Ispermiin waqtii ho'aa caalaa saffisaan imaluu akka danda'u qorannoon mirkaneesse

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Qulqullinni ispermii waktiiwwan waggaarratti akka hundaa'u qorannoon mul'ise. Akka bu'aa qorannoo dhiheenya ba'eetti qulqullinni ispermii ganna caalaa yeroo bonaa akkaan dabala.

Qorattoonni UK, Kanaadaa fi Deenmaark ispermii namoota 15,581 irratti qorannoo gaggeessaniiru.

Qorannoon kun dhiirota Deenmaark fi Filooriidaa keessa jiraatan kanneen umriinsaanii waggaa 18 fi 45 gidduu ta'erratti gaggeeffame.

Bu'aan qorannoosaanii akka mul'isutti, biyyoota kunneen keessatti dandeettiin sochii ykn imaluu ispermii ji'oota Waxabajjii fi Adoolessa keessaa baayyee olaanaadha.

Waktiiwwan fi sochii ispermii kana qixa sirriin hubachuun walhormaata sirreeffachuu ykn hormaata gaarii qabaachuu keessatti guddoo gumaacha jedhan qorattoonni.

Wal'aansa fayyaa walhormaataaf taasifamu keessatti ga'ee murteessaa qaba jedhan.

Qorannoon kun gaazexaa Reproductive Biology and Endocrinology jedhamurratti maxxanfame.

Qorannochi sochii fi qulqullinni ispermii waktiiwwan jijjiiramuu akka hin qbane yaada dhiheessa.

Hammi, sochii fi qulqullinni ispermii haala qilleensaa fi waktii hunda keessattiyyuu walfakkaataa ta'ee deemuu qaba jedhu qorattoonni.

Filooriidaa keessa waggaa guutuu ho'i jiraatus hammi fi dandeettiin sochii spermii Muddee fi Amajjii keessa ni hir'ata akka qorannoon kun mul'isutti.

Garuu saayintistoonni kunneen qabiyyee ykn kuufama waliigalaa ispermii irratti jijjiirama guddaa hin argine.

Namni tokko qabiyyeen ykn kuufamni ispermii isaafi yeroo saalquunnamtii hammi inni dhangalaasu waktiirratti hunda'ee kan hir'atu ykn dabalu miti jedhan.

Kana jechuun dandeettiin qixa sirriin ykn kallattii eeggatee socho'uu ispermii waktiirratti hundaa'uun kan jijjiiramu ta'us, hammi ispermii oomishamuu garuu haala qilleensaan hin jijjiiramu.

Akkaataa bu'aa qorannoo kanaan haalli jijjiirama waktii sochii ispermii irratti qofa osoo hin taane hormaata dhiirotaas miidhuu danda'a.

Giddugaleessaan yoo ilaalamu wayita qorannoon tempreechara kuusaa ispermii irratti gaggeeffamu tempireecharri ispermii harka lamaa hanga afuriin tempireechara giddugaleessaa qaama nama sanaa (digirii 37) gadi ta'uu qaba.

Kanaa ol ykn kanaa gadi taanaan sochiin ispermii miidhame jechuudha, kun walhormaata irratti miidhaa guddaa qaba.

Garee qorannoo kana gaggeessan keessaa kan ta'an Pirofeesarri Yuniversitii Maanchistar Alaan Paasii ''biyyoota lameen haala qilleensaa garagaraa qaban keessatti haalli sochiin ispermii waktii waliin itti deemu walfakkaachuun raajii nutti ta'e,'' jedhe.

''Biyya waggaa guutuu qilleensa ho'aa qabdu, Filooriidaa, keessattillee sochiin ispermii waktii bonaa dabala, waktii ganni seenu ammoo ni hir'isa. Kana hojjechuun haalli tempireecharaa qofti sochii ispermii murteessuu akka hin dandeenyedha.''

Akka ogeessi kun jedhutti qulqullina ispermii madaaluuf waktii ilaalcha keessa galchuun murteessaa ta'uu qorannoon kun yaada dhiheesseera.