Injinara magaalaa Finfinneetti kophee qulqulleessun of jiraachiftu

Shamarree Mintaamir Ballaxa dargaggoota barnoota sadarkaa olaanaa xummuranii mummee barnootaa barataniin hojii argachuuf hin carroomne keessaa tokko.
Bara 2011 Yunivarsiitii Baahir Daar irraa mummee barnootaa Injinariingii Huccuun /Textile Engineering/ kan eebbifamte shamarreen tun, waggoota lamaaf paarkii indaastirii Hawaasaa keessatti qacaramtee hojjettullee hojiisheetti itti fufuu hin dandeenye.
Yeroo ammaa magaala Finfinnee naannoo Boolee jedhamuun beekamutti kophee qulqulleessuun of jiraachifti.
Naannoo Booleetti daandii konkolaataa cinaa, gaaddisa mukaa jalatti kophee maamiltootashee kan qulqulleessitu shamarree Mintaamir, “gammadee bashannanaan hojjedha. Ganamaan ka’ee dhufeen hojjedha. Kun anaaf waajjira guddaadha,” jechuun himti.
'Maatiinkoo harka qalleeyyii turan'
Naannoo Amaaraa magaala Daangilaa keessatti dhalattee kan guddatee shamarreen tun, barnootashee hanga kutaa 12ffaa idduma dhalootaa isheetti baratte.
“Haatiifi abbaankoo harka qalleeyyii/dadhaboo turan. Ammatti lachuu lubbuun hinjiran. Obbolaa garuu nan qaba,” kan jettu Mintaamir, yeroo ijoollummaashee rakkoon dabarsuu himti.
Bara 2011 Yunivarsiitii Baahir Daar irraa mummee barnootaa Injinariingii Huccuun erga ebbifamtee boodas hojii barbaacha naannoo Amaaraa irraa gara naannoo Sidaamaa magaala Hawaasaatti imalte.
“Ergan ebbifamee booda hojii barbaaduun eegale. Hojii dafanii argachuun ulfaataa waan tureef kallattiin gara magaala Hawaasaan imale. Achittis paarkii indaastirii keessa hojjechuun eegale,” jetti.
''Bahi hin jedhiniin garuu akka bahu godhi…''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paarkii Indaastirii Hawaasaatti warshaa huccuu keessatti to’attuu qulqullinaa taatee qacaramuun ji’atti mindaan qarshii 2,500 kanfalamaafii akka ture himteerti.
Yeroo waggaa lama keessattis paarkii indaastirichaa keessatti warshaalee garaagaraa keessa akka hojjettes dubbatti.
“Mindaansaa quubsaa hin turre. Mindaan birrii 2,500 jireenya sanaan ulfaataa ture. Bifa kanaan waggaa lamaafan hojjedhe,” kan jettu shamarree Mintaamir Ballaxa, mindaan torbeetti guyyoota jahaaf hojjettee argattu ofii isheefis ta’e maatiishee gargaaruuf gahaa akka hinturre himti.
“Waggaa shan yunivarsiitiitti barattee qarshii 2,500 fi 3,000n of jiraachisuun baay’ee ulfaataadha. Ofis hin gargaaru, maatiis hin deeggaru. Jireenya nama hin jijjiirre jiraachaan ture,” jetti.
Haata’u malee lola kaaba biyyattii mudate fi carraa daldala qaraxa irraa bilisaa Ameerikaa (AGOA) keessaa haqamuun Itoophiyaa hojii Mintaamir mindaa gadi aanaan hojjettu yaaddoo keessa galche.
Haalli hojii warshaa keessaas hammaachuufi adeemsi warshaaleen hojjettoota irratti hordofan “Bahi hin jedhiniin garuu akka bahu godhi,” kan jedhu akka ture himti.
“Sana booda sababa waraanaa fi AGOA'n warshaaleen hojjettoota hir’isaa turan. Sanaaf gadhiisee gara Finfinnee dhufe,” jetti Mintaamir.
Carraa hojii Finfinneettis dhabame
Turtii magaala Hawaasaa waggoota lamaa booda gara magaala Finfinneetti kan imalte Mintaamirif damee barnootaa baratteen hojii argachuun rakkisaa ture.
“Hojii fooyya’aa yoon argadhe jedhee ragaalee barnootaakoo qabadhee, muuxxannoo hojii barreessifadheen dhufe. As dhufees akkan eegetti hojii hin arganne,” jechuun himti.
“Beeksisa dubbisuuf Araat Kiiloo fi Maganaanyaa nan deeman ture. Dargaggoonni baay’een hojii dhabanii achi dhaabbatanii oolu. Digirii qaba jechuun nama qaanessa. Digiriin gatii hinqabu; digiriidhaan hojii argachuu hin dandeenye. Osoon argadhees mindaansaa kan nama jiraachisuu miti,” jetti.
Turtiishee magaala Finfinneen ogummaa baratteen hojii argachuu waan hin dandeenyef mana nama dhuunfaatti hojii deddeebi’anii nyaata bilcheessuu dabalatee dhaabbilee garagaraa keessa akka hojjette kan himtu Mintaamir, dhaabbanni miindaa hin kanfalleef akka turellee himti.

“Gammadee bashannanaan hojjedha”
Shamarree Mintaamir guyyaa guyyaan ganama barraaqa sa’aa 11:30 manaa baatee gara iddoo kophee itti qulqulleessitutti imalti.
“Ganama naannoo sa’aa 12:30 iddoo hojiikoo nan gaha. Ganama 12:30 hanga galgala 12:40tti nan hojjedha. Isaanin of jiraachisa” jechuun himti.
Mintaamir yeroo maamiltootnishee hinjirre fi hojii ofharkaa hin qabnetti yerooshee kitaaba dubbisuun dabarsiti.
“Yeroon dubbisu namootni ni gammadu, na ilaalanii dhufu. Kanaaf dubbisaa beekumsa horachaa hojiikoo hojjedha,” jetti.
“Yeroon beeksisa dubbisuutti gube na gaabbisiisa. Haa ta’u malee yeroo sanatti abdii kutee of hin miine” kan jettu Mintaamir, “Filannoo dhabnaan gadi jedhee listiroo hojjechuu akkan qabu sammuunkoo natti hime. Kana hojjechuu kootiin baay’een gammada,” jetti.
“Gammadee bashannanaan hojjedha. Ganamaan ka’ee dhufeen hojjedha. Kun anaaf waajjira guddaadha,” jechuun himti.
Dargaggoonni deeggarsa nama biraa eeggachuurra hojii osoo hin tuffatin hojjechuu akka qaban kan dhaamtu shamarree Mintaamir kana booda gara ogummaa faashinii seenuun hojjechuuf fedhii qabaachuu himti.
“Kana booda gara ogummaa faashiniitti seenun barbaada. Barnootan baradhe waliin hidhata waan qabuuf ogummaa uffata hodhuu leenji’ee maashina xiqqoos taatu bitee hojjechuun barbaada,” jechuun himteerti.












