Xurunash Dibaabaan erga lama deesse booda fiigichatti deebi'uf akka ta'e abbaan warraa ishee hime

Atileet Xurunash Dibaabaan yeroo xumuraaf waggaa afur dura dorgomte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Xurunash Dibaabaan yeroo xumuraaf waggaa afur dura dorgomte

Atileetiin fiigicha fageenya dheeraan maqaa guddaa horatte Xurunash Dibaabaan turtii waggoota afurii booda gara fiigichaatti deebi’uufi.

Abbaan warraa ishee Atileet Silashii Sihiin akka BBC’tti himeetti Xurunash da’umsarra turte.

Guyyoota 10 booda fiigicha walakkaa maaraatoonii Hiwustan Ameerikaa dorgomamu irratti akka hirmaattu qopheessitoonni dorgommichaa beeksisaniiru.

''Hiwustan dorgommii beekamudha, sirriitti leenji’aan jira,’’ Xurunash ibsa baheerratti dubbatte.

Kanaafis yeroo ammaa shaakala taasisaa akka jirtu Silashiin himeera.

''Da’umsarra turte. Isa booda gara fiigicha deebite jechuudha,'' jechuun hime.

Gama kaaniin, weerarri koronaavaayirasiif dorgommiiwwan danqee ture.

Xurunash Olompika irratti warqii sadii akkasumas Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti warqii shan injifatte.

Xurunash keessumaa Olompikii Beejing 2008 irratti 5000m fi 10,000m’n medaaliyaa warqii injifachuun ishee kan bal’inaan kan yaadatamudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fiigicha joorroo (tiraakii) erga dhaabdee fiigichaa daandiirraafi maaraatooniiwwan fiigaa jirti.

Bara 2017 irrattis Maaraatoonii Chikaagoo Ameerikaatti taasifame injifatte.

Yeroo xumuraaf fiigichaa daandiirraa 10km Ispeenitti dorgomtee 3ffaa erga xumurte booda garuu hin dorgomne ture.

Sababa kanaan atileetiin ganna 37 fiigicha dhaabde laata jedhanii kan tilmaaman turan.

‘’Gidduutti lama [ijoollee] godhatte,’’ jechuun Silashiin hime. Yeroo ammaa atileetonni lamaan ijoollee sadii godhataniiru.

Xurunash bara 2018 sana keessaa maaraatoonii Barliin dorgomtee 3ffaan yoo xumurtu, maaraatoonii Landan garuu addaan kuttee baate.

Maaraatoonii Landan bara 2019 irratti eegamaa turterraa hafuu ishee erga qopheessitoonni beeksisan booda ‘‘abbaan warraakoofi ani mucaa lammataa eegaa jirra’’ jechuun beeksistee turte.

Ibsa qopheessitoonni maaraatoonii walakkaa Hiwustan baasaniin Xurunash Dibaabaan dorgommichaaf akka qophoofte ibsu eeran.

Dorgommiin kuni karaatti ''of qoruufi itti aanee waan ta’uf deemu itti ilaaludha.’’

Atileetiin Itoophiyaa Hiwoot G/Kidaan akkasumas atileetiin Ameerikaa Emilii Siison ni morkatuun.

Sisoon maaraatoonii Chikaagoo dhihoo dorgomame sa'aatii Ameerikaaf riikardii ta’e galmeessuun lammaffaa ta’un xumurte.

Fiigicha walakkaa maaraatoonii dhiiraan immoo Atileetonni Itoophiyaa Shuraa Qixxaataafi Li’ul G/Sillaasee fa’i ni dorgomu.