Mozaambiikitti namichi mataafi qaama saalaa namaa mure gurguruuf ture qabame

Mozaambiik bulchiinsa Sofaalaa jedhamu keessatti namichi mataafi qaama saalaa namaa murame qabatee argame poolisiidhaan to'atame.
Daa'imman naannootu kutaalee qaamaa feestaalii keessatti argee qondaalota naannoo Naahimtaandaatti kan hime jedhan dubbii himaan bulchiinsa Sofaalaa Deesiyoo Chaakaatee.
Eeruu argameen booda sakatta'insa taasifameen namni kuni to'annoo jala ooluun booda nama ajjeessee mataa fi qaama saalaa irraa muree gurguruuf akka ture amane.
Shakkamaan kun namoota biroo sadii ajjeesuufi qaama irraa muruu amaneera jedhan dubbii himaan kun.
Kanneen gochaa akkasiin duuba jiraniifi warreen bitan qabachuuf sakatta'insaafi qorannoon itti fufee jira.
Moozaambiikiitti kutaan qaama namaa 'hakiimota aadaa' kanneen jedhamanitti gurguramuu kuni, bulbula dhangala'aa dhukkubarraa nama fayyisuufi jireenya namaa fooyyeessu tolchuuf akka gargaaru oduu sobaa facaasu.
Bara darbes qondaalotni Mozaambiik namoota lama kan qaama saalaa dhiiraa murame doolaara 42,000’n gurguruuf yaalan to’annoo jala oolchaniiru.
Qaamni saalaa kuni kan nama bulchiinsa Zaambeeziyaa, naannoo Milaangee jedhamutti ajjeefameetii jedhameera.
Daldaltoonni seeraan alaa shakkaman kunneen kan ganna 29 fi 32 yoo tahan, daldalaa naannoo tokko, qunnamuun qaama saalaa kana akka irraa bitu koratan jedhame.
Waggootaan duras dhimmi wal-fakkaataa akkasii biyya ollaa Maalaawiitti mudatee ture.
Bara 2013tti namoonni afur qaama saalaa dhiiraa murame Paawundii 16,000n gurguruuf wayita yaalan qabamuu abbootiin alangaa giyyattii himanii turan.
Akkasuma baruma sana daldalaan umriinsaa 30 tahe magaalaa Zoombaa jedhamtutti qaamni saalaa akka irraa kutamee ture gabaafameera.















