Tanzaaniyaatti narsoonni 'hojii falfalaaf' qaama daa'imaa qalanii onnee keessaa baafatan

Suura narsiii

Madda suuraa, Getty Images

Tanzaaniyaatti narsoonni 'hojii falfalaaf' daa'ima keessaa qaama baafatan himanni irratti dhiyaachufi.

Taaten kun kan raawwate Lixa Tanzaaniyaa naannoo Tibooraa jedhamutti yoo ta'u, ijoollee lakkuu keessaa qaama isaanii baafatan jedhaman.

Angawaan naannoo Tibooraa akka jedhanitti narsoota kanarratti qorannoon akka gageeffamuuf koreen hundaa'ee ture.

Ijoollen qaamni isaanii narsootan jalaa fudhatame kun lakkuu yeroon osoo hin gahin dhalataniidha.

Koreen qorannoo hundaa'es qaamni ijoollee kun mummuramee akka du'an bira gahe.

Narsoonni kun ijoollee lakkuu kana qalanii qaama barbaadan erga keessaa baasanii gatan jedhame.

Narsoonni afur lixa Tanzaaniyaa naannoo Tibooraa gochaa kanarratti hirmaatan jedhaman amma himatamuuf jiru.

Haati ijoollee kanaa akka jettetti ijoollee ishee ijji isaanii keessaa baafamee gogaan adda isaanis irraa baafamee argite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komishinara naannoo Tibooraa kan ta'an Batiildaa Buriyaanii akka jedhanitti narsoonni kun arfan amma hojii isanii irraa gaggeeffamaniiru.

Angawaan kun akka jedhanitti sababni ijoollee kana qalanii qaama isaanii keessaa baasaniif hojii 'xibaara' ykn 'xonqolaa' wajjin kan wal-qabatuudha.

Narsoonni kun reeffi ijoollee kanaa kutaa haadholii keessa kaa'ame jedhanii koree qorannoo gaggeessetti himanis reeffi ijoollee kanaa kutaa narsootaa keessatti argame jechuun ibsan Batiildaan.

Gama biraan qorannoon gaggeeffame akka agarsiisetti ijoollen kun sababa kunuunsi gahaan ijoolleen erga dhalatanii booda taasifamuuf bu'uura fayyaa sana keessa hin jirreef du'an.

Afrikaa keessatti yeroo heddu qaama namaa baafatanii gurguruun baramaadha. Keessumaa biyyoota akka Mozaambikii keessatti qaamni namaa hojii 'falfalaaf' jecha ni barbaadama.

Dhiheenyuma kana Mozaambikiitti namichi tokko qaama saalaafi mataa namaa muree gurguruuf osoo deemuu to'atamee ture.