Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Wayita US sagantaa nukilaraa Iraan dhaabsisuuf dhiibbaa cimsitetti biyyoonni lameen marsaa sadaffaaf mari'achuuf

Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan akka waliigaltee nukilaraarra geessu wayita dhiibbaa fi doorsisa cimsetti biyyoonni lameen marsaa sadaffaaf Jeniivaatti mari'achuuf.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kooriyaan Kaabaa michuu Ameerikaa ta'uu akka dandeessu hoganaan biyyattii hime

    Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un humna meeshaa waraanaa nukilaraa biyyattii bal'isuuf karoora akka qabuufi, kana ammoo Ameerikaan akka kabajjuuf waamicha dhiyeesse.

    Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa "michuu ta'uu" akka danda'an kan dubbate Kiim, kun kan ta'u garuu yoo Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuushee fudhatteedha jedheera.

    Haasaan hogganaa Kooriyaa Kaabaa kora paartii isaaniirratti taasifame kun Pirezidant Tiraamp Ebla dhufu yeroo Chaayinaa daawwatutti marii waliin taasisuuf carraa banuuf kan yaadamedha jedhameera.

    Haata'u malee, Kiim Kooriyaa Kibbaa "diina guddoo" jechuun hariiroo dippilomaasii ollaashee kana waliin jiraachuu malu kan abdii hin qabne godheera.

    Ameerikaan "nukilara qabnu kan kabajju yoo taateefi imaammata diinummaashee kan kaastu taanaan... sababiin itti waliif hin galle tokkollee hin jiru," jechuun Kiim Kora Paartii Hojjetootaa irratti dubbachuusaa sabaahimaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Hogganaan kun itti dabaluun, hariiroon gara fuula duraa Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa, "guutummaan guutuutti Ameerika airratti kan hundaa'edha" jechuun "nageenyas ta'e gaarerfannaa itti fufu taanaan lamaan isaafiyyu qophiidha, filannoon isaa kan keenya osoo hin taane kan isaaniiti," jedheera.

    Biyya ollaa taate Kooriyaa Kibbaa ilaalchisuu biyyoota michuu isaanii hin taane keessaa tokko akka taateefi, "nu waliin daangaa hanga qoddattetti, filannoon tokkichi nagaan jiraachuu dhimmoota nu ilaallatu keessa seenuu hin qabdu," jechuun akeekkachiiseera.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan biroo:

  2. Biyyoonni hedduu lammiileensaanii Baha Giddigaleessaa keessaa akka bahan gochaa jiru

    Muddama USfi Iraan gidduutti hammaate hordofee biyyoonni heddu lammiileensaanii biyyoota Baha Giddugaleessaa keessaa akka bahan ajajuu qofa osoo hin taane akka garas hin imalle illee akeekkachiisa kennaa jirachuu Rooyitars gabaase.

    Awustiraaliyaan maatiin dippilomaatotashee Israa'el, Libaanos,UAE, Yordaanoos fi Kaataar keessa jiran akka bahan ajajjee jirti. Sababni ammoo muddamni naannichatti dhalate hammaataa dhufuudha.

    Poolaand ammoo USfi Iraan gidduutti muddamni waan hammaateef lammiileenshee Iraan keessa jiran hatattamaan akka bahan Ministiirri Muummee Doonaald Task waamicha godhan.

    Sarbiyaanis haalli nageenyaa yaaddeessaa ta'eera jechuun lammiileenshee hatattamaan Iraan keessaa akka bahan karaa ministeera dhimma alaashee ajajjee jirti.

    US dippiloomaatota hojii murteessaa ta'e hojjataniin alatti Libaanoos keessaa akka bahan ajajjee jirti.

    Embasiin Hindii Tehraan jiru lammiileen Hindii Iraan keessa jiran carraa geejjibaa amma jiru fayadamuun aka bahan akeekkachiisa kenneera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Siwiidiin ammoo lammiileen biyyattii gara Iraan akka hin imalle akeekkachiisuun, kanneen achi jiranis dafanii akka bahan gaafate.

    Biyyoonni akka Biraaziil, Jarmanii, Singaappoorifi Saayippiras fa'aas lammiileensaanii Iraan keessa jiran hatattamaan bahuun gara biyyaa akka deebi'aniifi kanneen garas imaluu fedhan illee akka dhiisan akeekkachiisa kennuusaanii Rooyitars gabaase.

  3. Ispermiin waqtii ho'aa caalaa saffisaan imaluu akka danda'u qorannoon mirkaneesse

    Qulqullinni ispermii waktiiwwan waggaarratti akka hundaa'u qorannoon mul'ise. Akka bu'aa qorannoo dhiheenya ba'eetti qulqullinni ispermii ganna caalaa yeroo bonaa akkaan dabala.

    Qorattoonni UK, Kanaadaa fi Deenmaark ispermii namoota 15,581 irratti qorannoo gaggeessaniiru.

    Qorannoon kun dhiirota Deenmaark fi Filooriidaa keessa jiraatan kanneen umriinsaanii waggaa 18 fi 45 gidduu ta'erratti gaggeeffame.

    Bu'aan qorannoosaanii akka mul'isutti, biyyoota kunneen keessatti dandeettiin sochii ykn imaluu ispermii ji'oota Waxabajjii fi Adoolessa keessaa baayyee olaanaadha.

    Waktiiwwan fi sochii ispermii kana qixa sirriin hubachuun walhormaata sirreeffachuu ykn hormaata gaarii qabaachuu keessatti guddoo gumaacha jedhan qorattoonni.

    Wal'aansa fayyaa walhormaataaf taasifamu keessatti ga'ee murteessaa qaba jedhan.

  4. Eegdonni galaanaa Kuubaa bidiruu saffisaa US haleeluun namoota afur ajjeesan

    Dhukaasa humnoonni nageenyaa Kuubaa galaana eegaa turan, bidiruu maqaa Ameerikaan galmoofte kanarratti raawwataaniin, lammiileen Kuubaa bidiruttiidhaan imalaa turan afur ajjeefamaniiru.

    Lammiileen Kuubaa bidiruu kanaan imalaa turan wayita gara isaaniitti dhihaattu hidhattoonni Kuubaa qarqara galaanaa turan dhukaasa banuun balaan kun mudachuu Ministeerri dhimma biyya keessaa Kuubaa ibseera.

    Ibsi mootummaan Kuubaa baase bidiruttii keessa namoonni 10 akka turan eera.

    Kanneen keessaa duraan himati kan irra jiruu fi meeshaa kan hidhatan akkasumas ''ergama shororkeessummaa fudhachuun'' lo'anii seenuuf kan yaalan turan jedha.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo taatee kanaan ''gonkumaa waan hin baratamnee fi hin eegamne'' jechuun ibsuun, biyyisaanii qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan.

    Bidiruu saffisaan imaltu kanarratti shugguxiiwwan, qawwee hedduu, dhootuuwwan fi meeshaaleen waraanaa kaan fe'amanii turan.

    Dhukaasa banameen eegdota qarqara galaanaa Kuubaa keessaa tokko miidhamuu mootummaan Kuubaa ibseera.

    Maarkoo Ruubiyoo biyyisaanii ibsa Kuubaan baastetti akka hin quufneef ofii qorannoo gaggeessuun akka mirkaneessan ibsaniiru.

    Taateen kun erga Kuubaa michuushee, Venezuweelaa, irraa boba'aa fudhachuu Ameerikaan dhorkitee mudate.

    Tarkaanfii Ameerikaa kana hordofee hanqinni boba'aa Kuubaa keessatti kan mudate yoo ta'u, kun ammoo Ameerikaa waliin muddama hamaa keessa ishee galcheera.

    Ameerikaan pirezidantii biyya michuu ishee taatee, Venezuweelaa- Maduuroo, humnaan to'achuu booda boba'aan Venezuweelaan gara Kuubaa ergitu akkaan hir'ateera.

  5. Tarkaanfiin Yunivarsiitii Salaalee isa 'Salaaleetti aannanirra bishaan warshaatu qaalidha' jedhamu jijjiiraa?

    Yunivarsiitiin Salaalee dhaabbata rakkoo qonnaan bultoota Salaalee omisha aannaniin beekaman furu hundeessaa jiraachuu himeera.

    Yunivarsiitichi Inistitiyuutii Saayinsiifi Tekinoloojii Aannanii Aanaa Wacaaleetti hundeessuuf tibba kana iddoo angawoonni yunivarsiitichaafi aanichaa argamanitti walharkaa fuudhinsi lafaa taasifameera.

    Tarkaanfiin yunivarsiitichaa kun qonnaan bultoota Salaalee bira darbee akka Baha Afrikaatti jijjiirama akka fiduuf kan itti abdatame akka ta'e Yunivarsiitii Salaaleetti barsiisaafi ogeessi damee horsiisa looniifi jijjiirama qilleensaa Dr. Abrahaam Abarraa BBCtti himaniiru.

  6. Somaaliilaand ambaasaaddara jalqabaashee Israa'elitti muudde

    Somaaliilaand dippilomaatii olaanaa ambaasaddarashee jalqabaa gochuun Israa'elitti muudde. Israa'el Mudde darbe Somaaliilaandiif beekamtii biyyumaa kennuun biyya jalqabaaa taateetti.

    Waajirri Pirezidantii Somaaliilaand Mohaammd Omaar Haagii Mohaammad Israa'elitti ambaasaaddara biyyattiifi ergamaa dhaabbataa akka ta'uu muudamuu isaa xalayaa muudamaa baaseen beeksiseera.

    Dippilomaatiin olaanaa ambaasaaddarummaan muudaman kun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaan digirii kan qabu yoo ta'u, kanaan dura dhimma alaarratti gorsaa olaanaa pirezidaantichaa, akkasumas Taayiwaanitti bakka bu'aa Somaaliilaand ture.

    Somaaliilaand akka biyya walabaa taatetti of ilaaluun waggoota 30 oliif Somaaliyaarraa adda baatee turteetti. Osoo kanaan jirtuu ture Israa'el ji'a muraasa dura beekamtii biyyummaa kennuuf addunyaarraa biyya jalqabaa kan taate.

    Somaaliyaan ammoo murtee Israa'el kana "haleellaa walabummaa isheerratti raawwatamedha jechuun kan balaaleffatte yoo ta'u, biyyoonni, akkasumas dhaabbileen idil-addunyaa beekamtii kana mormuun deeggarsa tokkummaa daangaa Somaaliyaaf qaban ibsaniiru.

  7. Boombii nuklaraa yaaliif dhukaasuun akkamiin gaggeeffama? Biyyoota kam fa'aatu yaalii gaggeesse?

    Chaayinaan yaalii nikulara dhukaasuu xiqqaa ta'e dhoksaan gaggeessaa jirti jechuun US komatte.

    Ittaanaa Ministiira Dhimma Alaa US kan ta'an Kiristoofar Yeewu US wiirtuu to'annoo Kaazaakistaan keessa jiru fayyadamuun Chaayinaan yeroo isheen yaalii dhukaasa boombii nikularaa taasistu adda baasuu himan.

    Qondaalli US kun akka jedhanitti, gaafa Waxabajjii 22, 2020 lixa Chaayinaatti dhohiinsi maagniitiyuudii 2.75 ta'e uumameera.

    Embasiin Chaayinaa Washingitanitti argamu himannaa US kana "dhugaarraa kan fagaate" jechuun US yaalii shaakala boombii nikularaa dhukaasuu itti fufuuf qabduuf haala mijeeffachuuf jechuun deebii kennee ture.

    Meeshaan waraanaa nikularaa bifa lamaan yaaliif dhukaafama: lafa irraafi lafa jala.

  8. Tiraamp dhiibbaa fi doorsisa cimsus, US fi Iraan marsaa sadaffaaf mari'achuuf

    Wayita Pirezidant Tiraamp Iraan akka waliigaltee nukilaraarra geessuuf dhiibbaa fi doorsisa cimsaa jirutti, Iraan fi US marii marsaa sadaffaa Siwiizarlaand, Jeniivaatti gaggeessuuf jedhu.

    Tiraamp sagantaa nukilaraa Iraan irratti yoo walii hin galamne haleellaa raawwachuu akka danda'u dhaadata.

    Biyyoonni lameen erga humni waraanaa US Baha Giddugaleessaa buufatee eegale.

    Humni US kun erga weerara Iraaq 2003 as isa guddaadha.

    Iraan gamasheen harka kennuu caalaa akeekkachiisa Ameerikaaf deebii kennuutti cichiteetti.

    Mariin alanaa kun carraa isa dhumaa biyyoota lameen karaa nagaan walitti fidu ta'uu danda'u, biyyoonni lameen marii kanaanis waliigalteerra ga'uu akka danda'an wanti akeeku hin jiru.

    Tiraamp rakkoo jiru furuuf karaa marii dippiloomaasii akka filatu ibsus, garuu aanga'oonni Iraan akka waliigaltee inni jedhe fudhataniif haleellaa murtaa'aa ta'e akka raawwatu ibsa.

    Iraan gamasheen daangaashee keessatti yuraaniyemii gabbifachuu akka hin dhaabne ejjennooshee ibsiti.

    Garuu yoo US qoqqobbii kaasuuf fedhii agarsiiste sagantaa nukilaraa ishee keessaa waan dhiistu akka qabdu ibsiteetti.

    Biyyoonni lameen tibba darbe marii Omaan booda, Jeniivaatti mari'atanii turan. Dhimmoonni mariif dhihaatan (gama Ameerikaan) sagantaa nukilaraa fi misaa'elaa Iraan akkasumas Iraan hidhattoota Baha Giddugaleessaa tumsuu akka dhaabdudha.

    Biyyoonni lameen hanga yoonaa dhimma irratti waliigalan hin ibsine.

  9. Akkam jirtu?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!

    Tamsaasa kallattii kaleessa ture asii argattu.

    Nu hordofaa!