Shamarran Afgaanistaan: 'Dhiirota mana-baruumsaa deeman yoon argu, guyyaa dhaloota koon abaara'

Bitaa gara mirgaatti: Habiba, Mahtabfi Tamana

"Guyyaa hundumaa mana baruumsan dhaqa jedheen abdiin ka'a. Garuu iaan [gareen Taaliban] mana baruumsaa ni banna jedhu. Garuu manni baruumsaa ni banama osuma jedhanii waggaa lama guutera. Ani isaan hin amanu. Garaa kootu na gadda," jetti shamarreen ganna 17 Habiiban.

Imimmaan ija guutee, garuu ammoo ciniinnattee akka hin boonye of qabdi.

Habiibafi hiriyoonni daree tokkotti waliin barataa turan Mahtaabfi Tamanaan shamarran Afgaanistaan kumaatama heddu baruumsa sadarkaa lammaffaa akka hin baranne Taalibaanin dhorkaman keessayi.

Addunyaarratti biyyi dubartoonni akka hin baranne dhorkitu Afgaanistaan- kan amma Taalibaanin gaggeeffamaa jirtuudha.

Afgaanistaanitti dubartiin baruumsa sadarkaa tokkoffaa olitti barachuun hin danda'amu jedhamee garee Taalibaanin dhorkaan erga kaa'amee waggaa lama guutufi.

Baruumsa dhorkamuu isaanin dheekkamsi hawaasa addunyaa Taalibaan irratti ka'aa ture amma qabbanaa'aa jiraachun abdii isaanii dhaamsaa akka jiru dubbatu shamarran kun.

"Dhiirota mana baruumsaa osoo deemanuufi waan barbaadan osoo godhanuu yoon argu, mar'umaan kootu na gubata. Nan gadda. Obboleessi koo mana baruuumsaa dhaquuf yoo manaa bahu, garaa kootu na caba," jetti Tamanan gaddaan guutamtee.

"Jalqabarra obboleessi koo si malee mana baruumsaa hin dhaqu jechaa ture. Nagaa itti dhaamen, tureen dhufa jedhaan ture.

"Namoonni hin yaadda'inaa, dhiira qabdu waan ta'eef jedhanii maatii koo jajjabbeessu. Mirga wal-qixa osoo qabaanneen jedhee dharra'a."

Habiba, shamarree ganna 17

Dhorkaa Taalibaan shamarran Afgaanistaan irra kaa'en abjuun baruumsa Shamarran biyyattii dukkanaa'ee jira.

"Jalqabarra bilisummaa xiqqootu ture, boodarra sun hundi ni jijjiirame," jetti Habiiban.

Taalibaan Mudde, 2021 irraa kaasee shamarran irra dhorkaa barnootaa kaa'uu eegale. Jalqaba, shamarran baruumsa sadarkaa lammaffaa baratan yoo fageenya 72km ol imalu ta'e dhiironni gaggeessuu qabu jedhee labse.

Bara 2022 keessa ammoo dubartoonni bakka bashannanaa, bishaan daakaa fa'aatti akka hin argamne dhorkaman. Itti aansun dubartoonni yuunivarsiitii seenan gosa barnoota akka injinaringiifi ogummaa gaazexeessummaa fa'aa barachuu akka hin dandeenye itti himame.

Ji'a tokko osoo hin guutin dubartoonni guutummaatti yuunivarsiitii seenanii akka hin baranne dhorkaman.

Mahtab, shamarree ganna 15

"Dhorkaan kun dabalaa deema taanan, kana booda dubartootaf jireenyi kun homaa hiika hin qabu jedheen yaada.

"Akka dhala namaatti mirga bu'uuraa argataa hin jirru. Baruumsa malee jireenyi hiika hin qabu. Akkasitti jiraachurra du'a wayya natti fakkaata," jetti Mahtab haala dubartoonni Afgaanistaan baruumsa malee itti jiran yoo ibsitu.

Mahtab bara 2021 ji'a Caamsaa keessa yeroo Taalibaan humnoota mootummaa duraanii wajjin wal waraanaa ture boombidhaan miidhamtee turte.

Tamana, shamarree ganna 15

Dubartoonni bakkeewwan addaa addaa keessaa ugguramuu isaanirraa kan ka'e Layilaa Baasim magaala Kaabul keessatti dubartootaf mana kitaabaa bantee turte.

Haa ta'u garuu Taalibaan si'a lama cufee akka ture himti Laayilaan. Amma Laayibraarin kun cufamee jira.

"Taalibaan si'a lama laabraricha cufe. Deebisnee banne. Garuu guyyaa guyyaan sodaachisuun baay'ate... yeroo tokko dhufanii dubartoonni dubbisuuf mirga hin qaban jedhan," jetti Laayilaan.

Boodarra laabiraricha bantee dubartoonni akka kitaaba dubbisan gargaarun lubbuusheef yaaddessaa waan ta'eef cufuuf dirqamte.

Layilaa Basim
Ibsa waa'ee suuraa, Layilaa Baasim dubartoota gargaaruf laabrarii bantus Taaliban irratti cufe
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tarsiimoo mootummaan Taalibaan dubartoonni akka hin baranne dhorku kana bifa biraan itti fuftee akka mormitu ibsite Laayilaan.

Miiraa (maqaan ishee kan jijjiirame) dubartii ganna 40 keessa jirtuufi abbaan manaa irraa du'eedha. Kanaan dura mana baruumsa dubartootaa keessatti qulqulleessituu taatee hojjachaa galii achirraa argattuun maatii 10 jiraachisaa turte. Yeroo manni baruumsichaa cufamu, maddi galii ishees ni cufame.

Miiran amma daandii magaala Kaabul irratti baatee kadhatti.

"Akkan waanin lubbuun hin jirreettan of lakkaa'a...kabaja malee jiraachurra du'a wayya," jetti imimmaan dhangalaasaa. "Guyyaa tokko dinnicha yoon argadhe afeelen ijoollee koof laadha, guyyaa biraa isumaa yoon dhabe, isuman irraa quncise sanan deebi'ee ijoollee koof kenna."

Ofii ishee karaatti baatee osoo kadhattuu ijoollen ishee dubaraa osoo gaaf tokko carraa baruumsaa argatanii hojii argatanii jettee hawwitiif.

Ammatti garuu shamarran Afgaanistaanif mana taa'anii gadduun ala carraan biraa hin jiru; Taalibaan akka hin baranne manatti ittiseera waan ta'eef.