‘Ilma horsiisee bulaa kurraaziin qo’achaa ture ta’us, hunda caaleen waancaa badhaafame’

Saara Saallessa Diidaa ilma horsiisee bulaa Godina Boorana Bahaa, aanaa Gumii Eldalloo bakka Bulbul jedhamtutti dhalatee guddate.
Yunvarsiitiin Booranaa yeroo jalqabaatiif Roobii darbe barattoota wayita eebbise barataan kuni eebbifamtootaa hunda caaluun badhaafamaa waancaa ta’e. Barataa Saara, haala guddinaafi milkaa’inasaarratti BBC waliin turtii taasieera.
Akka inni jedhutti, maatiin isaa horsiisee bultoota waan ta’aniif carraa barnootaa argatanii barnoota hin qaban. Ta’ulleen ilmaan isaanii barachuu qabu jedhanii maatii amananirraa dhalate.
Lafa inni itti dhalatee guddate kanatti hanga ammaalleen tajaajilli ibsaa elektiriikii hin jiru. Kuni garuu milkaa’inarraa akka nama hin hambifne seenaan barataa kanaa agarsiistuudha.
“Kutaa gadi aanaa eegalee barnootatti cimaan ture. ammoo ibseen waan hin jirreef barnoota Gara caalu guyyaa qo’adha. Kan hafemmoo galgala kurraaziidhaan qo’adha ture” jedha.
Maatiin isaa akka inni barnootatti jabaatee milkii argu fedhii qabaatanilleen waan barnootaaf isa gargaaru guutufiif garuu harki akka gabaabbatu dubbata.
“Maatiin kiyya harka qalleeyyii waan ta’aniif waan barnootaaf nabarbaachisu naaf guutuu hin danda’an. Kanaaf jecha barnoota kanin baradhe humnuma kiyyaan hojii humnaa hojjechaan ofgagaareeni,” jedha.
Barataan kun barnoota isaatti qaxalee waan ta’eef, yeroo kutaa 8ffaa qorumsa fudhate qabxii olaanaa galmeessisuun mana barumsa bulti addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Adaamaa jirutti carraa barnootaa argatee akka tures hima.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana barumsaa bultii addaa Adaamaa jirutti barnootasaa eegalulleen sababa dhukkuba isa mudateen achitti itti fufee barachuu akka hin dandeenye yaadata.
“Guddoo nadhukkubee ture. Hanga barnoota itti fufee barachuu dadhabuttin gahe. Kanaaf jecha barnoota achii adda kuteen maatii bira Bulbulitti deebi’e. Humna qabaadhee mana yaalaatti yaalamuu waan hin dandeenyef achumatti mana yaala aadaatti yaalamaan ture,” jedha.
Sababa kanaan barnoota sadarkaa lammaffaa achuma bakka dhalootaasaatti itti fufee barachuun kutaa 12 qabxii gaarii galmeesisee Yunvarsiitii Bahardaaritti ramaddii akka argatee dubbata.
“Humna lafa fagoo kana deemee baradhuun waan hin qabneef guddoo yaadda’een ture. Ammoo Barachuu barbaada. Booda rakkoo kiyya Yunvarsiitii Booranaa hubachiisee jennaan asitti jijjiirraa argadhee barumsa jalqabe,” jedha.
Turtii Yunvarsiitii Booranaa keessatti dabarseenis barataa qaxalee qabxiidhaan hunda dursu ta’e. Bara jalqabaatti qabxii 4.00 galmeessisuun pirezedaantiin yunvarsiitichaalleen akka isa jajanii jajjabeessan dubbata.
Yunvarsiitiin Booranaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaatiif barattoota eebbisiise keessaa tokko barataa Saara Saalessaati.
Pirezidantiin Yunivarsitii Boranaa Bokkuu Xachee, sirna eebbaa yeroo jalqabaatiif yunivarsitichi Roobii darbe Waxabajjii 3, 2024 gaggeessee ilaalchiisuun, kanneen eebbiifaman keessaa kan harki 71 ta'an barattoota qabxii olaanaadhaan eebbiifaman akka ta'an himan.
Yunivarsitichi koolleejjii afur keessatti barataa kan turaniifi qormaata furatan barattootta gara 243 akka ta'an kan BBCtti himan pirezidantiin yunivarsitichaa Dr Bokkuun, kan qormaaticha darbuun waraqaa eebbaa argatan barattoota 135 ta'u himan.
Sababiiwwan baratoonni yunivarsiticha seenan hundi sadarkaa eebbarra hin gahin yoo ibsan: rakkoo qulqullina dhabuu barnootaa, barattoonni erga yunivarsiitii seenaniin booda gargaarsa dhabuu, qormaanniifi haalli qilleensa gammoojjii itti cimuufi kaan akka gumaache kaasan.
Dr Bokkuun itti dabaludhaan, barattoota qabxii gaarii fiduun eebbifaman keessaa barataa Saara Salleessaa mucaa qabxii waliigalaa 3.98 fuduudhaa eebiifame ta'u himan.
Saara Salleessaa nama bira dhaabbatulleen kan hin qabne akka tureefi garuu qabxii olaanaa galmeessuudhaan nama seenaa galmeesse ta'u himan.












