'Ilmoo dhaleen akkan hin ilaallee mallatteesse'- baqattuu Itoophiyaa Xaaliyaanitti

Abbaa Girmaa

Abbaa Girmaa jedhamti. Ji'a sagal itti dadhabdee garaatti baattee, miixattee deessus akka haadholii kaanii carroomtee mucaashee dhalate ilaaltee isa ciniinsifataa turte itti hin daganne.

Inumaayyuu mucaashee deesse akka ijaani hin ilaalleef akka mallatteessitu dirqisiifamte.

Abbaan rakkoon garaa naama nyaatu kun kan ishee eegale ka’uumsisaa daa’imummaa isheerraa ture.

Abbaanshee Obbo Girmaan intallisaanii baruumsatti qaxalee akka taatu fedhu turan. Isheen garuu fedhii abbaashee guutuu hin dandeenye- baruumsatti cimtuu hin turre. Kun ammoo abbaashee garaa hin geenye.

Ija abbaashee baachuu dadhabdee jiruu baqaaf abbalte. Abbaayi dhalattee kan guddatte magaala Mojootti dhalattee kan guddatte yoo ta’u, hiriyoonnishee ishee tuttuqanii gara biyya biraa deemtee hojjattee of jijjiiruu kan jedhuun manaa baate.

Jiruu baqaa tokko jettee kan eegalte Yunaayit Arab Emireetis, magaala Dubaayitti. Dubaayitti jiruun akka isheen yaadde hin taanef.

Mana keessa qacarmtee hojjataa turtetti, mindaa malee ji’a jahaaf akka “garbaatti’ hojjachiisan. Mana abbaa darbii sadii qulqulleessuu, miicuufi hojiiwwan heddu hojjataa turte.

Guyyaatti yoo baay’ate sa’aatii lamaa hanga sadii qofa akka raftu himti. Ji’a jahaan manicha hojjataa turtetti maatiishee bilbilaanis ta’ee xalayaan qunnamtee hin beektu. Maatinshees duutefi jirtii ishee bakka jirtu hin beekan.

Gidiriraa Dubaayitti irra gahe dadhabdee maatii ishee hojjachiisan jalaa baddee gare Shaarjaa imalte.

Achittis jiruun akka isheen yaaddee manaa baate hin taanef. Godaanta Itoophiyaa sanada seera qabeessa hin qabne biroo waliin hidhamtee boodarra gara Itoophiyaatti akka deebi’an godhaman.

Turtii waggaa afurii booda Duubayirraa gara Itoophiyaa deebite. Ammas garaan hin teenye; daandii biraan ammas godaansa yaalte. Gara Sudaan qajeelte. Sudaanitti mana namaa qacaramtee hojjachuurraa hanga mana nyaataa bantee hojjachuutti geesserti.

Osoo kanaan jirtuu godaantotuma akkashee Sudaan jiran keessaa dargaggeessa tokkoo wajjin jaalala keessa seente.

Abbaayi akka jettutti, jaalalleenshee abbaansaa nama lammii Jarman waan ta’eef abbaasaa barbaacha gara Jarman deemuf manaa bahe.

Jireenyisaanii Sudaan toora galaafii dhufus jaalalleenshee abbaa koo deemee baruun qaba jedhee waan dhimmeef gara Awurooppaa akka imalan murteessan.

Inni sanada seera qabaeessa waan hin qabneef gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuree deemuf, isheen ammoo sanada waan qabduuf xayyaaran akka deemtu waliigalanii inni adeemsa gammoojiii Sahaaraa karaa seeran alaa eegale.

Inni deemee ji’a tokko booda Abbaayi xayyaaran imaluuf haalli waan mijatuufii dideef isheenis jaalalleeshee duuka bu’uu filatte- gammoojjii Sahaarafi galanaana Medetiraaniyaanii qaxxaamuruu.

Ji’a tokkoo ol gammoojjii Sahaaraa keessa joorre

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Salphaa natti fakkaata ture,” jechuun imalli gammoojjii Sahaaraa ijibbaachisaa ta’uu himti.

Liibiyaa seenuf deemsa gammoojjii dhuma hin qabne konkolaataa piikaappii sadiin namoonni 300 ol fe’amaniiti.

“Namoonni lama gateettii koo lamaanirra taa’aniiru. Jilba koorras akkasuma taa’aniiru, bifa kanaan deemaa turre,” jetti.

Konkolaatan yeroo cabuufi daandin amansiisaa yeroo hin taane konkolaatarraa bu’anii taa’un ji’a tokkoo ol gammoojjii Sahaaraa keessatti gidiraa argaa akka turan himti.

Deemsarratti dubartootarra haleellan gahu jiraatus, kan hammaatu dhiirotatti ta’uu kan himti Abbaayi, kana baachuu dadhabanii gammoojjii keessatti kufanii kan du’an heddu jetti.

Haala kanaan kellaatti yeroo dhiyaatan konkolaataa wal-harkisutti dabarfamanii akka waan hoolaa fe’anii fakkeessun kellaa darban.

“Muka nurra tuulanii, hoolaa feenee deemna jedhanii nu dabarsan,” jetti Abbaayi. Erga kellaa darbanii booda, Liibiyaatti warra godaantota bitaniifi gurguran jalaa baqachuuf jecha taaksii qabattee bakka jalalleenshee buufatee jirutti qajeelte- jaalalleenshee dursee deeme achi erga gahee ji’a guutee ture.

Erga Liibiyaa gahanii guyyaa itti deemsa galaana Medetiraaniyaanii eegalan eeggachuu jalqaban.

Guyyaa itti gara qarqara galaanatti gadi bu’an

Guyyaan kun dalaallonni haala ilaalalanii qoratanii guyyaa itti godaantota imala galaanaf itti qopheessaniidha.

Dalaallonni qarqara galaanaa osoo hin gahin bakka itti godaantota walitti qaban qabu. Abbaayi fa’aas bakka itti walitti qabamanitti geeffaman. Guyyaan deemsa galaanarraa hanga eegalutti bakka itti walitti qabaman keessa guyyootaf turuun dirqama.

Nyaatifi dhugaatin abjuudha, lubbuun akka hin duunefi arraba akka jiifatan qofaan waanti nyaataniifi dhugan kennamaaf.

Guyyaan itti deemsa galaanarraa eegalan geenyan konkolaataa konteenaraan fe’amanii akka loonitti reebamaa qarqara galaanaa gahan. Dubaroota achi jiran keessaa Abbaayi dabalatee hedduunsaanii ulfa.

Qarqara galaanaa erga gahanii booda bidiruutti fe’amanii deemsa gara Xaaliyaanii eegalan. Guyyaa sana bidiruu sana keessa namoonni 360 ta’an akka turan himti Abbaayi.

“Ol jennee yoo ilaalle samii qofa agarra, gadi yoo jenne bishaan malee homtuu hin jiru. Waaqayyo yoo ta’e malee kan biraa waanti yaannu homtuu hin jiru,” jetti.

Deemsa galaanarraa walakkaa ol erga deemanii booda kallattiin jalaa badee heddu yaadda’an. Haa ta’u garuu deemsa sa’aatii 36 booda oddoola Xaaliyaanii, Lampaaduusaa gahan.

Yeroo kana Abbaay ulfa ji’a shanii taatetti; garuu garaanshee homaa guddina akka hin agarsiifne dubbatti.

Erga Xaliyaanii gahanii warri Fannoo Diimaa waldhaansa godhaniifii oduu gaarii hin taane itti himan- ulfishee sirrii akkka hin taane dhageesse. Garuummoo ulficha baasuf yeroonsaa akka irra darbe itti himan.

Waan fedhe ta’us ji’a sagal guuttee dahuu akka qabdu murteessite Abbaayi.

“Mucaan dahe akka hin ilaallef mallatteesi naan jedhan”

Abbaayi yeroon dahuumsashee gahee waldhaansa baqaqsanii yaalun deesse. Garuu akka haadholii kaanii hin carroomne; mucaashee ilaaltee dadhabbiishee itti hin daganne- duraan hin ilaalu jettee mallatteessitee turte waan ta’eef.

Sababa akka hin ilaalle mallatteessiteef ogeeyyin fayyaa gaafa itti himan, mucaanshee rakkoo waan qabduuf boca namaa akka hin qabneedha.

“Hanga ammaatti waanti sun maalif akka mudate naaf hin galle,” jechuun yeroo gammoojiin Sahaaraa qaxxaamuraa turte bishaanifi nyaati gahaan dhabamuu akkasumas bishaan beenzilaa dhugaa turan dhiibbaa irratti fiduu akka hin oolle himti.

“Ulfa kiyyaaf nan yaadda’an ture; garuummoo filannoo hin qabu waanan tureef waanuman argadhen nyaataa dhugaa ture,” jechuun si’a lammaffaallee ulfooftus rakkoon wal-fakkaatan ishee mudachuu kaasti.

“Waaqayyo wajjinis wal-luun eegale, si’a lammaffaa mucaa hammachuu akkan hin dandeenye gaafan yaadu jireenyan jibbe. Of-ajjeesuf illee nan yaale,” jechuun jaalalli abbaan manaashee isheef qabullee qabbanaa’aa deemuu himti.

Hanga deessutti mana akka keessa turaniif dhaabbani gargaaraa kenneef ture keessaallee akka bahan itti himame.

Baqattoonni baayyeen haala cimaa keessa qaxaamuruun gara Awurooppaa qaqabu

Madda suuraa, Getty Images

Mana cufaa cabsanii keessa buluu…

Gondaantonni hedduu imala jibbisiisaa heddu irraa hafanii erga Awurooppaa gahaniillee karaarra, buufata baaburaa fa’aa kan bulan hedduudha.

Kaansaanii mana cufaa fa’aa cabsanii keessa jiraatu. Kuni salphaa miti; kana gochuuf warra mootummaa morman deeggaruun dirqama ta’a.

Hiriira mormii mormitoonni waaman irratti hiriira bahanii sagalee mormii dhageessisuun dirqama.

Mormitoonni mana cufaa cabsanii godaantonni akka keessa jiraatan akka godhan Abbaayi dhageesse. Mana argachuudhaf mormitoota waliin hiriiruu, bakka isaan hiriira waamanitti argamuu eegalte. Mootummaa hin beekne mormuu, dhaadannoo hiika isaa hin beekne daanditti baatee dhageessisuu eegalte.

Kanarraa kan ka’e magaala Room bakka godaantonni Itoophiyaafi Ertiraa baay’inaan jiraatan “Anaaninaa” jedhamtutti mana cufaa argatanii cabsanii itti galan.

Manichi hoteela pirezidaantii duraanii Liibiyaa Mohaammat Gadaafii akka ta’etu himama. Abbaayi mana kana keessa waggaa 11 jiraachuu himti. Erga taaten duraa ishee mudatee booda, ijoollee fayyaaleyyii lamas itti horatteetti.

Waggaa 15 Xaaliyaanii keessa jiraattus, ammayyuu mana kiraa kaffalachuu hin dandeessu. Guyyaa tokko mootummaan Xaaliyaanii fuula osoo itti jijjiirratee bakka itti kuftu hin qabdu.

Abbaayi Itoophiyaarraa gara Dubaayi- Sudaan- Liibiyaa- dhumarratti gara Xaaliyaanitti godaantus kaayyoo ganama manaa baatef hin milkeessine. Baruumsatti cimuu dadhabuusheen isa abbaashee gaddisiiste, hojjadheen of jijjiiree abbaa koo boonsa jettee isa manaa baate rakkoo hedduuf saaxilamte.

Abbaanshee Obbo Girmaan gidiraa isheen keessa dabarte malee bakka isheen geese osoo hin argin addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Hiriyaa jaalalaa wajjin godaananiifi abbaa ijoolleshee wajjinis gargar bahaniiru. Abban ijoolleeshee abbaasaa barbaacha manaa bahe gaaffiinsaa osoo hin deebi’iniif abbaasaa dhabeera.

Kaayyoo biyyaa baatef keessaa kam galmaan geese? Jennee Abbaayi gaafanne.

“Tokkollee galmaan hin geenye!” jette.