Albiinoo: 'Waaqni akka na gurraachessun kadhadha ture'

Madda suuraa, Perpetua Senkoro
Lammiin Tanzaaniyaa Perpetuwaa Sankooroo wayita shamarrummaa ishee guyyuu Waaqa kadhachaa akka turte himti.
"Raajiin akka uumamun kadhadha ture: 'Waaqayyo na gargaari, boru yoon hirribaa ka'u gurraacha ta'ee akkan ka'u' jedheen kadhadha ture" jetti.
Perpetuwaan maatiin ishee gurraachota. Isheen rakkoo gogaa qaamaa albiiniizim jedhamu waliin dhalatte.
Yeroo dheeraaf bifti gogaa ishee maaliif kan maatii isheerraa adda ta'e gaaffii itti ta'a ture.
Tanzaaniyaa keessatti dhalattee kan guddatte dubartiin kun rakkoo hamtuu arguu dubbatti.
Mana barumsaatti gabatee gurraacha arguun hedduu rakkachaa akka turte himti. Sababni isaas namoonni albiinoo ta'an yeroo hedduu rakkoo fayyaa ijaa qabaatu.
Gogaan qaamaa ishee aduuf daran saaxilamaa waan tureefis qaama isheerratti wantoonni itti bahan turan.

"Nan yaadadha hiriyoota haaraa yoon horadhu dursee, qaama koorratti wanti natti bahe (spots) jira, na waliin hiriyoomuun isinitti mijataa?" jedheen gaafadha ture jetti.
"Zeru-zeru" jedhamtee waamamuus itti baruu dubbatti. Kun afaan Siwaahiiliin waan adii akka jechuuti.
Daa'immanis ta'e namoonni ari'uu dabalatee waan adda addaa akka jedhaniin himti.
Biyya isheetti namoonni gogaa akka ishee qaban kutaaleen qaamaa isaanii humna addaa (magic) qabu jedhamee waan yaadamuuf sodaan jiraachuu himti.
"Lubbuu keenyaaf ni sodaanna ture. Ammas sodaachaadhuma jiraanna."
Ammatti Perpetuwaan heerumtee haadha ijoollee lamaati. Hojii isheettis milkooftuudha. Amma akka duraanii na gurraachessi jettee Waaqa hin kadhattu.
"Bakkan gahetti gammachuun qaba. Eenyummaa koottis ofitti amanamummaa nan qaba. Bifa kootiin hin dhiphadhu."
"Namni yoo waan fedhe jedhee yoo na waame, homaa natti hin fakkaatu. Hanga naaf danda'ame haalan keessa jiru amanee fudhachuu sadarkaan danda'urran jira."














