es yaadataniiru.
በHojiin ijoo ministeerichaas yoo barbaadame bakka argamuu danda'an beeksisuufi agarsiisuudha akka ta'e himaniiru. Haata'u malee, dhimmichi ammallee qorannoorra kan jiramu ta'uus ibsaniiru.
Waggoota toorban darban keessa barbaacha boba'aa biyyattii keessatti taasifamaa turameen bu'aan gaariin kan argame kan Ogaaden ta'uullee ibsaniiru.
Dhaabbata qabeenya lafa keessa jiran kamiyyu kan qoratu Sarveyii Ji'ooloojikaal kan Itoophiyaas gaafannee turre.
Komunikeeshiniin Dhaabbatichaa Obbo Taammiruu Marshaa waggoota sodamaan dura qorannoo gaggeeffamee tureen naannolee gara garaatti kuusaan boba'aa hangi isaanii garaa gara ta'u akka jiru kampaanota biyyoota biroo waliin qorannoon taasifamee akka ture ni yaadatu.
Akka aanga'aan kun jedhanitti, qorannoo waggoota soddoma dura taasifameen bakkawwan kuufamni guddaan jira jedhaman sulula Ogaaden, sulula Abbay, Sulula Qinxamaa (Affaarii hanga Oomoo Kibbaatti), Gaambeellaa, Kaaba Itoophiyaatti ammoo sulula Maqaleefi Matammaa keessa hangi isaanii garaa gara kan ta['e kuusaan boba'aa jiraachuu qorannoowwan kun akka agarsiisan dubbataniiru.
Dhaabbatichis jijjiirama imaammata mootummaa waliin walqabatee albuudawwan fedhuu uummataa guutaniifi rakkoo ummatichaas furan irratti fuulleffachuu akka jalqabe ibsuudhaan, gosti boba'aa amma ibsame irratti qorannoon taasifame hin jiru jedhan.