Mozaambiikitti daa'imni 'albiinoo' qaamasaaf jecha ajjeefame

Madda suuraa, Getty Images
Kaaba Mozaambiikitti daa'imni dhibee gogaa addeessu 'albiinoo' qabu, kutaa qaamasaaf jecha ajjeefamuun, haala suukanneessaan qaamni mummurame.
Taatee naannoo Mogolovas jedhamtu keessatti mudate kanaan, poolisiin naannichaa shakkamaa to'annoo jala oolcheera - namni kunis ajjeechaa kana raawwachuu amanuun isaas himameera.
Shakkamaan ganna 22 to'annoo jala oole kun eessuma gurbaa ajjeefamee tahuu isaa dubbi himaan poolisii Naampulaa, Zakaariyaas Naakutee himaniiru.
Shakkamaan kun miidiyaatti, kutaa qaamaa mucaa kanaaf maallaqa biyyattii metikaal miiliyoona 7 yookaan Birrii Itoophiyaa miiliyoona jahatti siqu waadaa seenameefi akka ture hime.
Isaafi namoonni ammatti eenyuumaansaanii hin baramne kaan guyyaa Jimaataa qaama daa'ima kanaa akka kukkutanis ibsameera.
Kutaaleen qaamaa daa'ima kanaa magaalaa Maputo'tti dhoksamanii kan argaman oggaa tahu, poolisiin biyyattiis shakkamtoota yakka kana keessaa qooda qaban biroo barbaadaa jira.
Biyyattiitti bulchiinsota Naampulaa fi Niyaasaa jedhamanitti, uggurrifi ajjeechaan namoota albiinoo tahanii hawaasa keessatti sodaa uumeera.
Dhibeen albiinoo dhukkuba yeroo gar-tokkeen yookaan ammoo guutummaan DNA keessaa seeliin bifa namaa gurraachessu yookaan halluu kennu dhibamu nama qabatudha. Qaama namaa keessatti seeliin bifa namaaf kennu Melanin jedhamu akka hin oomishamne yeroo tahu dhukkuba nama qabatu yoo tahu gogaa, rifeensaa fi iji namaa bifa adii yookaan daallachaa qofa akka qabaatu taasisa.












