Imala barnootaa shamarran lakkuu qabxii olaanaan eebbifamanii

Lakkuu qabxii olaanaa galmeessuun eebbifaman
Ibsa waa'ee suuraa, Lakkuu qabxii olaanaa galmeessuun eebbifaman- Keelloo fi Siddisee Xurunaa

Lakkuuwwan lamaan Yunivarsiitii Amboo Kaampaasii Walisoorraa qabxii 3.99 fi 3.98 fiduun walduraa duubaan qabxii olaanaa galmeessisuun digirii jalqabaatiin eebbifamaniiru.

Keelloo Xurunaa fi Siddisee Xurunaa jedhamu, lakkuudha, lachuu barnootaan qaxaleedha.

Lakkuulee lamaan keessaa qabxii olaanaa galmeesisuun badhaasa waancaafi warqee kan fudhatte shamarree Keelloo Xurunaa, gosoota barnootaa 53 baratte keessaa gosoota barnootaa 35 qabxii A+, gosoota barnootaa 16 A akkasumas gosoota barnootaa lama immoo qabxii A- fidde.

Obboleettiinshee Siddiseenis gosa barnootaa sadi A- fiddeen alatti isaan kaan A fi A+ fidde.

“Baay’ee nama gammachiisa. Nu caalaa maatiin baay’ee gammadan, baay’ee nutti boonan. Maatii gammachiisuun waan guddaadha” jechuun shamarree Keelloo miira maatii keessa jiru BBC’f himteerti.

Shamarran lakkuu milkaa’ina isaaniin dinqisiifannaa horatan kunneen ijoollee jaha maatiin Obbo Xurunaa Acaaluu horate keessaa isaan hangafaati.

Milkaa’ina isaanii kana duubammoo fedhiifi kutannoo barnootaa akkasumas deeggarsafi hordoffii maatii cimaatu jira.

“Isaani ni qo’atu, nutimmoo ni deeggarra. Waan isaan barbaadan hanga humna keenyaa akka hojjetaa mootummaatti ni taasifnaaf. Sanaan alattimmoo kitaabota tokko tokko akka dubbisan ni gargaarra” jedhu abbaan isaanii Obbo Xurunaa.

Imala barnootaa…

Shamarran lakkuu Keelloofii Siddiseen barnootaasaanii sadarkaa duraafi lammaffaa godina Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Walisoo manneen barnootaa Liiban fi Garasuu Dhukiitti baratan.

Ciminni barnootaasaanii yeruma ijoollummaatii kaasee akka ture kan himan abbaan isaanii Obbo Xurunaa, isaanillee akka maatiitti cinaa dhaabbachaa turuu dubbatu.

“Duraanis barattoota cimoo turre. Kutaa gadiitii kaasee ni qo’anna, garuummoo erga yunivarsiitii seennee sirriitti jabaannee hojjenne” jetti Keelloon.

“Mana keessatti maatii ni gargaarra, isaaniis akka qo’annuuf baay’ee nugargaaru, hojiis nutti hinbaay’isan” jechuun imala barnootaashee himti.

Keelloo fi Siddisee maatiisaanii waliin sagantaa eebbaa irratti
Ibsa waa'ee suuraa, Keelloo fi Siddisee maatiisaanii waliin sagantaa eebbaa irratti

Gama biraatiin shamarran lakkuu kun barnootasaanii kutaa 11ffaa fi 12ffaa damee saayinsii uumamaa baratanis wayita gara yunivarsiitii seenan garuu yaadasaanii jijjiiratan.

“Kutaa 12 saayinsii uumamaa barannus yemmuu yunivarsiitii seennu ‘damee jijjiiruun ni danda’ama’ jedhamnaan sirriitti waan jaalannuuf mummee Ikonomiksii seenne” jetti.

Haaluma kanaan lamaan isaanii damee saayinsii hawaasaan mummee barnootaa Ikonomiksii (Diinagdee) seenuun barnootasaanii eegalan.

Mummeen barnootaa kun isaaniif haaraa ta’ullee qabxiin seemisteera jalqabaarratti galmeessisan hanga eeganii ol ture.

“Seemsiteera jalqabaa lachuu keenya qabxii 4 fidne. Yeroo sana lachuu keenya wal gargaarree baay’ee qo’anne. Haa ta’u malee nuti akkanatti hin yaadne ture” jechuun Keelloon himti.

Wal fakkeenyafii mudannoo…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kelloon obboleettiishee Siddisee waliin cimina barnootaan qofa osoo hintaanee bifaanis walfakkeenya qaaachuu himti.

Sababa kanaanis keessattuu barnootasaanii sadarkaa duraafii lammaffaatti mudannoowwan garagaraa dabarsuu himti.

“Barsiisaan daree Siddiseen keessatti barattuuf qormaata laatee daree keenya qoruuf yemmuu dhufu ‘lammata qoramtaa?’ jedhee na ari’a” jechuun muuddannoo ishee keessaa tokko yaadatti.

Abbaan isaanii Obbo Xurunaa Acaaluus walfakkeenya amalaafii bifaa ijoolleesaanii lamaanii olkaasuun dubbatu.

“Baay’ee walfakkaatu, fedhiinsaaniis tokko. Yeroo baay’ee uffata gosa tokko bituufillee nan rakkadha. Darzana tokko keessatti uffata halluu gosa walfakkaataa qabu tokko qofa argita. Kanaaf yeroo baay’ee turee, barbaadeen bitaaf” jedhu.

Dabalataan jaalalli maatiifii ollaaf qabanis dhimma obbolaa lakkuu kunneen walfakkeessu ta’uu abbaan himu.

“Bifasaaniitiin adda baasuun hin danda’amu. Numtiyyuu dandeenyee adda hinbaafnu” kan jedhan Obbo Xurunaan, guyyaa eebbaatti gara waltajjiitti erga bahanii booda badhaasa waancaa Keelloo harkaa fuudhanii erga olkaasanii booda dogongoranii Siddiseef laachuu kolfaa himan.

Qormaatafii jabina

Imala barnootaashee keessatti qormaatawwan garagaraa dabarsuu kan himtu shamarree Keelloo, “yemmuu jabaatanii baratanis oduun ‘waan dubartoota ta’aniif barsiisaan qabxii akkanatti kennaaf’ jedhu ni jira.

Waan ati sirriitti hojjettee fidde namni haala biraatiin akka fidde dogongorsiisee hima. Nuti waan akkasii hindhageenyu, sirriitti hojjenna” jetti.

Milkaa’ina isaaniif bu’uura kan ta’e cichoominaafii itti fayyadama yeroosaanii akka ta’e kan himtu shamarreen kun, “Namni baratu yeroosaa barumsarratti, namni hojjetus yeroosaa hojiirratti dabarsa waan ta’eef ijoolleen barattan waan biraa dhiisatanii yeroo keessan hundumaa barumsaaf kennitanii milkaa’uu qabdu” jetti.

“Ogeeyyii Ikonomiksii ta’uu barbaanna”

Ijoolleen isaanii lamaan ogummaa barataniin addunyaarratti akka beekamaniif fedhii akka qaban kan himan Obbo Xurunaan, “diinagdee biyyi keenya qabdu, waan nuti arguu hindandeenye ogummaasaaniitiin baasanii hawaasafii ummatasaanii fayyaduu akka danda’an hawwiikoo guddaadha” jedhu.

Kana malees sadarkaa barnootaasaaniis caalmaatti akka guddisaniif fedhii qaban himu.

Gama biraatiin imalasaanii gara fulduraas walumaan gochuuf feedhii akka qaban kan himtu Keelloon, “adda bahu hinbarbaannu. Gara fulduraattis Ikonomiksiin itti fufnee ogeeyyii Inkonmiksii ta’uu barbaanna” jetteerti.

Dabalataan “Gara fulduraattis maatii keenya qofa osoo hintaane uummata Walisoo, uummata Oromiyaafii Itoophiyaa ni boonsina. Sirriitti jabaannee waliin taanee waan guddaa hojjenna” jechuun hawwiishee gara fulduraa himti.