Warra ofii gubatee gubannaa oolchetu Paarkii Gaarreen Baalee addunyaatti baase

    • Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist

'Gubattee… gubattee …gubattee bosonaa.. Yaa bosona Baalee…bosona Booraanaa...

Wallaggatti gubattee,… Hararitti jalqabdee… Jimmattis darbuufii…' jechuun walakkeessa 1990 keessa weellise artist Hirphaa Gaanfuree.

Paarkiin gaarreen Baalee amma sadarkaa UNESCOtti galmaa’e kunis erga kaan itti gubatanii kaan aarsaa lubbuu itti kaffalanii as gahe.

Dargaggeessa, nama jabaa paarkicha adunyaatti beeksisuuf hanga Ameerikaatti deemee ture Biiniyaam Admaasuu, paarkicha oolchuuf aarsaa lubbuu kaffale.

Kutaalee Oromiyaa adda addaatti yeroo bosonni Garreen Baalee walakkeessa bara 1990 keessa gubateetti, hiriira mormii kanneen bahan keessaa kan ajjeefaman jiru.

Kaan itti hidhamaniiru. Paarkiin balaa ibiddaa bara baraan ka’ee guburraa hafe har’a gahuun, sadarkaa adunyaatti beekamtii argachuun UNESCOtti galmaa’e.

Kanaanis Itoophiyaan hambaalee seenaafi killiyyaa sadarkaa UNESCOtti galmaa’an 15 dhaqabsiiste.

Ofii namoota Paarkii Gaarreen Baalee ibiddarraa oolchuuf aarsaa kaffalan keessaa eenyufaatu yaadatama?

Biiniyaam Admaasuu kan paarkichaaf aarsaa lubbuu kaffale

Biiniyaam Admaasuu jedhama. Achuma naannoo Paarkii Baalee dhiyoo jirutti dhalatee guddate.

ALI bara 2014tti, tasuma balaan ibiddaa paarkii Gaarreen Baalee keessatti ka’e. Balaan kunis kan baayyee hamaafi humna guddaa qabu ture. Balaan ibiddaa sun balaa humna namaan dhaamu hin turre jedhan yeroo sana hojjetaa paarkichaa kan turan Obbo Aschaaloo Gaashaw.

Haatahu malee, Biiniyaam hiriyyoota isaa waliin hojjatu waliin ta'uun ibidicha dhaamsuu qabna jechuun deeman jedhan. Garuu bubbeen kallattii abiddichaa jijjiiree gara isaaniitti garagalche.

Abiddi sun humna namaan kan dhaamu hin turre. Garuu jaalaluma paarkichaaf qaban irraa ka’uun qilee keessa galanii dhaamsuuf yaalaa turan.

Humna isaaniin ol yoo tahu, abiddicha jalaa miliquuf fiiguu jalqaban. Ol gara tabbaatti [gaaraatti[ fiigaa turan. Duuba isaanii hallayyaa [qileetu] jira.

''Osooma achii ol tabbarra fiiganii, Biiniyaam gufatee kufee isaan biraa hafe. Kana gidduutti bubbee guddaan waan tureef abiddi isa bira gahuun Biiniyaamiin nyaate. Achiinis achumatti gubatee du’e,'' jedhan itti dhiyeenyaan dargaggoo Biiniyaamiin kan beekan Obbo Aschaaloon.

Dabalataan Biiniyaamiifi hiriyyoonni isaa abidda dhaamsuu dhaqan baangaa fi baala mukaa malee meeshaa abidda dhaamsu biraa akka harkaa hin qabanne himan.

Dargaggoo Biiniyaam yeroo sana bultii akka hin dhaabbanne kan himan Obbo Aschaaloon, kaadhimaa qaba ture jedhan.

‘’Fuudhuuf adeemsa irra ture. Garuu karaatti hafe. Yeroo kufe sana hiriyaan isaa tokko si’a lama qabee kaasuuf yaalee ture. Garuu hin milkoofne. Lubbuu baafachuuf waan taheef isaan ni oolan,’’ jedhan Obbo Aschaaloon.

Gaarreen Baalee abiddaarraa oolchuuf jecha lubbuu isaa aarsaa akka godhe kan himan Obbo Aschaaloon, Biiniyaam paarkicha qofa osoo hin taane uumamas, dhala namaa hundas kunuunsuu nama jaalatu ture jedhan.

Uummatichi paarkicha irraa akka fayyadamuuf irratti hojjechaa turuus himan. Hawaasa naannichaan hedduu akka jaalatamu kan himan Obbo Aschaaloon, hojii isaatti nama jabaa ture jechuun yaadatu.

Ameerikaa fi iddoowan adda addaa deemuun Paarkii Gaarreen Baalee beeksisaa akka tures himu.

Biiniyaam yunvarsiitii Haramayaa irraa afaaniin digirii jalqabaa qaba ture. Ogummaa turizimiitiinis digirii biraa barachuu himan.

Yaadannoo olmaa isaa kanaafis Paarkii Gaarreen Baalee keessatti siidaan isaa ijaarameera. ''Biiniyaam siidaa kanaan bara baraan yaadatamas'' jedhan Obbo Aschaaloon.

'Ilmoolee leencaa abidarraa baraarree guddisnee sodaanne'

Paarkii Gaarreen Baalee keessa Jeedla Diimtuu Itoophiyaa keessa qofatti argamtu dabalatee, bineensonni mimmiidhagoo hedduu keessatti argamu.

Yeroo balaan abiddaa ka’u hedduun miidhamuu kan dubbatan Obbo Umar Waabee, bara 1992 A.L.Itti yeroo balaan abiddaa cimaan mudatee turetti, dhaamsuuf wayita yaalan bineensota baqatan keessaa ilmoolee leencaa arguu himan.

Ilmoolee leencaa torba arganne. Haati isaanii dhalan sababii balaa abiddaa qaqabee ture cimaa tureef gatanii baqatan.

Gaddinee akka hin gubanneef torban isaanii fudhannee manatti galle jedhan Obbo Umar.

Jahan isaanis kan haadha lama irraa dhalatan turan. Tokkoon isaa immoo haadha biraa irraa dhalate. Kanumaan fudhannee Goobbatti galle jedhan Obbo Umar.

''Manumatti aannan kennaafii turre. Boodarra gaafa guddataa deeman…egaa uumamni isaanii foon nyaachuu waan taheef aannan irraa gara fooniitti jijjirachuu barbaadan.

Foonillee hoolaa qalleefii nyaachisaa turre. Kanaafuu, ilmoolee leencaa abidarraa baraarree guddisnee sodaanne,’’ jechuun sodaa isaan mudatee fi yaadannoo isaanitti umamee ture BBC'tti himan.

Obbo Umar qaama isaan fuudhatu barbaadaa akka turan kaasuu. Qaama mootummaa olii kunuunsa bineensotaa irratti hojjetus mariisisaa turre jedhan.

Yeroo sana ijaarsa istaadiyeemii Roobeef caal-baasii irratti dhiyeessuu himan.

''Caalbaasii sana irratti galii argamsiisanii ture. Garuu namni caalbaasii mo’ate birrii isaa kaffalanii yoo fudhatanii akka galaniif gaafannu nu didan,’’ jedhan.

Dabalataan ogeessa jeedala irratti qorannoo kan hojjetuufi lammii Jarman kan ta'e tokko mariisisuu himan. ''Ogeessichi ammoo waan nama baraniif yoo bosona geessitanii gadhiistanis itti hin baran deebi’anii dhufu nu jedhe ture,'' jedhan.

''Sodaan keenya akka malee dabale. Eenyutu ammoo foon nyaachisaa oola?’’ kan jedhan Obbo Umar, qaamni barbaadu yoo jiraateef raadiyoodhaan beeksisanii akka ture kaasu. Yuunvarsiitota gaafatan illeen isaanis diduu himu.

Kanumaan Dhaabbata Kunuunsa Bineensotaa federaalaa irraa ogeessonni dhufanii hunda isaanii ajjeesanii deeman,’’ jedhan.

Obbo Umar Gobbatti kutaa tokko kennuufiin kunuunsanii guddisaa akka turan yaadatu.

Ilmoolee leencaa kunneen namatti madaqanii ture. Garuu erga gudisnee balaa abiddaa jalaa baasnee akkasitti ajjeefamuun isaanii hedduu nu gaddisiise jedhan.

''Osooma hin fidne wayya ture. Itti dhabnee guddisnee ture. Ogeessonni federaalaa dhufan meeshaa bineensota ittiin ajjeesan fayyadamuun ajjeesanii deeman.’’

Balaan abiddaa Paarkii gaarreen Baalee siyaasamo tasa?

Balaan abiddaa cimaan Paarkii Gaarreen Baalee mudate tokko bara 1990 keessaa. Yeroo sana kutaalee Oromiyaa akka Wallaggaa, Booranaafi kaan keessattis balaa wal fakkaataan mudatee ture.

Yeroo sana barattoonni yuunvarsiitii Finfinnee abidda dhaamsuuf gara Booranaafi Baaleetti imalan.

Obbo Umar Waabee yeroo sana hogganaa Waajjira Qonnaa godinichaa tahuu himuun, garee abidda dhaamsuuf deeman qindeessaa akka turan BBCtti himan.

Balaan abiddaa yeroo sanaa baay’ee cimaa ture jedhan. Abiddichi bifa sadii qaba. Tokko qilleensarra kan utaalee bakkaa bakkaatti qabatu jira.

Kan biraa, kan lafarra boba'aa deemu yoo ta'u, sadaffaan biyyee keessa qabachuun kan lafa keessa gubaa kan deemu ta'u ibsu.

Gareen tokko Afrikaa Kibbaa irraa abiddicha dhaamsuuf Itoophiyaa dhufuu kan himan Obbo Umar, garuu akkatti biyya isaaniitti abidda dhaamsanii fi balaan kun wal hin argu ture jedhan.

Isaan bakka tokkotti bishaan kuusanii helikoopteraan bishaanii fi keemikaala abidda dhaamsu fayyadamuun dhaamsuuf yaalaa turan.

Garuu uumamni abiddichaa fi teessumni lafasaa akka isaan yaadan sanatti kan mijatu hin turre jedhan. Kanaafuu gareen Afrikaa Kibbaa irraa dhaqanis abiddicha dhaamsuu hin dandeenye ture.

Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaas helikoptera lama kennuun dhaamsuuf yaalaa turuu kan himan Obbo Umar kun hundi yeroomaaf malee bu'aa guddaa akka hin buusne yaadatu.

Boodarra roobni roobuun abiddicha ofumaan akka dhaamse himan.

Balaa abiddaa yeroo sana gaarreen Balee irratti ka’eef sababoota adda addaatu kennamaa ture.

Kaan siyaasaan wal-qabata jechaa turan. Yeroo sanatti biyya bulchaa kan ture TPLF hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo achi keessa socho’u jedhee shakkuun ta'e jedhee abiddi itti qabsiise kan jedhan jiru.

Namoonni naannoo paarkichaa jiraataniifi kunuunsa isaa keessatti hirmaachaa turan ammoo, waan siyaasaa isaa hin beeknu, abiddichi achuumaa tasa ka’uu hin hafu jechuun ibsu.

Muraasni isaanis namoonni abidda fayyadamuun osoo holqa keessaa damma baafataniitti balaan kun ka’uu akka hin oolle himu.

Gama biraatiin ammoo, hogganaa waajjira Qonnaa Qodina Baalee yeroo sanaa Obbo Umar, ''Ani yeroo sana bonni isa durii caalaa dheerachuun yaadadha.

''Qonnaan bulaan keenya yeroo maasaan isaa irraa gubutu jira. Abiddi kunis asumarraa kan ka'e tahuun yaadadha,'' jedhan.

Haata'u malee namoonni tokko tokko siyaasni keessa jira jechuu akka odeessaniifi isaan garuu qoratanii waan irra gahan omtuu hin jirre dubbatu.

Hojjetaan paarkichaa duraanii Obbo Aschaaloo Gaashaw bosona gaarreen Baalee keessa baalli saattoo jedhamu jiraachu himu.

Baala kana horiin akka dheedu himanii, yeroo goguus qonnaan bultoonni deebi'ee akka biqiluuf jecha ni gubu jedhan. ''Ka'umsi balaa abiddaa yeroo sanaas kanuma taha jedhen yaada,'' jedhan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo dheeraaf gaarreen Baalee keessa buufachuun qabsaa’aa turan.

Yeroo sanattis TPLFn wal-dhabuun biyyaa kan bahe ABO’n, bosona sana keessa socho’uusaanii ragaan omaa akka hin argamne dubbachuun, ''Anis achuma keessa deemeen hojjechaa ture. Dhukaasnis walitti bu’insis hin turre,'' jedhan Obbo Umar.

Barattoonni yuunvarsiitii abiddicha dhaamsuuf birmachuusaanii yaadachuun, sababii abiddichi kan humna isaaniitiin dhaamuu danda'u hin turreef jecha deebiisanii sirna gaggeessaa akka isaaniif taasisan yaadatu.

Egaan weellisaa Hirphaa Gaanfuree yeroo sana ture kan 'gubattee yaa bosonaa,...gubattee yaa bosona Baalee...'' jechuun geerarsaan miira isaa himatee ture.