Mootummaan Itoophiyaa gandoota 1200 ol hidhattoota harkaa baasuu hime

Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa

Madda suuraa, PM Office Ethiopia/twitter

Naannoo Oromiyaa keessatti gandoota 1255 hidhattootaan to'atamanii turan harkatti deebifachuufi caasaalee mootummaa diigamanii turanis deebisee ijaaruu isaa mootummaa Itoophiyaa beeksise.

Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa Wiixata baaseen baatilee darban keessa tarkaanfiin nageenya buusuu fi sochii diinagdee saffisiisan ciccimoon fudhatameera jedhe.

Naannoo Oromiyaa keessatti tarkaanfii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan 'Shanee' jedhuun irratti fudhatameen hidhattoonni 3180 to'annoo jala oolfamuu hima ibsi kun.

Hidhattoonni harka kennachuu hifatan lakkoofsi isaanii hin ibsamne ammoo ajjeefamaniiru jedha.

Dabalataan miseensonni 'Abbaa-Torbee, Juuntaa fi Al-Shabaab' hedduun to'atamaniiru jedhe.

Namoota to'annoo jala oolan waliin meeshaan waraanaa hedduun, rasaasni, konkolaatawwan akkasumas maallaqni guddaan qabamuu hime.

Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo godinaalee Shawaa, Wallaggaa fi Gujii keessaa dhabamsiisuuf komaandipoostiin ijaaramuunis ibsamee jira.

Gandoota 1739 to'annoo hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jala turani fi diigamanii turan keessaa 1255 to'annoo mootummaa jalatti deebi'uufi irra deebiin ijaaramuus himeera.

Namoota kuma 250 ol qe'ee isaaniirraa buqqa'an keessaa, kuma 47 ol qe'ee isaaniitti deebi'aniiru jedhe.

MM Abiy Ahimadiin kan durfamuufi hogganoota olaanoo qaamolee nageenyaa akka raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa fi tikaa akkasumas aanga'oota olaanoo mootummaa kan of keessaa qabu manni marichaa, hojiilee ariitiin raawatamuu qabu jedhee amma dura kallattii kaa'ee qorachuu hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataan magaalaa Finfinnee keessatti miseensonni "Shanee, Juntaa fi al-Shabaab 497 ol to'annoo jala oolfamaniiru" jedhe.

Shakkamtoonni yakka qindaa'aa hogganaa turan 314 akkasumas hogganoonni manneen hojii mootummaa magaalattii fi mootummaa federaalaa 75 to'annoo jala oolfamuus hime.

Naannoo Amaaraatti namootni kumaatamaan lakkaa'aman yakkaan shakkamanifi qaamolee nageenyaa ganuun hidhattootatti dabalaman tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiruun to'annoo jala ooluu hime.

Rakkoolee gaaffii Uummata Qimaant waliin qal-qabatee akkasumas Godina Addaa Saba Oromoo keessatti uumamee furuuf mariin uummata hirmaachise godhamaa jira jedhe.

Naannoo Kibbaatti nagaa fi tasgabbii uumuuf gaaffii gurmaa'insaa sabootni kaasan bifa sabatiinsa qabuun furmaata itti kennuuf hojjetamaa jira jedha ibsichi.

Naannoo Somaaleetti haleellaa al-Shabaab raawwate qolachuuf tarkaanfii fudhatameen hidhattoonni garichaa 813 yoo ajjeefaman 79 booji'amaniiru jedhe.

Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti hidhattoonni 1800 ol meeshaalee waraanaa hedduu waliin to'annoo jala oolfamuus himeera.

Waraana naannoo Tigraay karaa nagaa xumuruuf mariin itti adeemamaa jiru hanga bu'aa buusuutti mootummaan itti fufuuf ejjennoo qabaachuu hime.

Shororkeessitootaafi garee hidhattootaa sadarkaa yaaddoo hin taanerraan gahuu, uummata mariisisuu, qaamolee hidhatan hubachiisuu, dargaggoota hojii nagaa irratti hirmaachisuun hojiilee nagaa waaraa buusuu irratti akka xiyyeeffatamu manni marichaa kallattii kaa'eera.