Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taalibaan hogganaa IS haleellaa boombii buufata xiyyaara Kaabul qindeesse ajjeese
Taalibaan hogganaan garee Islaamik Isteet(IS) haleellaa hamaa buufata xiyyaaraa Kaabul bara 2021 qaqqabe qindeesse ajjeesuu qondaaltonni Ameerikaa himan.
Hagayya 2021 Taalibaan wayita Afgaanistaan to’atu namoonni biyyattii gadhiisanii baqachuuf otoo yaalanii haleellaa boombii qaqqabe sanaan namoonni sivilii 170 fi loltoonni Ameerikaa 13 ajjeefaman.
Hogganaan garee IS haleellaa sana qindeesse torban darbe ajjeefame, garuu ajjeefamuusaa mirkaneessuun yeroo fudhate jedhan qondaaltonni Ameerikaa CBStti wayita himan.
Maqaan hogganaa IS ajjeefame jedhamee kun maqaansaa hin eeramne.
Qondaaltonni Ameerikaa ajjeeffamuu hogganaa IS kana odeeffannoo basaasaa sassaabameefi hordoffii naannichatti gaggeeffameen mirkaneessan.
Haata’uu malee, namtichi haleellaa boombii Kaabulitti qaqqabe sana qindeesse akkatti baran odeeffannoo bal’aa hin kennine.
Qondaalli gameessi Ameerikaa CBStti wayita himan’’ogeeyyiin mootummaa haleellaa qaqqabe sana keessatti nama qooda jabaa gumaache ta’uu amanu,’’ jedhan.
Akka gabaasa Niwu York Taayimsitti, Ameerikaan ajjeefamuusaa jalqaba ji’a Eblaatti barte.
Hogganaa IS ajjeefame kana Taalibaan ajeesuuf irratti qiyyaafachuu ykn otoo IS Taalibaan waliin wal lolanii ajjeefamuun isaa akka hin beekamne Niwu York Taayims gabaasera.
Wixata darbe Ameerikaan maatii loltoota haleellaa Kaabulitti qaqqabe sanarratti ajjeefamaniif hogganaan IS ajjeeffamuu mirkaneessuu eegaltetti.
Obbo Dariin Hoover, abbaan loltuu Ameerikaa haleellaa sanaan ajjeefame Taayiler Hoover jedhamu yoo ta'an, odeeffannoon kun isaan qaqqabuu CBS tti himan.
Haleellaan boombii Kaabulitti qaqqabu dursa biyyoonni Lixaa lammileen isaanii Buufata Idil-Addunyaa Kaabul akka hin dhaqne akeekkachiisanii turan.
Sababni isaa hidhattoonni garee IS kanneen Afgaanistaan keessa socho’an IS-K haleellaa qaqqabsiisuuf yaaddo uuman bu’uura godhachuun ture.
Haleellaan boombii kun Hagayya 26, 2021 maatii namoota buufata xiyyaaraa Kaabuliin seenuuf buufaticha alatti dabaree eeggatanitti namni balleessee-baduu barbaadu kun warra hiriiranii jiranitti makame.
Loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa baafamnaan, namoonni hedduun xiyyaaraan biyyattii keessaa baana jedhanii abdachuun walitti qabamanii turan.
Namoota haleellaa boombii qaqqabe sanaan mada’aan keessatti lammileen Bitiish lama, fi daa’imni lammii Biritiish akka argaman mootummaan UK yeroo sanatti ibseera.
Guyyoota muraasa booda balleessee-badaa tokkorratti qiyyaafachuu ibsuun Ameerikaan haleellaa diroonii magaalaa Kaabulirratti raawwatte.
Haleellaa misaayilaa sanaan daa’immaan torba dabalatee waliigalatti namoonni sivilii 10 ajeeffamuu Ameerikaan amantetti.
Gara booda Ameerikaan nama haleellaa boombii qabsiise akka hidhamuuf odeeffannoo kenneef ykn hogganaan IS-K Sanahullaa Gafar akka to’atamu nama gdeeggarsa kenneef doolara miliyoona 10 akka kennitu himte.
Ebla 2021 loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa baafamuun lolaa hunda caala yeroo dheeraaf Ameerikaan gaggeessite akka goolabamu taasise.
Loltoonni Ameerikaan biyyattii keessaa baafamuun mootummaan Afgaanistaan fi waraanni biyyattii Ameerikaan ganna 20’f gargaarte akka diigamu taasise,
Taaliban aangootti wayita deebi’u, Bulchiinsi Joo Baayiden ammoo loloota Ameerikaa battala Afgaanistaan keessa baasu biyya keessaa fi alarraa qeeqama ture.