Obbolaawwan sadeen aanaa Gindabarat barnoonni Kooriyaa Kibbaatti walitti fide

“Dhamaatii baay’ee keessa darbeen iskolaarshiippii kana argadhe,” jedha obbolaawwan sadeen keessaa tokko kan ta’e Daawit Shaanqoo.
Dargaggoo Daawit Shaanqoo bu’aa “dhamaatii” waggaa tokkoo booda argate dhandhamachuuf gara Kooriyaa Kibbaatti imaluuf qophiitti jira.
Kooriyaan Kibbaa biyya fagoo kanaan dura qaamaan argee hinbeekne taatullee miirri keessumummaa akka itti hin dhagahamne dubbata.
Sababnisaa ammoo obbolaan isaa lama Kooriyaa Kibbaatti barnootarra jiru waan ta'eef.
Obbolaawwan sadeen: Gaaddisaa Shaanqoo, Eliyaas Shaanqoo fi Daawwit Shaanqoo jedhaman kunneen godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabaratitti dhalatanii guddatan.
Sadanuu barnootaan qaxalee yommuu ta’an, lamaan isaanii (Eliyaas fi Daawit) barnootasaanii kutaa 9-12 Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaatti baratan.
Sadeen keessaa inni hangafaa Gaaddisaanis mana barumsichaatti barachuu baatullee hariiroo gaarii barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa waliin qabutti fayyadamuun, muuxxannoo irraa qooddatee Kooriyaa Kibbaatti carraa barnootaa argate.
Turtii Mana Barumsaa Bultii Addaa keessaa
Dargaggoo Daawit Shaanqoo ALA bara 2011tti ture barnootasaa sadarkaa lammaffaa hordofuuf gara Magaalaa Adaamaatti kan imale.
“Barnoota kutaa saddeettaffaa qabxii gaarii ergan fidee booda Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Adaamaatti argamuttin baradhe,” jedha.
Turtiinsaa Mana Barumsaa Bultii Addaas beekumsaafi muuxxannoo gaarii kan ittiin argate akka ta’e dubbata.
“Ani akka mana barumsaatti osoo hintaanee akka maatiittin ilaala. Haalli isaan itti nu kunuunsan, barnoonni isaan nuuf kennan, walitti dhufeenyi barsiisotafii barattoota akkasumas hawaasa achi keessaa waliin qabnu akka maatiitti ture,” jedha.
Manni barumsichaa qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoof haalaan isaan qopheessuu kan himu Daawit, qormaaticha qoramuun qabxii gaarii galmeesise.
Haaluma kanaan ALI bara 2015 Yunivarsiitii Finfinnee seenuun fedhiisaa yeroo dheeraa kan ture mummee barnootaa Saayinsii Kompiitaraa barachuu eegale.
“Fedhiisaa waanan qabuuf sadarkaa lammaffaarraa kaasee waan kompiitaraan walqabatu baay’ee shaakalaan ture,” jedha.
Quxusuuwwan faana hangafaa hordofan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo Mana Barumsaa Bultii Addaatti barataa turetti barattoota isa dura turanfii carraa barnoota biyya alaa argatan akka fakkeenyaatti fudhachaa turuu dargaggoo Daawit hima.
“Isaanirraa muuxxannoo baay’ee argannee ture. Carraawwan barnootaa (scholarship) jiran yaaluudhaaf baay’uma tattaafannee hojjechaa turre,” jedha.
Yaalii carraa barnootaa kana argachuuf taasisus itti fufuun wayita Yunivarsiitii Finfinneetti baratutti yunivarsiitiiwwan biyyoota garagaraatti iyyachaa turuu hima.
“Yunivarsiitii ergan seenee booda qormaatawwan biyya alaa garagaraa qoramuuf haala mijataa argadheera. Kanaaf ergan gara yunivarsiitii ergan dhufee booda barnootakoorratti xiyyeeffachuun cinatti ‘iskolaarshiippii iyyachuu, ijoollee biyya alaa jiran muuxxannoo gaafachuu irratti turte yerookoo baay’inaan kanan dabarse,” jedha.
Carraa barnootaa Sooftweer Injinaringii kanas yunivarsiitii biyya Kooriyaa Kibbaatti argamu Yunivarsiitii Deeguutti argachuusaa himeera.
Eliyaas Saayinsii Kompiitaraa barachaa kan jiru yemmuu ta’u obboleessi hangafti Gaaddisaan immoo Fiiziksiifii Herreegan digirii lammaffaasaa barachaa akka jiru nutti himeera.
Dhamaatii fi milkaa'ina
Hariiroon obbolaawwan sadeen barattoota Mana Barumsaa ODA isaan dura jiran waliin uummatanfii muuxxannoon isaan irraa qooddatan milkaa’ina isaaniif galtee ijoo ta’uu dargaggoo Daawit hima.
Hariiroo kanaan cinattimmoo tattaaffiifi dhamaatiin isaan taasisan milkaa’inasaanii duuba akka jirus hima.
“Waggaa tokkoof iskolaarshiippiif qophaa’uu jechuun baay’uma ulfaata. Yeroo tokko tokko abdii kutachuun ni jira,” jedha.
“Yunivarsiitiiwwan garagaraa yaaleera. Yeroo baay’ee osoo hin filamin hafeera. Dhamaatii baay’ee keessa darbeen iskolaarshiippii kana argadhe,” jechuunis hima.
Barattoonni baay’een carraan isaan qaban murtaa’aa akka ta’etti akka yaadan kan himu Daawit, waggaa tokko keessatti carraa barnoota bilisaa argachuuf yunivarsiitiiwwan 10’tti iyyatee carraa filamuu dhabuu dubbata.
“Garuu hanga dhumaatti irra deddeebi’anii yaaluun bu’aa ni qabaata,” jedha.
Gama biraatiin gara Kooriyaa Kibbaatti kan imalu barnootafi muuxxannoo gaarii argachuuf akka ta’e kan himu dargaggoon kun, barnootasaa erga xummuree booda gara biyyaa deebi’ee akka hojjetu hima.
“Obboleessakoo (Eliyaas) waliinis yeroo baay’ee ni haasofna. Innis kan baratu Saayinsii Kompiitaraa waan ta’eef gara fulduraatti waliin hojjechuun bakka guddaa gahuu dandeenya jenneeti kan haasofnu,” jedha.












