Shittaayee Hoomaa (PhD): ‘Guca dirree hirmaannaan dubartootaa hanqatu keessaa iftu’

Shittaayee Hoomaa Magarsaa (PHD)

Madda suuraa, Borlaug Global Rust Initiative

Yeroo ijoollummaa keessanii ‘gaafa guddatte maal ta’uu barbaadda’ jedhamtanii gaafatamtanii beektuu? Yookaan ammoo ijoollee keessanis ta’e ijoollee biroo ‘gara fuula duraatti maal ta’uu barbaadda’ jettanii gaafattanii beektuu?

Deebiin keessan garri caalu ‘eyyee’ kan jedhu ta’uu danda’a. 'Hakiima, doktora, paayiletii, kana sana,... ta’uun barbaada kan jedhu afaan ol adeemaarraa hin dhibu.

Akkuma ijoollee kamuu Shittaayeen yeroo ijoollee turte gaafa guddattu kan ta’uu hawwitu qabdi ture. Innis hakiima (narsii) ta’uudha.

Keessumaa sadarkaa lamaffaa yeroo barattu barnoota Baayoloojii waan jaallattuuf filannoon ishee hakiima ta’uu ture. 'Garuu waan hawwite argatte osoo hin taane, bakka ishee hawwatetu ishee argate.'

Shittaayeen qonnaarratti barachuufi qorachuun biyyarra dabartee ardii waliin geesseetti; ittis milkoofteetti. Qorannoo qonnaa hirmaannaan dubartootaa keessatti haphatan keessatti hanga sadarkaa digirii sadaffaa (PHD)tti baratteetti, ittiin hojjechaa jirti, badhaasaafi beekamtii idil-addunyaas argatteetti.

Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa, Wiirtuu Bishoofuutti qindeessituu qorannoo Qamadii Duuram kan taate Dr. Shittaayeen, Itoophiyaan sanyii qamadii kanaan durirraa kaastee beekamtus omishnisaa garuu fedhii jiru hin guutu jetti.

Qamadiin Duuram gosa paastaafi makarooniitiif oolu waan ta'eef fedhiin jiru baayyee bal'aadha. Kanaaf dameen amma Dr. Shittaayeen qindeessaa jirtu kun sanyiin kun qorannootiin fooyyaa'ee fedhii jiru akka guutuuf hojjechaa jira.

Addunyaarratti biyyoota Mediteraaniyaaniitti dhiyaatan keessatti qamadiin Duramiifi aadaan nyaata paastaafi makoroonii sanyii qamadii kanarraa hojjetamuus baayyee baramaadha jedhu Dr. Shittaayeen.

Fakkeenyaaf, biyyoota Aftikaa akka Morookoo, Tuniiziyaa, Aljeeriyaa, Xaaliyaan keessatti nyaata aadaasaanii dabalatee kan qopheessan qamadii paastaafi makarooniif oolu kanarraati.

Qamandiin Duram sanyii duraan jiru qorannoon fooyyaa’ee akka callaa gaarii kennu taasifamuu kan dubbatan qorattuun kun, ammas callaan sanyii qamadii kanaa caalaa barakataa ta’ee fedhii bal’aa jiru akka guutuuf hojjetamaa jira jedhu.

Qorattuun kun imala barnootaafi qorannoo qonnaa keessatti milkoofte ilaalchisee BBC waliin turtii taasifteetti.

'Barattoota 189 keessaa dubartiin ana qofa ture'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr. Shittaayee Hoomaa Magarsaa jedhamti. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa Wiirtuu Bishooftuutti Qindeessituu Qorannoo Qamadii Duuramidha.

Dr. Shittaayeen qorannoo qamadii Duram kana qindeessuu kan jalqabde, erga Caamsaa bara 2021 qorannoo digirii sadaffaa (PhD) ishee biyya Ameerikaa Yunivarsiitii Korneelitti hojjettee deebitee ta'uu dubbatti.

Osoo gara qorannoo qamadii Duram qindeessuutti hin dhufiin dura Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaama kana keessatti bara 2013 irraa kaastee qorattuu ta’uun tajaajilaa turuu dubbatti.

Dr. Shitaayeen barnoota sadarkaa lamaffaa magaalaa Sabbataatti akka baratte himti. Barnoota Saayinsii Uumamaan wayita sanatti barattuu dorgomtuu akka turte kan yaadattu qorattuun kun, haakiima ta’uudhaaf hawwii waan qabduuff gosa barnootaa akka Baayoloojii hedduu akka dubbisaa turteefi qabxii gaariis barnoota kanaan akka qabdu BBCtti dubbatteetti.

Haata’u malee, barnoota olaanaa yeroo seentutti filannooshee jalqabaa kan ta’e Narsing (Hakiima) osoo hin taane kan ishee qaqqabe filannooshee 13 kan ta’e Qonnaa ture.

“Baayyeen aare, sababiin isaa ammoo kanan barbaade kan biraa, kan na qaqqabe kan biraadha,” jechuun waan hawwite dhabuu dubbatti.

Yeroo sanatti barnoota Qonnaa dippiloomaa ishee qaqqabe dhiistee irra deebiin qayyabattee qormaata biyyaalessaa kutaa 12 dhuunfaan qoramtee foyyeeffachuun barnoota fedhiishee ta'e barachuuf murteessuu himti.

Haata'u malee, 'maal naaf wayya' jechaa yaada osoo hiraa jirtuu barsiisonnishee ‘Qonnaadhuma ittuma fufii baradhu takkaa keessa seentee barannaan waan sitti tolu ni argattaa’ jedhanii akka ishee gorsaniifi jajjabeessan yaadatti.

Barnoota Qonna Waliigalaatiin Yunivarsiitii Jimmaatti ture kan ramadamte. Barattoota 189 bara sana eebbifaman keessaa dubartiin ishee qofa akka ture kan himtu Dr. Shittaayeen, qabxii baayyee olaanaatiin (Great Distiniction)tiin eebbifamte.

Yeroo sana Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa barattoota qabxii olaanaatiin eebbifaman waan qacaruuf, Dr, Shittaayen qabxii olaanaatiin akkuma eebbifamteen Damee Bishooftuutti gargaartuu tekinikaa qorannoo ta’uun ramadamte.

Hawwii barnoota itti fufuun guddachuu qabdullee eebbifamtee akkuma ji’a ja’aaf hojjettee booda haatishee du’aan boqochuun, akkasumas wagga lamaa booda ammoo abbaanshees boqochuun akka abdii ishee kutachiise yaadatti.

'Dubartii jabduu duuba abbaa-warraa jabaatu jira'

Shitaayeen barachuu kan barbaadde 'Narsing' dhabdus gorsa barsiisotashee dhageessee barnoota qonnaatiin milkaa'uu akka dandeessu hubattee itti fuftee barachuufi qorachuuf murteessite.

Haata'u malee, haatisheefi abbaanshee boqochuun hamileeshee kuffiisee akka ture yaadatti.

Yeroo sanatti hiriyyaashee, boodarra ammmoo abbaa warraashee kan turan Dr. Hayile-Maariyaam Takile-Wald akka isheen dandeettii qabdu waan beekaniif barnootashee akka itti fuftu hedduu jajjabeessuu kaasti.

Kanumaan Yunivarsiitii Haromaayaa galuun barnoota Saayinsii Biqiltuun(Plant Science)tiin digirii jalqabaa argatte. Wayita sanas akkuma Yunivarsiitii Jimmaa, Yunivarsiitii Haroomayaatiis qabxii guddaatiin (Ma’aaraga Olaanaatiin) eebbifamte.

Erga digirii jalqabaa xumurtees garuma Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa Damee Bishootuutti deebiyuun gita qorattuu jalqabaan qacaramte.

Abbaan warraa Dr. Shittaayee, Dr. Hayile-Maariyaam dandeettii isheen barnootarratti qabdu waan hubataniif yeroo hunda waan jajjabeessaniif barnoota Maasters Digiriillee akka itti fuftu hamilee kennaaf turuu dubbatti.

Ammas akkuma wagga lamaaf hojjetteen Awurooppaa biyya Neezerlaandis keessatti carraa barnootaa argachuun garasitti imaltee Saayinsii Biqiltuun (Plant Sceience) irratti Maastersii (MSC) hojjetteetti.

Barnoota MSC boodas gara Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa Damee Bishootuutti deebitee ji’a ja’aaf erga hojjetteen booda abbaan warraashee digirii sadaffaa (PhD) barachuuf gara Awurooppaa waan deemaniif, yeroon suna daa’ima jalqabaa yeroo itti dessus waan tureef isa waliin deemuu dubbatti.

Erga abbaan warraashee PHD isaa xumureen booda maatiimaan biyya tajaajilla jedhanii akka biyyatti deebiyan kan himtu Dr. Shittaayeen, akka biyyatti deebiyaniin ammoo isheen ammas carraa barnootaa digirii sadaffaa (PHD) Ameerikaa, Yunivarsiitii Korneelitti argattee deemte.

Milkaa’ina barnootaafi qorannoo irra geesse kana duuba abbaan warraashee akka jiru kan dubbattu Dr. Shittaayeen, “abbaan warraakoo nama addaa barnootakootti na gargaaru [yeroo ani baradhu daa’ima guddisaa] na jajjabeessaa ture” jechuun miira gaddaatiin ibsiti.

Dr. Shittaayeen abbaa warraashee, Dr. Hayile-Maariyaam Takile-Wald, nama barnoota barateen biyyaaf oolmaa guddaa oole ji’a kudhan dura du’aan dhabuu BBCtti himteetti.

Dr. Hayile-Maariyaam Takile-Wald Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itoophiyaatti hogganaa damee Invaayiroonment foor Develooppimant turan.

Dhugaadha, dubartoonni namni hamilee isaanii jajjabeessu ni barbaachisa. Ani amma abbaa warraakoo baayyeen jaalladhu har’a of biraa [du’aan] dhabetu milkaa’ina kanaan na gahe.

"Akkuma ‘nama jabaa tokko duuba dubartiin jabaan tokko jirti’ jedhamu sana ‘dubartii jabduu tokko duubas dhiira jabaa tokkotu jira’. kanaaf, ani ragaadha," jechuun milkaa'inasheetiif abbaan warraashee gahee guddaa akka qabu dubbatti.

Abbaan warrashee Dr. Hayile-Maariyaam Takile-Wald, du'a yeroo maleetu isa durse malee hayyuu biyyaaf oolmaa guddaa oolu ture kan jettu Dr. Shittaayeen, yeroo boqotettillee pirojektii biyyaa of harkaa akka qabu kaasti.

Shittaayee Hoomaa Magarsaa (PHD)

Madda suuraa, https://loop.frontiersin.org/

Dubartootaafi qorannoo...

Dr. Shittaayeen sanyii qamadii foyyeessuun, akkasumas dhukkuba qamadii balleessu [waagii qamadii] irratti qorannoo bu'a qabeessa ta'e gaggeessiteen beekamtii idil-addunyaa aragatteetti.

Dhaabbanni Borlaug Global Rust Initiative (BGRI) jedhamu Dr. Shittaayee Hoomaa Magarsaa sanyii qamadii waagii dandamatu haaraa qorannoon argachuusheetiif beekamtii kenneeraaf.

Dr. Shittaayeen qorannoo hojjette kana ammoo saayinitistootaafi dhaabbileen barnootaa idil-addunyaa akka biyya Keeniyaa, Meksiikoo, Yunivarsiitii Oof Mineessotaafi kaan waliin ta’uudhaan akka ta'e ibsiti.

Hojii qorannoo kana reefuu waannan jalqabeef, ammallee hedduu akkan hojjedhu beekamtiin kun addatti akka ishee jajjabeessu dubbatti.

“Dubartoonni Itoophiyaa itti-gaafatamummaa mana keessaarra darbanii biyyaaf waan hedduu gumaachuu akka danda’an hubatanii hojii hojjetan keessatti waan guddaan akka irraa eegamu beekanii of kennanii dhimmanii hojjechuu qabu.

Dubartoonni nama isaan hubatuufi jajjabeessu argatanii jennaan, hojii qorannoo akka kan Dr. Shitaayee wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee qabu dabalatee hojii biyyaaf dhimma baasuun milkaa’uu danda’u.

“Kanaaf, dubartoonni hojii jaallachuu, yeroo isaanii sirnaan itti fayyadamuu akka qabanan gorsa.”

Aadaa keenya keessatti dubartoonni hojii mana keessaattt, akkasumas ijoollee dahuufi kunuunsuu qofaan of daangessuuti baayyata kan jettu Dr. Shittaayeen, “dubartoonni tumsa argannaan milkaa’ina maatiitii hanga biyyaatti bakka yaadan gahuu ni danda’u,” jetti.

Aadaa duraan ture hojii mana keessaa dubartootaaf qofa dhiisnaan, dubartoonni manaa hanga alaatti waan hundaa milkooftee biyya guddisuu ni dandeessi jetti qorattuun kun.

Dubartoonni cimina qaban beeknaan, keessumaa dirree hojii, barnootas ta'e qorannoo dhiirotaan dhuunfatamanii [yeroo fageenyarraa ilaalaman dubartootaaf dukkana fakkaatan] keessayyu galanii ibsuu ni danda'u jetti Dr. Shittaayee Hoomaa.

Dr. Shittaayee Hoomaa ayiruu qamadii keessatti

Madda suuraa, Borlaug Global Rust Initiative Facebook