Lammiileen Itoophiyaa Somaalilaand jiran miidhaan irra gahaa jiraachuu himatu

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiya Somaalilaand jiraatan waliigalteen biyyoota lameen gidduutti mallatteefamuu hordofee miidhaan irra gahaa jiraachuu bakka bu'aan baqattootaa dubbata.
Ibsaa Alishoo Habiib bakka bu'aa baqattootaa Gaanfa Afrikaa, Bahaafi Gidduugala Afrikaati, ''gaafa oduun waliigaltee kuni dhagahame uummanni haalaan bahee simannaa gochaa ture,'' jedha.
Tahus guyyaa sadii booda uummati, jalqaba waliigalticha faarsaa ture mormuu jalqabe jedhe.
Itoophiyaan hulaa galaanaa fayyadamuuf Somaaliilaand waliin jalqaba torbee darbee walligaltee mallatteessiteetti.
Waliigaltee kana Somaaliyaan gochaa weeraraa akka tahe himuun muffii ibsiteetti.
Bakka bu'aa baqattootaa, ''hiriira nagaa guyyoota sadiin booda magaalaa Buroottii jedhamtutti bahanii ganama deeggaraa ture guyyaa walakkaa booda, gareen waliigaltee kanaan hin gammadne itti gallaan balaalleefachuutti ka'an,'' jedha Ibsaan.
Hiriira kanaan booda bakka Oromoon baayyee qubatu xiyyeeffatanii, ''namoota keenya miidhaa qaamaa, qabeenya isaanii saamuu, ibiddaan mana isaanii gubuudhaaf yaalii godhan,'' jechuun ibsa bakka bu'uun baqattootaa kuni.
Dhimma kanas mootummaatti iyyachuun naannoon Oromoonni jiraatan poolisiidhaan eegamaa ture jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyoota itti aananutti ammoo magaalaa Boramaa keessatti namoota kumaatamaan lakkaa'amantu hiriira bahee mormii dhageessisaa ture jedhe.
''Mormii kanaan manneen Oromoo irratti xiyyeeffachuun diiganii, qabeenyas guuraa turan. Kana malees, maguddoo ganna 70 fi daa'imman waggaa shanii fa'irratti miidhaa qaamaa irra gahaa turanii,'' jedha.
Lakkoofsa namoota miidhamanii of harkaa qabaachuu baannus waan tahaa jiru garuu ''kan nama yaaddessuudha,'' jedhe Ibsaan.
''As magaalaa nuti keessa jiraannu Hargeessaa keessa daa'ima waggaa 12 miidhaan qaamaa cimaa irra gahee gara mana yaalaa deemaa jira,'' jedhan.
Haalli amma jiru hawaasa Itoophiyaa Somaalilaand jiruuf akkaan yaaddeessaa tahuu hima.
''Hawaasi as jiru akka simbiraati ganama, bahee kuulii barbaaddatee galgala gala,'' jechuun haala jireenyaa isaanii ibsa.
Gama biraan namoonni magaalaafi mana namaarra halkan deemanii waraqaa afaan Somaaleen barreeffame facaasaa oolu jedhe Ibsaan.
''Bakka argitanitti nama Itoophiyaa tarkaanfii irratti fudhadhaa,'' jedha waraqaan isaan facaasan kun.
Namni Itoophiyaa miidhamee biyya keenya keessaa akka bahu godhuu qabna jechuun garee waraqaa facaasutu jira jedha.
Gareen kana raawwatu eenyu akka tahe beekuu baatanillee gochaan kuni raawwachaa turuu hordofaa akka jiran hima.
Haala amma argaa jirru kanaan dura arginee hin beeknu jedha.
Haleellaan kuni addatti dhalattoota Oromoo irratti akka xiyyeefatu kan himu Ibsaan, ''ji'a tokko dura Abbootiin Gadaa marii waliigalteedhaaf as dhufanii turan, isaan erga deemanii booda oduun waliigaltee dhagahamee, biyya Oromootu bulchaa jira waan jedhanii amananiif,'' jechuun dubbata.
Namni kuma kudha shan tahu UN jalatti kooluugaltummaan galmaa'ee jiru waraqaa eeyyamaa akka hin arganne kan dubbatu Ibsaan, walumaagala garuu hawaasni Itoophiyaa achi jiru kuma afurtama taha jedhe.
''Irra hedduun nama biyya kana keessa jiru eeyyama ykn xalayaa baqattummaa hin qaban,'' jedha.
Eegumsi akka isaaniif godhamu UNHCR'dhaaf xalayaa barreessanillee,''dhibbaa dhibbatti ittigaafatamummaa kan qabu mootummaa biyyaati, isaan waliin dubbannee akka mootummaan tasgabbeeessu goona, '' jechuu dubbata jedha.
''UNHCR fi mootummaan Somaalilaand, ''erga Abiy Ahimad aangootti dhufee baqataa galmeessaa hin jiran.
Ji'aan namni Itoophiyaa 500 tahu dabarfamee mootummaaf kennama jechuunis BBCtti himeera.
Mallattaa’uu sanada walhubannoo ulaa galaanaa Itoophiyaafii Somaalilaand hordofee yaaddoo nageenyaaf saaxilamuu lammiileen Itoophiyaa, Somaaliyaa keessa jiraatanis jalqaba torban kanaa BBC’tti himanii ture.
Lammiin Itoophiyaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatanfii godina Baalerraa imaluun Somaaliyaa keessa waggoota dheeraaf jiraachuu himan, ammatti rakkoon hoomtuu mudachuu baatullee yaaddoo nageenyaa akka qaban himaniiru.
Gama biraatiin lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman Somaaliyaa keessa jiraachuu kan himan namoonni BBC’n haasofsiise, kunneen qabeenya horatan akkasumas baqattoonni baay’inaan jiraachuu dubbataniiru.
Itoophiyaafi Somalilaand waliigaltee walhubannoo itti fayyadama ulaa galaanaa walii malleetteessuu hordofee haalli siyaasaa Itoophiyaafi Somaaliyaa isa yaaddessuu kan hime Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn), yeroo wantonni miira namaa tuqan jiraatan akkasii baqattootaafi lammiilee siiviilii gama lachuutiin jiraniif kabajni akka taasifamuuf, akkasumas tasgabbiifi wal hubannaan akka jiraatu ibsa Amajjii 7, 2024 baaseen gaafateera.
Ummanni Oromoo jaarraa hedduuf ummata Somaaliyaa waliin ollaa ta’ee aadaa, duudhaa, amantii, daangaa, lafaafi qabeenya qabullee waliif qooduun waliin jiraachaa ture kan jedhu ibsi ABO kun, yeroo murteessaa waldhibdeen siyaasaa cimee jiru kanatti Oromoofi baqattoota biroo Somaaliyaa keessa jiraataniif eegumsi akka taasifamuuf gaafateera.












