Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarkaanfiin Yunivarsiitii Salaalee isa 'Salaaleetti aannanirra bishaan warshaatu qaalidha' jedhamu jijjiiraa?
Yunivarsiitiin Salaalee dhaabbata rakkoo qonnaan bultoota Salaalee omisha aannaniin beekaman furu hundeessaa jiraachuu himeera.
Yunivarsiitichi Inistitiyuutii Saayinsiifi Tekinoloojii Aannanii Aanaa Wacaaleetti hundeessuuf tibba kana iddoo angawoonni yunivarsiitichaafi aanichaa argamanitti walharkaa fuudhinsi lafaa taasifameera.
Tarkaanfiin yunivarsiitichaa kun qonnaan bultoota Salaalee bira darbee akka Baha Afrikaatti jijjiirama akka fiduuf kan itti abdatame akka ta'e Yunivarsiitii Salaaleetti barsiisaafi ogeessi damee horsiisa looniifi jijjiirama qilleensaa Dr. Abrahaam Abarraa BBCtti himaniiru.
Salaalefi aannan
Salaale iddoowwan akkuma biyyaatuu omisha aannaniin beekamtii qaban keessaa tokko.
"Akkuma biyyaattuu yeroo jalqabaaf bara 1950'moota keessa horiin faranjii biyya alaatii yeroo galan Salaale, Hoolataa fi Ada'aa Bargaatu filatamee horsiisni horii faranjii eegalame" jedhu Dr. Abrahaam.
Haalli qilleensaa Salaalee horsiisa looniif baay'ee mijataa ta'uu kan himan ogeessi kun, aannan magaalaa Finfinneef dhiyaatu keessaa harki caalmaanis godina kanarraa kan walitti qabamu akka ta'e himan.
"Aannan magaalaa Finfinneef dhiyaatu keessaa dhibbeentaa 60-75 kan ta'u naannoo Salaaleerraa dhufa" jedhan.
Qonnaan bultoonni godinichaa heddus omisha aannaniirratti bobb'anii akka jiran himuun dameen omisha aananii godinichaa garuu rakkoolee garagaraan kan miidhame ta'uusaas dubbatan.
"Salaale maqaa akkasiifi haala mijataa yaa qabaatu malee qonnaan bultoonni wanta irraa argachuu qaban argachaa hinjiran" jedhan.
Salaale keessatti walitti hidhamiinsi gabaa aananii gadi bu'aa ta'uusaatiin qonnaan bultoonnii aannan omishan gatii gadi aanaadhaan akka gurguran Dr. Abrahaam himu.
"Salaaleetti dhaabbileen qonnaan bultootarraa aannan liitirii tokko birrii 56'n bitanii Finfinneettimmoo naannoo birrii 160 fi 170'tti gurguru. Kanaaf qonnaan bultoonni hamma dadhabbii isaanii argachaa hinjiran" jedhan.
Dabaluunis "amma yeroo tsoomaa kana namni aannan isaanii irraa fudhu hinjiru. Sababa namni aannan hinfayyadamneef aannan isaanii lafatti bada" jechuunis himan.
Gama biraatiin immoo gatiin soorata loonii yeroo gara yerootti qaala'aa akka dhufe ogeessichi himu.
Kaayyoowwan ijoo
Inistitiyuutiin Saayinsii fi Tekinoloojii Aannanii Yunivarsiitii Salaalee Aanaa Wacaalee naannoo magaalaa Muka Xurriitti ijaarama.
Hojiilee ijoo inistitiyuutiin kun hojjetu keessaa inni tokkos hojii qorannoofi misoomaa akka ta'e Dr. Abrahaam himaniiru.
Kana malees inistitiyuutichi qonna loon aananii irratti bobba'uun loon aananii akka horsiisu himan.
"Akka jalqabiitti horii aananii 100'n jalqabna. Horii aananii qabaachuu qofa osoo hintaane warshaa omishaaleen aananii itti qophaa'an ni dhaabna" jedhan.
Warshaan kunis qonnaan bultootarraa aannan gatii fooyyeen bituun bu'aawwan aananii garagaraa akka qopheessu himaniiru.
Warshichis guyyaatti aannan liitira 16,000, waggaatti immoo aannan liitira miliyoona 4.8 fudhachuun omishaalee aananii garagaraa akka qopheessu himan.
"Kana malees nyaanni horii qonaan bultoonni Finfinneedhaa bitanii horiisaaniif laatan gatiinsaa baay'ee mi'aawaadha, qulqullinas hinqabu" kan jedhan Dr. Abrahaam, inistitiyuutichi warshaa soorata loonii qopheessu ijaaruun qonnaan bultootaaf gatii madaalawaan akka dhiyeessu dubbatan.
Kana malees Inistitiyuutichi hojii baruuf barsiisuu kan hojjetu yemmuu ta'u, damee barnootaa beelladootaa fi aananiin barattoota digirii tokkoffaa hanga sadaffaatti kan barsiisu akka ta'es himaniiru.
Dabalataan jijjiirama qilleensaa sababa beelladootaan dhufu hir'isuurratti akka hojjetus himaniiru.
Inistitiyuutiin kun waggoota sadii hanga shanii gidduutti guutummaatti hojii akka eegalus Dr. Abrahaam Abarraa himaniiru.