Ilmi mootii UK obboleessa angafaan miidhaan qaamaa irra gahuu himate

Ilma mootii Haariifi Wiiliyaam

Madda suuraa, Getty Images

Ilmi mootii UK Haariin obboleessa isaa angafaa Wiiliyaam miidhaa qaamaa narraan gahee jechuu Gaardiyaan gabaase.

Haariin kitaaba ‘Spare’ jedhamufi waa‘ee seenaa isaa irratti barreesse irratti obboleessi isaa miidhaa qaamaa akka irraan gahe ibseera.

Kitaaba Haarii dhiheenyatti ifa ta’a jedhamee eegamu irratti, ‘‘mormakoo na qabee, faayaa mormakoo narraa kutuun lafatti na diriirse,’’ jechuu gabaafame.

Kana malees dhimma haadha warraa Haarii, Meegaan ilaalchisees wal falmanii akka ture kitaabichi ibsuu himame.

Dhimma mana jireenyaa idilee Ilma Mootii Wiiliyaam, Masaraan Kiingistanis ta’e manni jireenyaa Mootii Chaarlis, omaa hin dubbanne.

Maatiin mootii kun yoo wanti falmisiisaan isaan mudatutti deebii kennuu dhiisuun, daandii ittiin dhimmoonni tasgabbaa’an filatu jedhamee tilmaamama.

Gama biraatiin ammo Haariin af-gaaffii ITV, sirna muudama Mootichaa kan Caamsaa gaggeeffamu irratti kan argamu yoo ta’e gaafatame deebii kennuu irraa of qusate.

‘‘Ammaafi yeroo sana jidduutti waan baayyeetu umamuu danda’a’’ kanaafu ‘‘kubbaan mana murti Maatii Mootii keessa jirti’’ jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kitaabni Haarii hanga Kibxataatti kan hin maxxanfamne ta’ulleen, Guardian garuu koppii kitaabichaa argadheera jedhe.

BBC garuu addatti kitaabicha hin ilaalle.

Akka gabaasa Guardian kanatti obbolaa lamaan jidduutti wal dhabdeen kan mudate bara 2019 keessa.

Kitaabicha keessatti obboleessi Haarii inni lammii Ameerikaa gurraatti taatee Meegaaniin fudhuun isaa hin fudhatamneef barreesse Haariin.

Wiiliyaam Meegaaniin ‘nama rakkiftuu’, kan naamusa hin qabnee’ fi ‘fokkistuu’ jechuun ibsuu gabaaseera.

Obbooleessi isaa Wiiliyaam wayita Haarii rukutee kufiseetti, saahinaa sareen itti soorattu irratti kufuu fi saahinichi cacabuun qaamasaa akka waraane ibseera.

“Qaruraa bishaanii lafa erga kaa’een booda, maqaa biraatiin na waamee gara koo dhufe. Baayyee saffiisaan kan ta’es. Mormakoo na qabe… lafarratti na kuffise. Saahinaa sareen itti soorattu irrattan kufe. Cacabaan isaas dugda koorra na waraane. Bakkan kufeetti natti naannawee achuman ture. Achi ka’unis dhaabbadhee akka naaf bahuun gaafadhe’’ jechuun barreesse.

Haariin obboleessa isaa angafaatiin miidhaan qaamaa irra gahusaa dubbachuun, maatii mootootaa jidduu wal dadhabdee cimaa jiraachu agarsiisa.

Taateen obboolaa lamaan jidduutti mudatee kunis ‘miidhaa qaamaa’ malee ‘reebicha’ jedhamee kan hin hibsamneef waan Haariin yeroo miidhaan irra qaqabeetti deebii hin kenniineefiidha.

Haariin kitaaba isaa keessatti, yeroo sanatti obbooleessi isaa angafti kan aarii keessa ture akka isa rukutuuf gaafatulleen, Haariin garuu kana gochu irraa of qusachu ibse.

Taatee sanaan booda garuu Wiiliiyaan gaabbuufi dhiifama gaafachu Haariin barreesseera.

Maxxansaan kitaabichaa Penguin Random House kitaaba Haarii keessatti dhimmi kun barreeffamu isaa hanga yoonaatti mirkanneessu baatus, Haarii obboleessa isaa angafaa waliin walitti dhufeenya gaariidha jedhamu akka hin qabne kana dura dubbateera.

Dokmantarii filmii Netflix irra ilaalamaa jiruufi kan Haariifi Meegaan keessatti hirmaatan irratti, walgahii obboleessi isaafi abbaansaa kan amma Mootii ta’e irratti argaman hirmaatee kan nama sodaachisu jechuun ibse.

 Hanga bara 2020ttis obboleessi isaa sagalee ol kaasuun akka itti iyyaa ture, abbaansaa ammo waa’ee isaa dhimmota dhugaa hin taane yoo dubbatan, Giiftii Elizaabeeti kan amma lubbuun hin jirre ammo omaa jechu irraa of qusachuun haalicha ilaalaa turan jedheera.