Barattoota Itoophiyaa Xaaliyaanii jiran qormaata maaltu mudata? Maalif dafanii hin eebbifaman?

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Awurooppaa keessaa Xaaliyaanin bakka barattoonni Afrikaa carraa barnootaa argatanii itti baratan keessaa ishee ijoodha.
Akka ragaan Dhaabbata Walta’iinsa Diinagdeefi Misoomaa agarsiisutti, bara 2021tti barattoonni Afrikaa 72,000 ol ta’an Xaaliyaanitti barnootarra turan.
Kanneen keessaa barattoonni Itoophiyaa 414 yoo ta’an 73 ammoo lammiilee Ertiraati. Barattonni kunneen digrii jalqabaatii hanga digrii sadaffaafi isaa olii kan barataniidha.
Xaaliyaanii magaalaa Piyaassatti kan argamu Yuunivarsiitin Santaanaa barattoota Itoophiyaa digrii sadaffaa baratan 11 barsiisaa jira.
Haa malee, barattoonni Itoophiyaa barumsa waggaa saditti dhumu hanga waggaa afuriifi isaa olii ykn baruumsa digrii sadaffaa waggaa afuritti dhumuu qabu xumuruuf hanga waggaa saddeetii akka itti fufu barsiisonnifi barattoonni BBCn dubbise ni ibsu?
Maalif eebbifamuuf yeroo dheeraa itti fudhata?
Sirni barnootaa gargar ta’uu?
Yoonas Seefuu carraa barnootaa argatee gara Xaaliyaanii erga imalee waggoota lakkoofsiseera. Digrii lammaffaafi sadaffaas achumatti xumre. Yeroo ammaa Yuunivarsiitii Santaanaatti waggoota afran darbaniif barsiisaa qorannoo gaggeessaa jira.
Sababni barattoonni duubatti harkifatanii eebbifamaniifis sirni barnootaa Itoophiyaafi kan Xaaliyaanii jiru gargar ta’uu BBCtti hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo barnootaa (credit hour) dabalataa guutuu qaban guutanii yeroo qophii ta’anitti qormaata fudhachuuf carraa akka jiru hima.
Yuunivarsiitii Saabbiyaansaatti barattuu digrii jalqabaa kan taate Radi’et Leencoo akka jettutti, barattoonni digrii jalqabaa waggaatti kiredit haaworii 180, digrii lammaffaan ammoo kiredit haaworii 120 fudhachuun akka isaanirraa eegamu himuun barattooni walakkaasaa xumuruu yoo danda’an sa’aatii barbaadanitti qormaata fudhachuu akka danda’an himti.
“Qormaata seemisteera jalqabaa Amajjii ykn Guraandhala fudhachuun ni danda’ama. Lamaan keessaa tokko filadhee qoramuu akka danda’u waanan beekuf nan dhibaa’a. Sababni isaa qormaata jalqabaa yoon kufe irra deebin fudhachuu nan danda’a waan ta’eef,” jechuun filannoowwan jiran himti.
Kuni ammoo bara barnootaa ittaanurratti dhiibbaa mataasaa qaba. Kana qofa osoo hin taane, carraa barnootaa hanga dhabuuttuu geessisuu danda’a, keessumaa qormaata marsaa lammataaarratti bu’aan qormaataa isa duraa caala gadi bu’aa yoo ta’e.
Garaa garummaan sirna barnootaa kun barattoonni akka hin dhiphannee akka isaan taasisu kan himan Gargaaraa Pirofeesaraa Yoonas, garuummoo akka isaan dhibaa’anis akka godhuufi yeroo eebbasaanii akka jalaa harkifatu akka godhu himu.
“Sirni barnoota Xaaliyaanii sadarkaa gadii ka’ee qulqullinaan kan guutameedha. Jabataanii hojjachuu gaafata,” jechuun barattoota barattoota Itoophiyaa jabaatanii hojjachuutti hin barrerra irratti dhiibbaa akka qabus kaasu.
Gosa carraa barnootaa argatan
Barattoonni Itoophiyaa carraa barnoota tolaa gaafa jedhamu waan hunda tola waan argatan itti fakkaata. Gara biyyoota Awurooppafi Ameerikaa deemun gaafa yaadamu, waanti hunduu mijataa fakkaadha jedhanii yaadunis baramaadha.
Barattoonni tokko tokko carraa barnootaa bilisaa argatu. Kaan ammoo carraa barnootaa guutu: baasii barnootafi jireenyaa kan hammate argatu.
Barattoonni Itoophiyaa kana sirriitti osoo adda hin basin erga gara biyyoota Awurooppaa deemanii barnoota eegalanii booda qormaata heddutu isaan mudata.
Carraa barnootaa argachuuf jecha baasii dhuunfaa namni danda’uuf akka jiru ragaa sobaa erga dhiyeessanii booda achi gahanii kan rakkatanis jiru. Rakkoo jireenyaa guuttachuuf barnootan cinaatti hojii hojjachuun dirma kan itti ta’us jiru.
Bu’aa bahiin kunneen barattoonni barnootasaanirratti akka hin xiyyeeffanneefi yeroon barnoota fixanii akka hin eebbifamneef duubatti isaan harkisa.
Aadan, afaanifi haalli jireenyaa haaraa itti ta’uunis dhiibbaa irratti ni qabaata. Mana kiraa argachuufis gurraachotarratti loogin akka godhamu barataan digrii sadaffaa tokko maqaansaa akka hin eeramne gaafachuun BBCtti hime.
“Mana kan barbaanni karaa onlaayiniiti. Nama Afrikaafi gurraacha ta’uu keenya gaafa baran kireessuu dhiisuf sababa gara garaa kaa’u. Sababa kanaan ji’a sadiifi afur fa’aa eegun dirqama ta’a,” jedha.
Maatin harka keessa nama ilaaluu
Awurooppafi Ameerikaa gaafa jedhamu biyya birrii hammaaran, jireenyi akkasumatti toora kan namaaf galu kan itti fakkaatu danuudha.
Maallaqaan maatii deeggaruun Itoophiyaa keessatti waan baratameedhe. Ebelu biyya alaa jira jechuun, harka duwwaa hin deebi’u jedhanii kan yaadan maatin, firoonni danuudha.
Kana galmaan gahuuf yeroo heddu barattonni sa’aatii barnootafi hirribaasaanii aarsaa gochuun hojii argatan hojjachuurratti boba’u. Kuni sababoota barnootasaanirratti dhiibba fidu keessaa tookkodha.
Kanaan alatti, erga eebbifamanii booda bakki turan kan isaan yaaddessu hedduudha. Gara biyyaatti deebi’uuf carraan hojii bal’aan dhabamuufi haalli nageenyaa kan isaan yaddeessus jira.
Hanga carraa hojii gaarii argtaniifi haalli mijatutti carraa sirni barnootaa kennuufitti fayyadamuun yeroo barnootasaanii dheeressuuf dirqamu.
Birkiraasii dhaabbilee
Barattoonni Afrikaa, addumatti kan Itoophiyaa carra barnoota biyya alaa argatanii gaafa deemuf ka’an qormaanni kan isaan jalqabu biyyumatti.
Ragaa barnootafi xalayaa deeggarsaa argachuuf birokiraasiin isaan keessa darban salphaa akka hin taane himu barattoonni.
Ragaalee barnootaa harkaan erga gahatanii booda qormaanni biraa isaan eeggatu viizaa biyya carraa barnootaa itti argatanii argachuudha.
Rakkoo nageenyafi diinagdee Itoophiyaa keessa jiru sababa godhachuun bahanii achitti hafu kan jedhuun lammiilen Itoophiyaa salphaatti viizaa hin argatan.
Kanafi sababoota garaa garaan yeroo barnootaa kaa’ame isaan jala darba. Yeroo dhiyoo Gamtaan Awurrooppaa lammiilee Itoophiyaarra dhorkaa viizaa kaa’ee ture.
Kunis Itoophiyaan lammiileeshee seeran ala biyya alaa jiraatan deebiftee simachuurratti fedhii gadaanaa agarsiifte jechuuni.
Dabalataanis lammiilen Itoophiyaa viizaa argachuuf guyyaa 15 eegun kan irra ture gara guyyaa 45tti ol-guddiseera Gamtaan Awurooppaa. Kunis dhiibbaa mataasaa barattootarratti qaba.
Barattoonni carraa barnootaa argatanii erga Xaaliyaanii gahanii booda hayyamni jireenyaafi sanadoonni barbaachisoon dafee akka hin raawwanneef dubbatti Radi’eet Leencoo.
‘’Itoophiyaadhaa maallaqa qabatanii dhufuu humni hin hayyamu. Yoo qabaattes Yuuroo muraasatu siif hayyamama. Kanaaf, erga dhufnee booda hojii hojjachuun dirqama,” jechuun sababa kanaan barnoota tasgabbaa’anii baratanii yeroon fixuun akka isaan rakkisu himti.
Gama biraan ammaa Xaaliyaanitti hayyama jireenyaa argachuuf hanga ji’a sagalii fa’aa akka itti fudhatu ibsuun kunis sababoota barattoonni Itoophiyaa barnoota isaanii fixanii eebbifamuurratti boodatti hafaniif sababa biraa akka ta’e kaasti.












