Mootummaan dippilomaatota gara Maqalee imalan irratti komii dhiyeesse

Ambaasaadar Reediiwaan Huseen

Madda suuraa, Walta

Mootummaan Itoophiyaa ergamtootaafi dippilomaatoota biyyootaa liixaa dhiheenya gara Maqalee imalanii turan irratti komii akka qabu ibse.

Mootummaan waraana Tigraay kan wagga lama guutuuf deemu karaa nagaatiin furuuf jecha aanga’oota Tigraay waliin mari’achuuf gara Maqalee imalanii turan irratti gamadaa akka hin taane ibse.

Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee Ambaasaadar Reediwaan Huseen akka fuula Tiwitara isaanii irratti barreessaniitti, haala dippilomaatoonniifi ergamtoonni gara Maqalee imalanii turan dhimmicha itti qabatan ilaalchisee mootummaan Federaalaa komii irraa qabu hawaasa addunyaatiif ifa taasiseera jedhan.

Ambaasaadar Reediwaan jilichi marii nagaa irratti xiyyeeffachuun osoo irraa eegamuu, haal-dureewwan TPLF irratti xiyyeeffateera jechuun komate.

Jilli ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa Awurooppaafi Ameerikaa, akkasumas Itoophiyaatti ambaasaadaroota Kaanaadaafi Xaaliyaan of keessa qabu Kibxata Adooleessa 2, 2022 gara magaalaa guddoo Tigraay Maqalee imaluun aanga’oota TPLF waliin wali arguun isaanii ni yaadatama.

Dippilomaatoonni lixaa gara Maqalee imalauu isaanii hordofuunis ibsa waloo baasaniin, ‘‘walitti bu’insa Kaaba Itoophiyaa jiru furuudhaaf mariin siyaasaa barbaachisaadha,’’ jedhan.

Kana malees, dhorkaan boba’aa, maallaqa callaafi xaa’oo irra kaa’amee ture ka’uu qabaatan kan jedhan yoo ta’u, tajaajilliwwan bu’uuraa naannichatti adda citanii turan deebiifamanii suphuuf nageenya hojjattootaa kan mirkaneessu xalayaa naannoo Tigraay irraa mootummaa Federaalaatiif qabatanii deebi’usaanii ibsanii ture.

Komii mootummaa maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gorsaan nageenya biyyaaleessaa Ministira Muummee Ambaasaadar Reediwaan Husseen, dippilomaatoonni warra lixaa kunneen turtii Maqaleetti taasisaniin mootummaan Federaalaa gammadaa akka hin taane Tiwiitara saaniin barreessaniiru.

Ambaasaadar Reediwaan, ergamtoonniifi ambaasaadaroonni yaalii marii nagaa gochuu osoo irra jiru, haal-dureen qaama biraa ka’ame akka guutamuun irratti xiyyeefatan jedhan.

Tajaajilawwan bu’uuraa adda citanii turan ilaalchisee eejjannoo mootummaa ifaadha kan jedhan Ambaasaadar Reediwaan, haala tajaajila eegalchiisuu dandeessisuu uumuufi mariin nagaa eegaluun dursa kennamuufiif qabaata jedhan.

Ergamtoonni addaafi ambaasaadaroonni kunneenis imala isaanii Maqaleetiin booda ibsa baasaniin, ammas dhaadannoo ‘dhiyeessitiin deeggarsa namoomaa hin daangoofne’’ kan jedhu akkuma itti fufeetti jira kan jedhan Ambaasadar Reediiwaan, amma balaliinsaafi konkolaatoonni fe’umsaa hin daangoofneetu taasifamaa jira jedhan.

Dhimmi boba’aas furmaanni kennamaafi dhimma gama maraanuu diniqiisiifannaa argate ta’uu Amabaasaadarichi kaasaniiru.

Gamtaa Afrikaa qofaa

Ambaasaadar Reediwaan marii nagaa bulchiinsi isaanii humnootii Tigraay waliin taasisuu kan hogganu Gamtaa Afrikaa qofaadha jechuun ejjannoo mootummaa isaanii ifatti ibsan.

Kanaan dura mootummaan Federaalaa marii humnootii Tigraay waliin taasisuu Gamtaan Afriikaa akka hogganuuf fedhii qabaachu ibsee ture.

Humnootiin Tigraay gama isaanitiin pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa olaantumaan maricha akka hogganan gaafatanii turan.

Jilli ergamtoota addaafi ambaasaadaroota dhiyeenya gara Maqalee imalaniis marii hoggansa Gamtaa Afriikaatiin gaggeeffamu deegaruuf qophii ta’u ibsanii ture.

Fedhii marii

Waraanni Sadaasa 4, 2020 eegalee ture akka xumura argatu gochuuf, gama mootummaatiinis ta’e gama TPLFn mariidhaaf fedhiin jiraatuus hanga yoomaatti garuu qaamooleen lamaanu fuldura wal hin agare.

Mootummaan Federaalaa marii TPLF waliin taasisee akka hoggananiif koree miseensa torba qabuufi Itaanaa Ministira Mummeefi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Damaqaa Makonniin hogganamu ijaaruun hojii eegalu beeksiisuun ni yaadatama.

Humnootiin Tigraayis aangaa’oota mootummaa Itoophiyaa walin marii jaarsummaa Mootummaa Keeniyaan gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta’usaanii beeksiisaniiru.

Qondaala olaanaa TPLF kan ta’an Obbo Geetaacho Raddaa, jila qondaaltoota olaanoo of keessaa qabuuf humnootiin Tigraay bakka bu’uu qopheessuu fi mariichaaf erguuf qophii akka ta’e beeksiiseera.

Mootummaan Itoophiyaa mariachi sadarkaa ardiitti akka durfamuuf fedhii cimaa qabaachuu irra deddeebiin kan beeksiise yoo ta’u, qondaaltoonni TPLF garuu Gamtaa Afriikaa irra pirezidaantiin Keeniyaa amma aangoorra ka’uf jiran Uhuruu Keeniyaataa akka jaarsummaa taa’aniif akka barbaadan ibsuun ni yaadatama.

Torbaan darbe waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti dippilomaatiin olaanoon Dhimmoota Afriikaa, Mooliifii Koree quunnamtii dhimma alaa Mana maree Ameerikaatti, mariin warana kaaba Itoophiyaa dhaabuuf karoorfame filannoo Keeniyaatiin harkifachu dubbachuunsaani ni yaadatama.

Itti dabaluunis filannoon Keeniyaa Hagayya 9, 2022 gaggeeffamu erga xumurameen booda ni eegalama jedhanii akka abdatan dubbachuu AFPn gabaasee ture.