Mootummaan Federaalaafi TPLF walitti bu'insarraa fagaatanii mariitti akka galan US gaafatte

Damaqaa Makonniifi ergamaa addaa Ameeriikaa ganfa Afriikaa Am

Madda suuraa, MINISTRY OF FOREGIN AFFAIRS

Daawwannaan ergamaa addaa Ameerikaatiin durfamu xumuramuu hordofee Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ibsa baaseen, mootummaan Federaalaa Itoophiyaafi TPLF jechootaa dubbii hammeessaniifi hin ijaarre irraa of qusachuun marii akka eegalaniif Ameerikaan akka jajjabeessitu beeksiiseera.

Jilli ergamaan Addaa Ameerkaa Gaanfa Afriikaa Ambaasaadar Maayiik Hamariin hoogganame daawwannaa Itoophiyaatti taasiseen, qondaaltoota olaannoo Itoophiyaa, hoggantoota Paartilee mormitootaa, bakka bu’oota Gamtaa Afriikaafi hoggantoota TPLF waliin marii taasisuun isa ani beekama.

Imala ergamaa addaatiin, keessattuu haala waraannii Kaaba biyyattiitti gaggeeffamu karaa nagaatiin furamuu irratti marii taasisuu isaanii ibsuun, qaamooleen lamaanuu marii nagaa akka jalqabaniif jajjabeessuu ibsan.

Jilichi ‘‘Mootummaan Itoophiyaafi TPLF hoggansa Gamtaa Afriikaa jalatti marii akka eegalaniif kan jajjabeessee yoo ta’u, qaamooleen lamaanuu dubbii lola kaasaniifi jibbaa irra akka of qusatan’’ gaafateera.

Ambaasaadar Hamar Gamtaa Awurooppaa fi dippilomaatoota lixaa kaan waliin torban darbee gara Maqaleetti imaluun hoggantoota TPLF waliin marii taasisun isaanii ni yaadatama.

Garichis tibba marii Maqaleetti dhimma marii nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti ta’u jiru irratti mari’achusaaniin alatti, tajaajilawwan wagga tokkoon oliif Tigraayitti adda cite deebiisanii eegalchiisuuf akka dandeessisuuf xalayaa wabii nageenya hojjattootaa mirkaneessu TPLF irraa mootummaa federaalaatiif fidaniiru.

Gareen ergamaan Addaa Ameerikaa kun fi dippilomaatoonni kaani of keessaatti hamate kunis turtiisaa Maqalee irratti motummaa irraa komiin irratti dhiyaachun ni yaadatama.

Kanaanis Gorsaan Nageenyaa Biyyaleessaa Ministira MUmmee Ambaasaadar Reediwaan Huseen garichi ‘‘marii nagaatiif dhiibbaa taasisuu dhiisee haaldureewwan TPLF guuchiisuufi sosoobbii TPLF irratti xiyyeeffateera’’ jechuun qeequunisaa ni yaadatama.

Ergamaan Addaa Ameerikaa Gaanfaa Afriikaa Ambaasaadar Maayik Haamar erga itti gaafatamummaa kana fudhataniin booda imala isaanii jalqabaa gara Itoophiyaatti taasisan kana dhumarratti ‘‘Ameerikaan walabummaa fi tokkummaa daangaa Itoophiyaa haala kabajuun Itoophiyaa deeggaruuf fedhii qabaachushee ibsuun barbaada’’ jechuu ibsi Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu baase ni mul’isa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabalunis haala bu’aa biyyoota lamaanii eegsiisuun nagaa buusuun haala danda’amurratti waliin mari’achuuf qondaaltoota Itoophiyaa waliin carraa argachus kaasaniiru.

Akkasumas, ‘‘dhimma hidha guddicha Abbayyaa fi karoora misooma qabeenyaa Itoophiyaan qabduu ilaalcisee caalaa hubadheera,’’ jechuun yaalii dippilomaasii gama Gamtaa Afriikaatiin taasifamun waliigaltee biyyoota yaa’aa abbayyaa hunda fayyadamtoota taasisu irra gahuun akka danda’amu ibsaniiru.

Dhimmi hidha guddichi Abbayyaa kan Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii jidduutti madda wal dhabdee ta’aa jiru kunis ergamaa addaa kanaaf ajandaa tokko yoo ta’u, Ambaasaadar Haama osoo gara Finfinneetti hin imaliin dura Masrii dowwatanii ture.

Gareen jila kanaatis Sadaasa dhufaa irratti yaa’ii biyyoota Afriikaa fi Ameerikaa kan AMeerikaan qopheessitu irratti Itoophiyaan akka hirmaattuuf affeerraa dhiyeessuun beekameera.

Ergamaa addaa waliin Ittaanaa Ministira Mummeefi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makooniin kan dubbisan Finfinneetti raawwachisaa dhimma Ameerikaa kan ta’an Ambaasaadar Tireesii Jaakoobsan, Itoophiyaan akka yaa’ii hoggantoota Ameerikaa-Afriikaa irratti hirmaattuuf affeerraa Itoophiyaaf dhiyeessuun dhagahameera.

Itoophiyaan yaa’ii kanarratti hirmaachun ishee rakkoolee idil-addunyaa ta’aniif furmaata waloo barbaachuuf yaalii taasifamu keessatti walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ameerikaa akkasumas kan Afriikaa ni cimsa jedhameera.

Torban tokkoo oliif Itoophiyaatti turtii kan taasisan ergamaan addaa gaanfa Afriikaa Ambaasadar Maayik Hamar namoota siyaasaa, gareewwan mirga namoomaaf falman, dureewwan waldaalee dubartotaa fi hayyoota biyyattiitti argaman waliin marii taasisaniiru.

Maayik Hamar ergamaa addaa gaanfa afriikaa waraanni Kaaba itoophiyaa kan wagga lama guutuuf jiru erga eegalee as yeroo mudaman sadaffaadha.

Dippilomaatoonni olaanoon Ameerikaa AMbaasaadar Hamar dura turanis tibba waraanni Kaaba Itoophiyaa cimeetti irra dedebiin gara itoophiyaa fi biyyoota naannichaatti imalaa kan turan yoo ta’u, haata’u malee bu’aan qabatamaan osoo hin argamiin eddoosaanii gadhiisaniiru.