Somaaliyaan dhimma waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliilaand irratti Gamtaa Afrikaafi UN'tti iyyatte

Madda suuraa, HASSAN SHEIKH MOHAMUD
Mootummaan Somaaliyaa, Gamtaan Afrikaa fi UN dhimma waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliilaand ulaa galaanaa ilaalchisuun raawwatan irratti ejjennoo ifa tahe qabachuun dhimmicha nu ilaaluu qabu jedhe.
Ibsa Guraandhala 11 bara 2024 baaseen ‘’akkaataa heera keenyaa fi seerota biyyaalessaa Somaaliyaatti bulchiinsi naannoo kamiyyuu Somaaliilaand dabaltee biyya biraa waliin waliigaltee mallatteessuu hin danda’u,’’ jette.
Kanaaf, waliigaltee wal hubannoo [MOU] Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf bulchiinsa Somaaliilaand waliin mallatteesite ‘’fudhatama hin qabu’’ jette.
‘’Somaaliyaan waliigalteen seeraan ala tahe kun akka hojiitti hin hiikamneef tarkaanfii kamiyyuu ni fudhatti.’’
Gochaan Itoophiyaa kun Gaanfa Afrikaa sababa walitti bu’insaan nagaan irraa fagaateeruuf yaaddoo nageenyaa biraa fideera jette Somaaliyaan.
Gama biraan Somaaliilaand ibsa mootummaa Somaaliyaa kana balaaleffatte.
Waliigalteen faayidaa waloo akka nageenyaa, daldalaafi bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuun raawwate murtee walabaa biyyoonni lamaan fudhatanidha. Kanaaf, qaama sadaffaadhaan raggaasifamuu waan barbaadu miti,’’ jette.
Waliigalteen Itoophiyaa waliin taasifne wal kabajuufi fedha biyyoonni lameen nageenya naannichaaf qaban irraa kan dhufedha jette ibsa baasteen.
Somaaliyaan waliigaltichi seera-qabeessa miti jechuun seera idil-adunyaa kan cabseefi hiree ofii ofiin murteeffannaa uummata Somaaliilaand kan mormudha’’ jette.
‘’Rippaabilikni Somaaliilaand biyya of dandeesse, biyya ofiin of bulchitu, heera mataashee uummatasheen bara 2001 raggaasifame kan qabdudha.
Heera kana jalatti, filannoo dimokiratawaa hedduu gaggeessuun uummanni mirga heeraa qabutti fayyadamuun sadarkaa mootummaa hundattiyyuu nama isa bakka bu’u filateera,’’ jedha ibsi kun.
Somaaliilaand waggoota 30 darbaniif ofiin of bulchaa turtus Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoota kaan irraa beekkamtii biyyummaa hin arganne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkaataa waliigaltee Itoophiyaa waliin taasifteetti ammoo Itoophiyaan bakka hulaa galaanaa argattu Somaaliilaandiif beekkamtii biyyaa kenniti jedhame.
Somaaliyaan Gamtaan Afrikaa walabummaa, tokkummaa daangaa miseensota isaa kabachiisuu irratti bu’uureffate. Haa tahu malee, gochaan Itoophiyaa kun jiraachuu qajeeltoo Gamtaan Afrikaa irratti bu’uureffameef yaaddoo taheera jette.
Waliigalteen dhiyeenya raawwate kun fooyya’insa biyya keenyatti fiduun hawwaasa idil-adunyaarraa beekamtii arganne xiqqeessuufidha.
Bara 2023 keessa liqaa biyyattii irra jiru xiqqeessuu, dhorkaa bittaa meeshaa waraanaa waggoota 30’f UN Somaaliyaa irratti dabarse ka’uu fi garee Biyyoota Baha Afrikaatti makamuu hojiiwwan gurguddoo hojjetamanidha jedhe ibsi kun.
Dabalataan waggoota lamaan darban Somaaliyaan ‘’shororkeesitoota’’ Al-Shabaab irratti oppireeshinii gaggeessuun bakkeewan bal’aa bilisa baasteetti jedhe.
Haa tahu malee, Al-Shabaab carraa guddaa waliigalteen Itoophiyaa fi Somaaliilaandi kanatti fayyadamuun iddoowan dhabee ture deebifachuuf socho’aa jira jedhe.
Akkuma Somaaliyaan walabummaa fi tokkummaa miseensota Gamtaa Afrikaa fi Mootummoota Gamtoomanii irratti ejjennoo ifa tahe qabdu, Gamtaan Afrikaa fi UN, waliigaltee Itoophiyaan Somaaliilaandi waliin taasifte irrattis ejjennoo ifa tahe qabachuu qabu jechuun gaafatte.
Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa yaa’ii isaa 44ffaa Roobii Boruu fi Kmaisa magaalaa Finfinneetti gaggeessa. Sanbata dhufu ammoo yaa’ii gaggeessitoota Gmataa Afrikaa 37ffaan itti fufuun Finfinnetti kan taa’amu taha.
Somaaliyaan dhimmi ishee gamtichaan akak ilaalamuuf dursitee gaafatte. Erga Itoophiyaan Somaaliilaandi waliin waliigaltee mallattesitee as Somaaliyaan michummaa biyyoota akka Masirii, Eertiraa fi kaan waliin qabdu cimsiteetti.
Isaanis Somaaliyaa waliin akka dhaabatan Ibsan. MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed Somaaliyaa waliin tahe biyya kamiyyuu waliin dhimma hulaa galaanaaf waraanatti akka hin seenne himaniiru.












