Namticha hirriba keessa qaama-saalaa ofirraa mure rakkoon mudate

Madda suuraa, Getty Images
Qonnaan bulaan lammiin Gaanaa hirriba keessa akka tasaa naannoo cidhaan isaa ofirraa kutuun, of miidhee muddama hamtuu keessa jira.
Maqaan isaa Koofii Attaa jedhama. Aab Attaan erga jalqaba ji’a kanaatti qaama saalaa isaa hirriba keessa ofirraa muree as mana yaalaa, hospitaala jira.
Namtichi ganna 47 Attaan BBC Pijinitti akka himetti, ammatti maallaqaa hakimoonni baqaqsanii yaaluuf gaafatan walitti qabataan jira jedheera.
Aab Koofii Attaan hospitaalaarraa akkas jedhe dubbate: ’’teessoo koorra taa’een shilim jedhe. Hirriba keessa otoon jiruu abjuu keessa foon fuldura kootti muraa wayitan jirun arge.’’
Attaan hirriba keessa waan arge gochaan qabatamaan raawwate.
Itti dabaluun akkas jedhe Aab Attaan ‘’akkattin haaduu fudhee garuu tasumaa hn yaadadhu.’’
Aab Attaan akka himutti, iyyuu isaa hordofuun ollaan birmateef. Yeroo mana isaa ollaan birmatee seenu mana keessa isuma qofaatu jira, garuu akka malee dhiigaa ture.








