Doktarri Filisxeem mana hidhaa Israa'elitti lubbuunsaa dabarte

Ji'oota afuriif mana hidhaa Israa'el kan ture doktarri warra Filisxeem achuma mana hidhaatti lubbuunsaa darbuu Waldaan Sirreeffamtoota Filisxeem ibse.

Doktarri umriinsaa waggaa 50 ta'e Adnaan Al-Bursh bakka Israa'el yeroo dheeraaf haleelaa turte Hospitaala Al-Shifaatti hoogganaa damee wal'aansa lafee ture.

Manni amala sirreessaa Israa'el Doktar Al-Bursh ji'ootaaf erga hidhamee booda mana hidhaa Oofar jedhamutti du'uusaa mirkaneesseera.

Sababii du'a doktara kanaa ilaalchisee ibsa bal'aa kennuurraa kan of qusate bulchiinsi mana hidhaa kun, garuu qoratamaa jiraachuu ibseera.

Gareen hidhamtoota Filisxeemiif falman Kamisa darbe ibsa waliin kennan keessatti, wanti Dr Al-Bursh irratti raawwate ''ajjeechaa'' akka ta'ee fi reenfi isaas mana hidhaa Israa'elitti akka argamu eeraniiru.

Hospitaala loltoonni Israa'el irra deddeebiin haleelan Al-Shifaatti hoogganaa damee wal'aansa lafee ta'us, hospitaala kaaba Gaazaatti argamu deemuun yeroof osoo tajaajilaa jiruu ture kan loltoonni Israa'el to'atan.

Ajjeechaa Dr Al-Bursh hordofee waahillan isaa gadda isaanii ibsaniiru. ''Gara laafessaa'' fi ''goota'' jechuunis faarsaniiru.

Daarektarri Hopitaala Al-Shifaa Dr Marwaan Abuu Sa'aadaa oduun ajjeechaa Dr Al-Bursh ''dhagahuuf kan namatti ulfaatuudha,'' jedhan.

Waahilli doktara ajjeefame kanaa kan biraan Doktar Suhaayir Maataar gamasaan hospitaalota Gaazaa keessa jiran hunda keessatti nama ''nageenya dhala namaa mirkaneessuu keessatti isa ijoo fi murteessaa ta'e,'' dhabne jedhan.

''Jireenyi kee keessatti nama isa fakkaatu argachuun ni cima. Sababni isaa dantaasaa caalaa uummata tajaajiluuf dursa kenna ture. Jiruusaa guutuu kutannoon hojjetaa ture,'' jechuun BBC Afaan Arabaatti himan Dr Suhaayir.

Iddoo Israa'el humnaan qaatte-West Baankitti qondaala mirga namoomaa UN kan ta'e Firaancheskaa Albaaneez du'a Doktar Al-Burshaatiin akka malee rifachuu ibsuun, hawaasi dippiloomaasii lammiilee Filisxeemiif eegumsa barbaachisuu gochuu akka qabu dhaame.

Erga waraanni Gaazaa Fulbaana darbe eegalee Doktar AL-Burshaa dabalatee lakkoofsi ogeeyyii fayyaa Israa'eliin ajjeefamanii 496 ga'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibseera.

Ogeeyyiin fayyaa 1,500 madaa'uu fi 309 ammoo mana hidhaa jiraachuu ministeerri Hamaas jalatti bulu kun ibseera.