'Dubbachuu hin dandeenyu taanaan maaf jiraanna?' - Dubartoota Taalibaan dhowwe

Erga Taalibaan aangoo qabatee jireenyi dubartoota Afgaanistaan rakkoo jalaa ba'ee hin beeku. Barnoota, hojii, bakkee keessa deemuu fi hawaasatti makamuun dubartootaaf waan yaadamu miti.
Shamarreen Shaabaanaa jedhamtus dubartoota Afgaanistaan kaanirraa adda miti, garuu bakka itti hafuura baafattu qabdi turte- daree barnootaa Afaan Ingilizii.
Ishee fi shamarran umriinsaanii waggaa kurna keessa jiran (kan umriinsaanii barnootaaf ga'e) waggoota sadan darbaniif barnootarraa ugguramaniiru.
Amma carraa xiqqoon sababa daree barnoota Afaan Ingiliziin argattellee jalaa cufameera. Taalibaan amma ammoo seera haaraa dubartoonni akka sagalee olkaasanii hin dubbanne dhorku baaseera.
''Wayita gadi baanu, konkolaataa keessattifaa baayyee sodaanna. Haguuggii fuula keenyarraa baafachuu hin dandeenyu.
''Walii keenyattillee hin dubbannu. Namni wayii Taalibaan keessaa sagalee keenya yoo dhagahe achumatti dhaabee nu gaafachuu danda'a waan ta'eef,'' jette Shaabaanaan.
Seera haaraa dubartoonni akka bakkeetti sagalee olkaasanii hin dubbanne dhorku kana kan labse hoogganaa olaanaa Taalibaan Hayibatullaa Akundzaadaadha.
Seerri kun dubartoota Afrgaanistaan durumaanuu mirgi isaanii akkaan daangeffame daranuu hojiin ala taasisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dubbachuu hin dandeenyu yoo ta'e, jiraachuun maaliif? Akkas jechuun reenfa socho'u taane jechuudha,'' jette Shaabaanaan.
''Wayitan waa'ee seera haaraa kanaa dhagahu, barnoota kiyyas nan dhaabe. Sababni isaa yoon ala ba'e dubbachuun koo hin hafu. Waan hamaan na mudachuu danda'a. Tarii nagaan manatti deebi'uu dhiisuun mala. Harmeen koo garuu akkan itti fufu [barnoota] na jajjabeessiti.''
Erga waggaa sadi dura Taalibaan aangoo qabatee Afgaanistaan keessatti lammiileen ofitti amanummaan hin jiraatan, sodaa fi rifannaadhaan jiraatu.
Magaalaa Kaabul keessatti dubartoota muraasatu mul'atu, sanuu gubbaa hanga godaatti qaamnisaa haguugameeti.
Ijasaanii qofatu mul'ata, kun hunduu sababa labsii Taalibaaniini.
''Yeroo hunda akka waan mana hidhaa jirtuutti of ilaalta. Hafuura baafachuu fi galfachuunillee of eeggannoodhaani,'' jette rogeettiin Nawushiin jedhamtu.
Hanga bara darbeetti dubartoota mormii irratti hirmaatan muraasa kan qindeessitu rogeettii kana. Seerri mirga dubartootaa daangessu wayita ba'u dubartoota muraasa qindeessuun daandii Kaabulitti baasuun mormii dhageessisu.
Garuu Taalibaan humna fayyadamuun mormiiwwan akkanaa dhorkeera, dubartoonni muraasni mirga dubartootaaf falmaa turani ni dhaaban.
Dubbi himaa ittaanaan mootummaa Taalibaan Hamdullaah Fitrat labsiin haaraan labsamuun sirrii ta'uu ibse.
Seerota hedduu of jalaa akka qabuu fi bu'uura amantiin akka labsames eere.
Barsiistuu kan taate, Shireen, yaada dubbi himaa kanaan walii hin galtu.
''Kun akkaataasaan itti Shari'aa hiikkataniidha. Amantiin Islaamaa dubartootaa fi dhiirotaaf mirga walqixa kenna. Yoo fedhan akka baratanii guddatan kan dhorku hin jiru,'' jette.
''Sagaleen dubartii dhagahamuu hin qabu yoo jedhan mee duubatti deebinee seenaan haa yaadannu. Seenaa Islaamaa keessatti dubartoonni sagaleesaanii dhageessisaa turan hedduudha.''
Shireen dhoksaadhaan dubartoota muraasa barsiisaa turte, garuu dhiibbaan garee Taalibaan salphaa hin turre.
''Ganama yeroon ka'u akka waaqi nagaan na oolchun kadha. Wayita seerri haaraan kun ba'u bal'inaan barattoota koof ibseera, kana booda rakkoon akka cimaa deemus itti hime.
''Dhiibbaan kun hundi na dadhabsiiseera. Yeroo garii osoon iyyeefaa natti tola,'' jechuun aariidhaan dubbatte.
''Dubartoota akka namaatti hin ilaalan. Akka meeshaalee mana keessa kaa'amuu qaban qofaatti ilaalu.''
Manni barnootaa dhoksaan dubartoota Afgaanistaan barsiisanitti ogeettii xiinsammuu kan taate Kariinaan, dubartoonni Afgaanistaan daangeffama yeroo gara yerootti mirgasaaniirra kaa'amuun of jibbaniiru jette.
Kanarraa kan ka'e lakkoofsi dubartoota of ajjeesuuf yaadanii heddummaateera jette.
Erga seerri haaraan dubartoota dubbachuu dhorku kun labsamee namoonni hedduun itti bilbiluun gargaarsa gaafachaa akka jiranis himte.
''Hiriyaan kiyya tokko bilbiltee kun ergaashee isa dhumaa akka ta'e natti himte. Jireenyashee balleessuuf yaadaa jirti. Kanaan booda abdii akka hin qabne fi jiraachuunis isaaniif hiika akka hin qabnetti hubatanii jiru.''

Hamdullaah Fitrat sababa dhorkaawwan dubartootarra kaa'amuuf kanneen dhiphina keessa galanii fi lubbuusaanii balleessuurra ga'aa jiran irratti akkas jedha.
''Waa'een barnoota obboleeyyan dubartootaa keenyaa dhima ijoodha. Dhimma fedhii dubartoota keenya hedduu ta'e kanatti furmaata gochuuf yaalaa jirra.''
Garuu waggoota sadiif akkasitti turanii amma dhuguma rakkoon kun ni furama jedhanii eeguu?
''Murtii hooggansa keenyaa eegaa jirra. Wayita murteerra ga'amu hunda keenyattiyyuu ni himama,'' jedhe.
Dhimma barnoota dubartootaa ilaalachisee garaagarummaan mootummaa Taalibaan keessa akka jiru BBCn jalqaba wayita qondaaltota Taalibaan dubbise hubateera.
Taalibaan keessa kanneen barnoonni dubartootaa akka eegalu barbaadan jiru. Hooggansa Kandahar jiru garuu didee mataa jabaate, waan hooggansi jedhe cabsuun ammoo abjuudha.
Kutaalee Afgaanistaan garii keessatti dubartoonni ni baratu, waajjiraalee fayyaa, nageenya, aartii fi hojii harkaa keessattis hojiisaanii kan itti fufanii jiran jiru.
Garuu beekamtii mootummaa Taalibaan argatee hin mirkanoofne.
Wal-hubannoo aanga'oota Taalibaan daka jiranii fi dubartoota gidduutti taasifame qofaan dhimmi kun raawwataa jira.
Garuu dubartoonni haala kana keessa jiranillee yoon hojiisaanii akka dhaaban waan hin beekneef ofitti amanummaa hin qaban.
Seerri haaraan kun carraa kanallee balaa keessa buusa. Qaamni nageenyaa Taalibaan kan arginaan tarkaanfii fudhata.

Maddeen dhaabbilee gargaarsa namoomaa seerri kun akkamiin akka hiikamu irratti hubannoo argachuuf wal'aansoo qabaa jiraachuu BBCtti himan.
Garuu hojiisaaniirratti dhiibbaa guddaa akka qabaatu amanu.
Serri kun erga Taalibaan UN waliin akkamiin Afgaanistaan waliin akka hidhata qabaatu irratti dubbatee ji'oota lama osoo hin ta'in labsame.
Seera haaraa kanarratti yaada kan laate Gamtaan Awurooppaa seerichi mala ittiin dubartoota hacuucan akka ta'e, inumaa yakka dhala namaarratti raawwatamuun walqixa ta'uu ibse.
Seerri haaraan kun hariiroo hawaasa idiladdunyaa waliin qabaachaa jiran akkasumas beekamtii argachaa jiran duubatti kan deebisuudha jedhe gamtichi.
''Duudhaaleen seera kana keessatti tarreeffaman hawaasa Afgaanistaan biratti fudhatama qabu.
''Gama kanaan rakkoon hin jiru. Hawaasi idiladdunyaa, keessattuu UN akka seera, duudhaa fi ittiin bulmaata hawaasa Muslimaa nuuuf kabajan barbaanna,'' jedhe dubbi himaa ittaanaan Taalibaan Hamdullaah Fitrat.












