Ergamaan addaa Ameerikaa Maayik Hamar har'arraa kaasanii Itoophiyaafi Jibuutiitti daawwannaa taasisuuf

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa mootummaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Hamar har'a irraa kaasanii guyyoota torbaaf Itoophiyaafi Jibutiitti daawwannaa akka taasisan ibsame.

Akka ibsa ministerri dhimma alaa Ameerikaa baasetti, ergamaan addaa Ameerikaa kun Caamsaa 31 hanga Waxabajji 6, 2023tti turtii biyyoota lamaanitti taasisaniin, dhimmoota biyyootaafi naannawichaa irratti aanga'oota olaanoo waliin akka mariyatan beeksisaniiru.

Ambaasaaddar Maayik Hamar ergaa addaa Ameerikaan waraana Kaaba Itoophiyaa, naannoo Tigraay keessatti dhalate hordofee muudde isa sadaffaadha.

Ergamaan addaa kun waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti taasifame keessatti gahee guddaa akka qaban himama.

Ambaasaaddar Maayik Hamar tutii Itoophiyaatti taasisaniin raawwiin waliigaltee waraana Kaaba Itoophiyaatti ture dhaabuuf Sadaasa 2023 mallattaa'e maalirra akka jiru ilaaluuf finfinneefi Maqalee deemuun aanga'oota Gamtaa afrikaa, mootummaa Itoophiyaafi bulchiinsa yeroo ce'umsaa Tigraay waliin akka mariyatan ni eegama.

kana malees, turtii Isaanii Itoophiyaatti taasisaniin Ambaasaaddar Hamar dhimma haqa ce'umsaafi itti-gaafatamummaa, akkasumas hidhannoo hiikkachiisuu, loltoota diiganii deebisanii ijaaruu dabalatee adeemsa waliigalticha raawwachuun irra jiruufi dhimmoota dursi kennnamuufiif qabu akka kaasan eerameera.

Erga waraanni waggoota lamaaf mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti dhiiga dhangalaasaa ture Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti dhaabsisuudhaaf waliigalamee ji'a ja'a kan lakkoofsise yoo ta'u, kutaawwan waliigaltichaa baayyeen isaa hojiirra ooluun isaa ni beekama.

Ambaasaaddar Hamar torban muraasa dura hawaasa Itoophiyaa gara garaa Ameerikaatti argaman waliin dhimmoota yeroo Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun marii taasisuun isaanii ni yaadtama.

Amabaasaaddar Hamra turtii isaanii Jibutiitti taasisaniin ammoo kora nageenyaa Afrikaa Bahaa Yunaayitid Isteet Afrikaa Komaand fi hHumni Waloo Gaanfa Afrikaa qopheessan irratti akka hirmaatanis barameera.

Ambaasaaddar Maayik Hamar yeroo Jibutii daawwatanittis aanga'oota biyyattii waliin wla arganii dhimmoota biyyoota lamaaniifi kan Gaanfa Afrikaa irrattis akka mariyatan ibsi ministirri dhimmaa alaa Ameerikaan baase kun ni mul'isa.

Barreessaa Olaanaa Mootummaa Misooma Waliinii Afrikaa Bahaa (IGAD) Waerqinaa Gabayyoo (PhD) waliinis ni mariyatu jedhamee eegama.