Ilmi mootii UK Haariin Taalibaanota 25 ajjeesu himunsaa qeequuf isa saaxile

Madda suuraa, Getty Images
Ilmi mootii UK kana ta'e Priins Haarin Afgaanistaanitti namoota 25 ajjeesera jedhee dubbachuun maqaan isaa akka badu gochuu qondaalli waraanaa Biritiish duraanii Koloneel Richard Kemp hime.
Qonaalli waraanaa kun addatti BBC'tti akka dubatetti, ilmi mootii akkana jedhee dubbachuu hin qabu ture.
Ilmi Mootii Haarin yeroo loltuu ta'ee dirqamaaf Afgaanistaanitti bobba'etti Taalibaanota 25 ajjeessuu isaa kitaaba isaa keessatti ibseera.
Kanaanis loltoota Taalibaan 25 ajjeesuu yoo ibsu, "akkuma nama haxaa'uti" jechuun ibse.
Afgaanistaanitti namoota ajjeesuu dubbachuun isaa nageenya isaa yaaddoo keessa kan galchuufi namoonni haaloo akka bahataniif kan kakaasu akka ta'e dubbata Koloneel Richaard.
Haarin yeroo loltuu ta'ee gara Afgaanistaanitti bobba'etti paayileetii helikoptaraa ture.
Namoota 25 ajjeesuu isaa yeroo jalqabaaf kan ibse kitaaba isaa gulana gabaarra oolu keessattidha.
"Lakkoofsa hamma kana ajjeesun waanan ittiin boonus miti, waanan itti gaddus miti," jechuun barreesse.
"Yeroon waa'ee waraanafi odu lolaatin qabamee jirutti waa'en namoota 25 sana sammuu koottuu hin dhufu. Isaan akkuma nama gabatee cheezii irraa cheezii haxaa'uti. Namoota hamootu osoo namoota gaarii ta'an hin ajjeesin akka dhabaman godhame."
Koloneel Richaard bara 2003 loltoota achitti bobba'an gaggeesudhaaf Afgaanistaan deemee ture. Piriins Haarin waa'ee namoota ajjeesee dubbachuu irraa rakkoo akka hin qabne ibsuun akkaatan inni itti Taalibaan "dhala namaatii gaditti tapha cheezitti lakkaa'ee dhiyeesse rakkoo akka qabu hima.
"Kitaaba isaa keessatti hidhattoota uuamama namaatingaditti fakeesse- akka tapha cheezitti dhiyeessun isaa sirrii miti.
"Waraanni Biriitish bifa kanaan miti kan namoota leenjisu. Yaanni akkasii kan dhugaa hin ibsinee gara hin taanetti kan nama geessufi warreen Humna Waraana Biriitishis ta'ee motummaa Biriitish hin jaalanneef odeeffannoo barbaachisaadha," jedha.
Ilmi mootii loltoota Taaliban kana caala yoo ajjeeseyyuu "ittiin boonuu" qaba, sababni isaa dandeettii loltummaa isaa kan agarsiisudha jedha qondaalli kun.
Garuu ammoo akkaatan itti dubbate nageenya warra mootii yaaddoo keessa bifa yaaddoo hin galchineefi dhala namaaf kabaja kennuun ta'uu akka qabu dubbate qondaalli waraanaa kun.












